Xiinxala:Manneen hidhaa al-Idilee Oromiyaa bakka “mirgis, namummaanis hin jirre” – ragaa bahuumsa hidhamtoota duraanii

Finfinnee, Amajjii 03/2023 – Mana hidhaa idilee keessaa baafamanii dhabamuun akkasumas manni murtii bilisa erga baaseen booda hidhaamanii turuun naannoo Oromiyaatti baratamaa dhufee jira. Hidhaan seeraan alaa akka kanaa buufatalee poolisii, manneen hidhaa al idilee fi mooraa leenjii waraanaa ykn buufata loltoonni keessa qubatan keessatti ta’uu gabaasani Komishiini mirgoota namoomaa Itoophiyaa mul’isee jira.

Hidhamtoonni  keessumaa hoggantoonni Adda Bilisummaa Oromoo hedduun adeemsa seeraan ala hidhamanii akka jiran kan eere gabaasichi, dabaluunis “…turtii ji’ootaa hanga waggaa 2 ta’uuf bakka garagaraatti naanna’uun seeraan ala hidhaarra kan jiranii fi muraasni isaanis qabiinsa sirri hin taane fi reebicha adeemsa hidhaa irratti isaanirra gaheen miidhaa qaamaa fi rakkoo fayyaaf  saaxilamuu isaanii [KMNI] hubateera” jedhe.

Addis Standard namoota lama manneen hidhaa akkasii keessa turan dubbisuun haalli qabiinsa, adeemsi mana murtii, akkamittiin mana hidhaa tokko irra gar biraatti akka dabarfaman akkasumas adeemsa akkamiin akka hiikaman gaafatee jira.

Ragaaleen kun sodaa nageenyaa isaaniif akkasumas doorsisa irra gahe irraa kan ka’e maqaan isaanii akka hin eeramne gaafataniiru.

Adeemsa Hidhaa

Hidhaan shakkii hirmaannaa siyaasaan walqabate adeemsa seeraa fi ajaja mana murtii malee kan gaggeeffamuu ta’uu gabaasaleen ni eeru. Kunis hidhaa gaggeessaa Waldaa haaromsa Finfinnee fi qondaala Siyaasaa ABO Battee Urgeessaa irratti mul’ateera.  Adeemsi hidhaa ragaalee kunneenii kana irraa adda miti.

Dibaabaa(Maqaan sodaa nageenyaaf kan jijjiiirame) Caamsaa 3/2021 manni inni keessa jiraatu halkan keessaa 2:30-3:30 humnoota nageenyaatiin( Poolisii  Federaalaa, Poolisiin magaalaa Finfinnee fi qaama tikaan) erga sakatta’amee, meeshaalee elektirooniksii hunda fudhatanii booda halkan sa’aati 7:30tti qabamuu hima. 

“Anaa fi namoota biroo lama Godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee Burraayyutti kan argamu Qajeelcha Poolisi Magaalaa Burraayyuutti geessuun nu hidhan”jedha. 

Tolaa (Maqaan sodaa nageenyaaf kan jijjiiirame) magaala Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti Mudde 11/2013 qabame. Akkataa itti qabame rifachisaa ta’uu kan eere Tolaan, qaamoleen na hidhuuf dhufan hedduudha Poolisiin Oromiyaa, Poolisii Magaalaa Finfinnee, Humni Addaa Oromiyaas akkasumas Poolisiin Federaalas keessa jiru. Manan keessa jiraadhu marsanii barii sa’aatii 12:00tti “Otuman rafuu kutaa ciisichaa kiyya dhiitanii ol seenan. Irriiba keessaa rifadhee ka’ee maali jedhee gaafannaan na reebuu eegalan. Sana booda waan barbaadan sakatta’anii meeshaa elektirooniksii tokko osoon hin hafin gurratanii demanii” jedha.

