Daldala: Saafaariikoom Itoophiyaan tajaajila M-pesa eegale

Finfinnee, Hag 16, 2023 – Saafaariikoom Itoophiyaan tajaajila faaynaansii moobaayilaa M-PESA jedhamu kan baankii biyyaalessaa irraa ji’a sadi dura eeyyama argate har’a eegaleera.

Tajjajila eegaluun dura tajaajila shaakalaa ji’a sadiif miiltoowwan akka baankii fi bakka bu’oota M-PESA leenji’an waliin hariiroo hundeessaa erga turee booda tajaajilaaf guyyaa har’aa tajaajila eegaleera.

Maamiltoonni Safaricom Itoophiyaa moobaaayial Android fi IOS qaban lakkoofsa *733# bilbiluun tajaajila M-PESA kan argatan ta’a. Akkasumas, appilikeeshiniin qophaa’ee jiru afaan shaniin qophaa’ee jiru buufachuun dhimma bahuu kan danda’an ta’uu addeesseera.  

M-PESA fayyadamuun biyya keessa qarshii erguu fi biyya keessaa fi alaa qarshii fudhachuu, kafaltii raawwachuu, yeroo qilleensaa bitachuu, baankii gara baankii qarshii daddabarsuu fi herrega baankiitii gara M-PESA ergachuu ni danda’u.

“Itoophiyaa keessatti tajaajila faaynaansii M-PESA maamiltoota keenyaaf eegaluu keenyatti baay’ee gammadna. M-PESA tajaajila faaynaasnii hunda hammataa dhugoomsuu keessatti faayidaa olaanaa kan qabu fi maamiltoota miliyoona 51 ta’an biyyoota Afrikaa torba keessatti argamaniif tajaajila daldalaa amanamaa fi nageenya qabu kennaa jira. Maamiltoonni keenya tajaajila qulqullaa’aa akka argataniif tajaajila keenya babal’isuu itti fufna. M-PESA tajaajila faaynaansii hunda-hammaata dhugeessuu fi kalaqa dijitaalaa guddisuu kan bara 2025 karoorfame dhugoomsuu keessatti keessatti gahee olaanaa taphata,” hojii gaggeessaa Safariikoom Itoophiyaa Staanlii Njooroogee tu jedhe.  

“M-PESA tajaajila mijataa fi amansiisaa waaan ta’eef baankii fi baankiin alaa moobaayilaa Afrikaa milkaa’aa fi waltajjii teeknoolojii faaynaansii guddaadha.  Namoota moobaayila fayyadaman garuu herrega baankii hin qabne miliyoonotaan lakka’aman tajaajila kanttti dhimma bahaa jiru. Keeniyaa keessatti namoonni gurguddoon dhiibbantaa  90 ta’an tajaajilli faaynaansii hunda-hammataan akka argataniif haala mijeessee jira. Milkaa’ina kana Itoophiyaatti dhugoomsuuf fedhii waan qabnuuf tajaajila eegaluu keenyatti gammadne jirra. Ji’oota dhufan keessa tajaajilaa haaraa itti dabalaa dabaluun humna jijjiiruu M-PESA qabu Itoophiyaanota waliin dhugoomsuuf ni hojjana,” Paawl Kaavaavuu hogganaa waliigalaa M-PESA itoophiyaatu jedhe.

Tajaajilii faaynaansii M-PESA Saafaarikoom qaama dhaabbbata eeyyama seeraa qabu Saafaariikoom Itoophiyaati.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.