Oduu: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobiitti haleellaa humnoonni mootummaa raawwataniin namootni nagaa 12 ajjeefaman: Jiraattota

Finfinnee, Hagayya 15/2023 – Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobii ganda Bakkee Oofuu,  magaalaa Finfinnee irraa fageenya gara kiiloo meetira 120 irratti haleellaa humnootni nageenyaa mootummaa raawwataniin lammiileen nagaa 12 ajjeefamuu fi afur madaa’uu jiraattonni Addis Standarditti himan.

Jiraataan aanaa Cobii ganda Bakkee Oofuu ilmaan obboleewwan isaa lama jalaa ajjeefame tokko akka Addis Standarditti himetti, waraanni mootummaa “duula WBO dhabamsiisuu” jedhuun naannichatti bobbaafame lammiilee nagaa ajjeesuu himeera. “Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa aanaa Cobii ganda Qorichaa Kotichaa lafa gabaa Dilbataa keessa qubatanii turan.”

Akka jiraataan kun jedhutti, miseensonni RIB ganda kana keessa qubatanii turan Hagayya 10, 2023 ganama barii gandoota akka Qorichaa Kootichaa fi Bakkee Oofuutti mana jireenyaa namoota keessa seenuu fi daandii irratti haleellaa raawwataniiru. Aanichatti namoonni 12 kan ajjeefaman yoo ta’u, namoota afur madaa’uu jiraataan kun eereera.

Haleellaa kanaan daa’ima umrii 11 hanga maanguddoo umrii 70tti jiran miidhamuu kan hime jiraataan kun, namootni ajjeefaman kunneen Karrayyuu Araarsaa Yaadasaa haadha warraasaa isaa Araarsee wajjiin, Gurmuu Jifaaraa, Abbishuu Jifaaraa, Tasfaayee Jifaaraa, Abarraa Jifaaraa (miseensota maatii tokkoo), Fiixaa Milkeessaa fi obboleessa isaanii Mogoraa Milkeessaa, Maanguddoo Dhugaasaa fi haadha warraa isaanii Xuruu Yaadasaa, Tolasaa Dirribsaa, Girmaa Bakaraa kan jedhaman ta’uu eereera.  

Namoonni kunneen jiraattota aanaa Cobii gandoota Bakkee Hoofuu, Qoricha Kootichaa fi aanaa Ilfataa ganda Dirree Bareedaa yoo ta’an, garii isaanii mana jireenya isaanii keessatti gariin ammoo daandii gubbaatti rasaasaan kan ajjeefaman ta’uu jiraataan Addis Standard himeera.

Haleellaa kanaan ilmaan obboleessa isaa lama kan jalaa ajjeefaman jiraataan kun, “taateen kun gadda ulfaataa keessa nu galcheera,” jechuun haala jiru ibseera. 

Jiraataa aanaa Cobii kan biraa haleellaa kana dheessuun gara aanaa Jalduutti baqatee akka Addis Standarditti himetti, namoota 12 ajjeefamanii fi afran madaa’aaniin alatti dubartoonni shanii fi dhiironni 10 dimshaashatti namoonni 15 humnoota mootummaatiin butamuu himeera. Haati manaa isaa fi ilmi isaa tokko humnoota mootummaa kanaan butamuus jiraatichi himeera. “Nadheen shan abbaan manaa isaanii irraa ajjeefaman yookiin haleellaa kana dheessanii baqatan hidhamanii jiru,” jedhe. 

“Ganama naannoo sa’aatii lamaatti osoo maatiin walitti qabamee buna dhugaa jiru itti seenaniin rasaasa itti roobsuun ajjeesan. Namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasaa osoo hin taane qonnaan bultoota siyaasarraa bilisa ta’aniidha,” jiraatichatu jedhe.

Paartilee siyaasaa morkattootaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Feederaalaa Oromoo (KFO) taate kanaan walqabatee ibsa baasaniin, duula “qurxummii balleessuuf bishaanicha gogsuu” jedhuun gochaa sukanneessa humnoonni mootummaa aanaalee godina Shawaa Lixaatti boobbafaman “gocha sukaneessaa lammiilee nagaa irtatti raawwatan” balaaleeffataniiiru. 

KFOn mariin nageenyaa mootummaa fi WBO giddduutti eegalamee ture itti fufuun karaa nagaatiin akka furmu waamicha taasiseera. ABOn gama isaatiin, waldhabdee jiru furuuf mootummaan ce’umsaa mootummaa Naannoo Oromiyaa (MCNO) akka hundaa’uu gaafateera.

Onkoloolessa bara 2022 keessa godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Bakkee Oofuu iddoo addaa Qaalee jedhamutti haleellaa qilleensaa/diroonii mootummaan raawwateen lubbuun lammiilee nagaa 68 ol darbuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Dhimma kana ilaalchisee aanga’oota mootummaa aanicha irraa deebii argachuun yaalii Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.