“Osoo  mana murtiitti na hin dhiheessin yeroo jalqabaaf Qajeelcha Poolisii magaalaa Galaanitti Qorattoonni Komishiinii Poolisii Oromiyaa irraa dhufan waajjira isaanitti na yaamuun ji’oota 4 booddee akka adeemsa seeraa naaf qabsiisuu hedan natti himanii…”

Adeemsa kana keessa meeshaan sodaachisuu malee gaaffiin tokko hin turres jedha. Maaliif akka nu hidhan yoo gaafannu, “Isin shaneedha jedhan as keessa teessanii biyya diiguu barbaaddu, juntaatu maallaqa isiniif kenna jedhan.” Sana booda fuudhanii buufata poolisii magaalaa Buraayyuu na geessan jedha.

Adeemsa Mana Murtii

Tolaan guyyaa saddeetiin booda mana murtii aanaa magaalaa Buraayyuutti himanni “Shaneedha warra  juntaa wajjiin  biyya diiguu barbaaddanii ” jedhun himatame. Sana booda qorannoodhaaf guyyaan 14 poolisidhaaf kenname jedhe. Haaluma kanaan osuma deddeebinuu beellama guyyoota 57 akka fixan kan hime Tolaan, “Poolisiin ragaa dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef  gaafa 15/06/2013 galmeen keenya cufamee manni murtii bilisa nu baase.  Haata’u malee mana murtiiti deebisanii nu hidhan.” jedha. 

Dibaaban garuu carraa mana murtiitti dhiyaachuu hin arganne. “Osoo  mana murtiitti na hin dhiheessin yeroo jalqabaaf Qajeelcha Poolisii magaalaa Galaanitti Qorattoonni Komishiinii Poolisii Oromiyaa irraa dhufan waajjira isaanitti na yaamuun ji’oota 4 booddee akka adeemsa seeraa naaf qabsiisuu hedan natti himanii, qorannoo erga taasisanii booda waraqaa Meeshaa Waraanaa fi Galaa WBO Kibbaatiif daddabarsu, Mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa akkan labse,  Midiyaa irratti haasawa taasiseen akka mootummaa irratti ummata kakaase jedhu naaf kennan. San booda natti hin deebine mana Murtiitittis na hn dhiheessne.” jedha.

Tolaan garuu erga bilisa jedhamee hidhaatti deebi’ee hidhamee ji’a tokkoofi guyyaa 15 booda ol iyyannoo dhiyeeffate manni murtii aanaa na hin ilaallatu jedheen. Sana  booda adeemsa seeraa itti aanu adeemuu hin dandeenye jedha Tolaan. Gara mana hidhaa biraatti dabarfame.

Gabaasni KMNI camsaa darbe baases komishinichi hidhamtootni manni murtii wabiin akka gadhiifaman murtaa’ef, galmeen himannaa isaani cufamee murtoo mana murtiin bilisaan kan gaggeeffaman, himannaan tokkollee kan irratti hin dhiyaanne fi Abbaan Alangaa himannaa akka irratti hin banne mirkanaa’e galmeen qorannoo isaani kan cufame mana hidhaa keessatti daawwateera.

Manneen Hidhaa Garaagaraa fi Muudannoo

Gabaasni Komishini Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hidhamtoonni seeran ala hidhamanii jiran manneen hidhaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuu, Galaan fi Sabbataa, Qajeelcha Poolisii Buraayyuutti fi Galaanitti Kaampii Poolisii Addaa Naannoo Oromiyaa keessa jiraachuu eera.

Ragaaleen lamaan kun yeroo hidhamanii turanitti yoo xinnaate manneen hidhaa sadii ol keessatti hidhamaniiru. Isaanis Buufata Poolisii Buraayyuu, Awaash Malkaasa, Buufata Poolisii Galaan fi Mooraa waraanaa Galaan Sololiyaati. 

Adeemsi mana hidhaa tokko irraa gara mana hidhaa biraatti jijjiiramuu karaa seera qabeessaan osoo hin taane bifa butamuu fi achi buuten dhabamuun akka ta’e gabaasaleen himu.

Dibaabaan, Qajeelcha Poolisi Magaalaa Burraayyuutti guyyoota  25f  erga hidhamee booda gaafuma Caamsaa 28, 2021 waaree booda hidhamtoota 400 ta’an waliin gara Awaash Malkaasaatti geeffame. Turtii qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuu “nyaatni hin jiru, Bishaan dhugaati fi Dhiqannaa hin jiru yeroo nama dhukkubu mana yaalaa  hin geessan, haala ulfaataadha kan keessa turre. Gaaffii mirgaa, gaaffii bu’uuraa gaaffachuun si adabsisa” jechuun ibsa.

