Oduu: Itoophiyaa fi Baankii Misooma Afrikaa oomisha qamadii guddisuuf waliigaltee deeggarsa doolaara miiliyoona 84.3 mallatteessan

Oyiruu qamadii Naannoo Oromiyaa keessatti argamu. Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Finfinnee, Hagayya 17/2023 – Baankiin Misooma Afrikaa deeggarsa maallaqa dolaara miiliyoona 84.3 Itoophiyaatti oomisha qamadii fooyyeessuu fi galii qonnaan bultoota dabaluuf oolu Itoophiyaaf kennuu beeksise.  

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shidee fi Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Garee Baankii Misooma Afrikaa Damee Baha Afrikaa Abdul Kamaraa waliigaltee deeggarsa maallaqaa raawwii Pirojektii Misooma Cancala Qamadii Haala Qilleensaa Danda’u biyyattiif oolu Hagayya 2 bara 2023 mallatteessaniiru.

Deeggarsi kun Fandii Misooma Afrikaa irraa sirna biyyoota galii gadi aanaa qabaniif liqii laafaa kennuun doolaara miiliyoona 54, Mootummaa Nezerlaand irraa doolaara miiliyoona 20, dhaabbata daldala qonnaa OCP Afrikaa irraa doolaara miiliyoona 10, fi Giddugala Madaqsuu Addunyaa irraa doolaara kuma 300 kan of keessaa qabudha.

Mootummaan Itoophiyaa pirojektichaaf deeggarsa maallaqa doolaara miiliyoona 10 kan gumaachu ta’uus eerameera.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Garee Baankii Misooma Afrikaa Damee Baha Afrikaa Abdul Kamaraa haasaa sagantaa walii mallatteessuu Finfinneetti gaggeeffame irratti taasiseen, “Pirojektiin Misooma Cancala Qamadii Haala Qilleensaa Danda’u qonnaan bultoonni Itoophiyaa galtee qonnaa argachuun oomisha qamadii biyya keessaa guddisuu akka danda’an kan taasisu yoo ta’u, kunis addaan ciccituun dhiyeessii sababa waraana Raashiyaa—Yukreeniin uumame akka hin hammeessineef gargaara. Akkasumas, Itoophiyaan qamadii of danda’uu fi al-ergii irratti xiyyeeffachuu irratti tarkaanfii fakkeenyummaa qabu fudhachaa jirtu itti fufsiisuuf akeeka,” jedhe. 

Akka odeeffannoo Baankii Misooma Afrikaa irraa argameen, Itoophiyaan Afrikaa Kibbaatti aantee biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii jiran qamadii oomishuun sadarkaa 2ffaa irratti argamti. Biyyattiin teeknooloojiiwwanii fi kalaqawwan mirkanaa’an kanneen akka Teeknooloojiiwwan Jijjiirama Qonnaa Afrikaa bobbaasuun bara 2025/26tti qamadii jallisii toonii miiliyoona 4.2 dabalataan oomishuuf karoorfattee jirti. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.