Manni Murtii Galmeen Kol. Gammachuu Ayyaanaa Akka Cufamu,Himatamtootni Hidhamanii Akka Turan Murteesse

Finfinnee, Guraandhala 9/2022-  Manni murtii Waliigalaa Federaalaa galmee Koloneel Gammachuu Ayyaana fi kanneen biroo afur akka cufamu murteesse. Murtiin kun kan murtaa’e erga abukaattootni hidhamtootaa sarbiinsi mirga namoomaa hidhamtoota irra gahera, kana malees poolisii fi abbaan alaangaa ajaja mana murtii hin  kabajan jechuun himata dhiyeessani booda. Himatamtoota galmee kana jala jiran keessa namni sadi mana murtiitti dhiyaatanii jiru, garuu namootni lamaan hafan eessa akka jiran hin beekamu jechuun abukaatton isaanii Milkiyaas Bulchaa Addis Standarditti hime. 

Sadaasa darbe Abbaan Alangaa, galmee Gammachuu Ayyaanaa fi kanneen biroo 13, himata manni murtii bilisa isaan baasee ture irratti ol iyyannoo ji’a ja’a booda gaafate. Ol iyyannoon Abbaa Alangaa murtii manni murtii Olaanaa Federaalaa ragaalee abbaa alangaa haasaa bilbilaa waraabame labsii 1176/2012 bu’uureffatee kufaa taasise mormee dhiyyeffate. 

Abbaan Alangaa labsii kun erga himatamaan shororkeessummaan himatame booda waan labsameef manni murtii ragaalee abbaa alangaa akka fudhatu gaafate. Kana malees ragaalee namaa godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaa jiraatan sababa rakkoo nageenyaatiif dhihachuu waan hin dandeenyeef murteen himatamtoota bilisa taasise akka kufuu fi ragaan haasaa  bilbilaan waraabame akka fudhatamu gaafate.

Beellamoota itti aananitti abukaattotni sarbiinsa mirga namoomaa himatootaa irra gahe ilaachisuun mana murtiitiif himata dhiyeessanii jedha Milkiyaas. Seeraan  ala hidhamuu akkasumas mana murtiitin erga hiikamanii deebi’anii hidhamuun himatamoota irra gahe jira. 

Dabalataanis  abukaattotni himatamtootaa adeemsa abbaan alangaa fi poolisiin, maamila isaanii  ji’a ja’aa oliif  ajaja mana murtii diduun hidhaa keessa tursan irratti gaaffii qaban dhiyeessaniru.  Abukaattotni Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa dhiitta mirga namoomaa himatmtoota irra gahaa ture dhaabsisuu dadhabuun itti gafatammummaa isaa bahachuu dadhabe jechuun himatan. “Maamilootni keenya akka bilisa ta’an gaafanna. Maamilootni keenya seeran ala hidhamuu qofa osoo hin taanee abukaattota isaanii waliin akka wal hin argine dhorkamaniiru.”

Abukaattotni hidhamtootaa maamilootni isaani hiikamanii himata isaanii ala taa’anii akka hordofan gaafatamuu kan dubbate Milkiyaas walabummaa mana murtii irraa shakkii qabu ibse. Gareen abukaattoo qamoleen sirna haqaa keessa jiran hundi Abbaa Alanagaa irraa kaasee hanga Poolisii Federaalaatti seera yakkaa akkasumas seera hariiroo hawaasatiin akka gaafataman himan. 

Abbootiin  seeraa ol iyyannoo Abbaa Alangaa ugguruun himata sarbama mirga namoomaatiif Abbaan Alangaa ibsa akka kennuu gaafate. Haa ta’u malee manni murtii “Himatamtoota eenyu akka hidhe waan hin beekamneef” himatamtootni mana hidhaa akka turan murteesse jedha Milkiyaas. 

“Manni murtii eenyu akka himatamtoota hidhe wallaaluun isaa nama dhiba. Komii keenya koree bulchiinsa abbootii seeraatti ni dhiyeeffanna.”jedha Milkiyaas. Dabaluunis, “Maamilootni keenya, manneen hidhaa seeraan alaa dabalatee manneen hidhaa hedduutti geeffamanii jiru, amma garuu waajjira Poolisii Federaalaatti hidhamanii jiru. Abbootiin seeraa maamiloota keenya maaliif akka hin hiikiin hin beeknu.”jedhe. 

Abbootiin murtii beellamas ta’ee yeroo abbaan alangaa qorannoo sarbama mirga namoomaa itti dhiyeessuu hin ibsine jedhe Milkiyaas. Dabaluunis “Adeemsi kun seera biyyattiis ta’ee kan idil addunyaa kan cabse fi adabbii naamusaa kan qabu.” Abukaattotni maamiloota waliin erga mari’atanii booda ol iyyannoo  koree bulchiinsa abbotii seeraatti yookan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaatatti ni dhiyyessina jedha. 

Oolmaa mana murtii booda himatamtootni mana hidhaa Poolisii Federaalaatti iddoo ji’oota darbaniif itti hidhamanitti deebifamanii jiru. 

Adeemsi mana murtii, himatamtoota galmee koloneel Gammachuu Ayyaanaa jala jiranii, mana murtii irraa hafuu abbootii seeraa dabalatee bu’aa ba’iin kan guutame ture.  Beellamootni baay’een dabarfamanii jiru. Koloneel Gammachuun Sadaasa 29/2021 mana murtiitti yeroo dhiyaatu abukaattoon isaanii quba akka hin qabne maatiin isaa Addis Standarditti himanii turan. 

Beellama Mudde 16/2021 fi 17/2021 irratti Poolisiin koloneel Gammachuu hin dhiyeessine. Mudde 29/2021 beellama mana murtii Waliigalaa Federaalaa Caffee Araaraatti kan dhiyaatan Koloneel Gammachuu Amajji 10/2022 beellamaman. 

Qondaalli  ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa  booda  Dilbata Adooleessa 4,2020 yeroo lammaffaaf hidhame himanni shororkeessummaa irratti baname. Erga hidhamee adeemsa mana murtii wal xaxaa keessa kan darbee fi  yeroo baay’ee mana murtiitin hiikamus deebi’ee hidhamuun  manneen hidhaa seeraan alaa dabalatee manneen hidhaa seera qabeessa keessatti ji’oota 18 tiif hidhamee jira jedha Milkiyaas. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.