“Dargaggoota daandii irraa qaban isin shanee jechuun baay’ee hiraarsu. Isaan kana reebanii, caccabsanii halkan sa’aatii 8:00, 10:00 keessa fidanii nutti maku.”

Tolaan turtiin qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu maatii dubbisuun, abukaattoon wal arguun akkan nama maatii dubbisu tokkootti waan danda’amuuf manneen hidhaa isaan kaan irra wayyoo qaba jedha. Ani hin miidhamne garuu namoota biroo irraa miidhaa yeroo ga’u argeera, “Dargaggoota daandii irraa qaban isin shanee jechuun baay’ee hiraarsu. Isaan kana reebanii, caccabsanii halkan sa’aatii 8:00, 10:00 keessa fidanii nutti maku. Nutis haga dandeenyu akka tasgabbaa’an goonee, qaama reebame sukkuumnaaf” jechuun haala ture ibse.

Itti fufuunis “Dargaggeessi waraqaa eenyummaa Lixa Wallaggaa qabu tokko humna addaa Oromiyaatiin daandii irraa qabamee hedduu reebamee yeroo harkatti laafu buufata poolisii fidanii dhufan. Yoo arginu ni du’a seenee boonye, akka carraa ta’ee lubbuun hafe” namoota haala armaan oliin reebaman keessa kan baay’ee na rifaasise kana jedha Tolaan. Kuni kan ta’u bakka seerri itti tikfamuu qabu buufata poolisii keessatti jedhe.

Tolaan turtii hidhaa qajeelcha poolisii buraayyuu booda Caamsaa 2021 gara mana hidhaa al-idilee Awaash Malkaasa geeffame hanga Adoolessa gara xumuraatti achuma ture.

Dibaabaanis “Caamsaa 28, 2021 Waaree Booda hidhamtoota 400 ta’an waliin Mooraa Awaash Malkaasaa Galma Guddaa keessatti namoota 169 waliin kutaa tokkotti hidhame” yeroo turtii fi haala achi itti geeffame ibse.

Tolaan manni hidhaa Awaash Malkaasaa Adaama darbee ganda baadiyyaa keessa akka jiru hima. Iddoon kun kaampii Humna Addaa Oromiyaati jedha. Awaash Malkaasatti maatiin nama hin gaafatu namnuu karaa sana hin darbus jedha.

Iddoon akka mana hidhatti faayidaaf oolu kun mana horsiisa lukkuu tures jedha. Ijaarsi fi haalli mana hidhaa maal akka fakkaatu yoo ibsu, “manni horsiisa lukkuuf ijaaramee akka mana hidhaatti tajaajilu kun dheerinni isaa meetira 40-50 balinni isaa ammoo meetira 15-20 ta’a jechuun tilmaama. Manni kun bilookettiin kan ijaarame yoo ta’u gubbaan isaa qorqorroo furdaan haguugame.  Fooddaa ykn karaa qilleensi seenu hin qabu. Kunis argamni iddochaa sulula qinxaamaa keessa waan ta’eef manichi baay’ee akka ho’u taasisee jira.” jechuun ibsa. Kutaan inni itti hidhame kana haata’u malee kutaaleen biroo kan barsiisonni yuunivarsiitii jimmaa, koloneel Gammachuu ayyaanaa faa keessa turanis jira jedhe.

Haata’u malee mana kana keessatti namoota 169 tu hidhamee ture jedha Tolaan. Kunis haafurumti hidhamtoonni baafatan deebisee akka nama hukkaamsu taasisa jedha.

Haalli nyaataa ganama daabboo fi shaayi tokko, guyyaas daabboo fi shiroo, galgalas akkasuma. Bishaan dhugaatii qulqulluun hin jiru. Bishaan magaalatti biqiltuu obaasantu nuuf dhiyaata. Filannoon biraa waan hin jirreef isuma dhugna jedhe.

Qulqullina  dhuunfaa eeguun rakkisaa akka ture kan eere Tolaan hanqina bishaaniin alatti manni fincaanii xiqqaa ta’uu eera. “Manni fincaanii kutaa 16 qaba, balbala hin qabu. Yeroo fayyadamnu poolisiin qawwee qabatee nu dura dhaabbata. Hidhamtoonni 400 ta’an sa’aatii tokko keessatti mana fincaanii fayyadamanii xumuruu qabu. Nama tokkoof daqiiqaa tokko caalaan hin kennamu.”

Dibaabaan miidhaa mana finchaanii fayyadamuun walqabatee irra gahe yoo himu, “Waxabajjii 8, 2021 Awaash Malkaa Sa’aa dhaqee torbaan tokko booda Mana fincaanii daqiiqaa 1 akka fincoofnuuf nuuf kennan daqiiqaa tokko gidutti waan xumurachuu dadhabeef Kophee Kaskisii, Sadafii Qawwee fi Uleedhaan Poolisiin gamtaan na reebanii miidhaa hamaa narraan gahanin hanga ammaatti lafeen dugda kiyyaa dabalatee qaama koo guutuu miidhaa guddaa narraan gahan. Hanga mana hidhaatii bahe yaaalamus ammas dugdi duubni koo ammayyuu midhama qaba.” jechuun ibsa. Tolaanis taatee dibaabaa moodate kana mirkaneessee jira.

Tolaan itti fufuun qulqullina eeggachuu dhabuun rakkoo fayyaa garaagaraatiif akka hidhamtoota saaxile ibsa. “Waanti ittiin qulqullina eegan[Sooftii/waraqaa/bishaan] waan hin jirreef mana fincaanii irraa kaanee garuma kutaa keenyaa galla. Sana booda harkuma mana fincaanitii baanee osoo hin dhiqatiin hiriiraan cireef yaana”. Tolaan guyyoota 45f harka, fuulas ta’ee qaama osoo hin dhiqatin akka ture dubbata. 

Hanqinni qulqullinaa namoota hedduu dhibeef saaxila, namoota baay’ee garaakaasa yeroo dhukkubsatan halkan karri waan hin saaqamnee fi qodaan biroos waan hin jirreef namoonni dhukkubsatan manuma sana keessa taa’u jedha. Namni dhukkubsatee mana keessa taa’uun adabbii cimaa akka qabu dubbata Tolaan “Warri poolisii ganama dhufanii eenyutu kana godhe jedhanii uleen namatti gamu. Sana booda nama hunda gadi baasanii arfanii deemsisu, garaadhaan lafaarra akka loo’an taasisu.

Dabaluunis “Achi wanti mirgaa fi namummaa jedhamu hin jiru” jedha. Fakkeenyaaf ajaja diduunis nama adabsiisa jedha. “Hidhaman tokko dhukkubsatee fiigi jennaan hin danda’u dhukkubsadheen jira jedhe, san booda akkamitti didda jechuun uleen dhaananii mataa buruksan.”

Turtii baatii 3 Adoolessa 18, 2021 booda Tolaa fi Dibaabaan mana hidhaa Awaash Malkaasaa irraa gara Qajeelcha Poolisii magaalaa Galaanitti geeffaman. “Qajeelcha Poolisii Magaalaa Galaani fuudhamnee achuma ollaa sana Galaan Dirree Sololiyaa Mooraa hiraarsaatti kan geeffamne, gaafa Flbaana 21, 2021 ti. Qajeelcha Magaalaa Galaan Adoolessa 18, 2021 hanga Fulbaana 21, 2021  ji’oota 2f turre.” jedha Dibaabaan. Tolaanis guyyuma sana gara Galaan Sololiyaatti geeffame.

“waan Dirree Sololiyaatti ta’u ibsuun hedduu rakkisa. Mootummaan nama tokkoof nyaataaf jedhee qarshii 20 kenna. Sanuu yeroo isaatti hin ergu, Shiroon tokko qarshi 35, Daabboon tokko Qarshii 7, Shaayiin Qarshii 7 sana irraa ka’uun nyaanni maal fakkata isa jedhu tilmaamuun salphaa dha.”

Tolaan galaan Sololiyaan naannoodhuma magaala Galaanii  fi magaalaa Finfinnee gidduu daandii irraa fagaate akka argamu hima. Sololiyaan bakka hawaasa irraa fagaatee qophaatti bahees jedha.

“Kaampii kana keessa kutaa afur jiran keessa kan ani keessa ture tilamaaman dheerinni meetira sadi bal’inni immoo meetira afuriitu jira. Kutaan sun duubaan foddaa qaba ture amma garuu qorqoorrodhaan cufamee jira. Karaan qilleensi seenu tokko hin jiru.” jechuun ibsa Tolaan. Manneen kunneen keessa walumaa galatti  namoota 100 ol ta’uun hidhamnes jedha. 

Tolaan jalqaba yeroo mooraa sana seennamu kan dhagahamu iyya nama fannifamee fi iyya nama reebamuuti jedha.

Dibaabaanis haala Sololiyaa ture akkasittiin ibsa “waan Dirree Sololiyaatti ta’u ibsuun hedduu rakkisa. Mootummaan nama tokkoof nyaataaf jedhee qarshii 20 kenna. Sanuu yeroo isaatti hin ergu, Shiroon tokko qarshi 35, Daabboon tokko Qarshii 7, Shaayiin Qarshii 7 sana irraa ka’uun nyaanni maal fakkata isa jedhu tilmaamuun salphaa dha. Dhiqannaan hin jiru, torbaanitti al tokko hulaan sirraa banama. Sanuu daqiiqaa muraasaaf yeroo sana dhiqatta, manni dhiphaa  kutaa tokko namota 30_35 tiin ciifta. Balballi halkaniifii guyyaa cufaadha yeroo fincaanii sirraa banu. Bitaaf mirga hin mil’attu fiigdee mana fincaanii seentee fiigdee deebita. Dhalli namaa achi keessa jiru kutaa hiraarsaatti  halkanii fi guyyaa aadaa oola. Isa darbaa iyyu huccuu afaanitti cuqqaalanii fannisanii hiraarsu. Namonni akkas godhan muraasni kutaa ciisichaa koo turan jiru. Qaamni saani hundi hiraara irra gaheen midhaa hamaaf saaxilameera, maqaa isaanii hin yaadadhu, yeroo fincaaniif baanu akka carraa fuulleetti kanneen arginu warri mana fincaaniis baadhatani geessan danuu dha.” Dibaabaan  Sololiyaatti carraan maatii, firoota fi ogeessa seeraa dubbisuu gonkumaa hin yaadamu; hin jirus jedha. 

Tolaan Sololiyaatti namootni baay’ee reebamu fi nama ciibsanii faana irra ejjatanii cabsu, namootni baay’een mooraa sana keessa turan ni okkolu jedha. Reebichaa akkasumsas hiraarsa namootaa sololiyaa turanii yoo ibsu Tolaan, “Mana keessa teenyee nama yeroo dhaanan ni dhageenya, qaawwa balbalaatiin ni ilaalla. Yeroo nama dhaananii harkatti laafe[du’uus danda’a] baatanii ambulaansitti fe’anii deemu. Namoonni haala kanaan ba’an hin deebi’an” jedha.

Tolaan qaamoleen mooraa sana tiksan namoota hiraarsu fi reebuun hojiidha jedhu, “Yeroo nama fidanii hiraarsuuf qophaa’an balbala nutti cufanii akka teenyu nu ajajuun hojii eegaluufi nuun jedhu” jedha.

Tolaan hoggantoonni Adda Bilisummaa Oromoo Abdi Raggasaa, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa waliin akka ture hima. Sababa hidhamaniif komishiini poolisii Oromiyaa  yeroo gaafatan qaama olaanatu isin olkaawwate deebii jedhu akka argatanis  himeera Tolaan.

Adeemsa mana murtii Koloneel Gammachuu Ayyaanaa irratti manni murtii “Himatamtoota eenyu akka hidhe waan hin beekamneef” himatamtootni mana hidhaa akka turan murteessun isaa Tolaaf gaaffiidha.

Dibaaba fi Tolaan Dhuma irratti sababa akkasumas adeemsa seera qabeessa tokko malee kanaan booda ni  hordofamtu, mallatteessaa galaa jireenya keessan jiraadhaa jedhamuun gadi lakkifaman.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.