Oduu: Mootummaan fudhatamummaa badii isaatin dhabe humna qawweetin deebisuuf yaalii taasisaa jira: Gadduu Andaargaachoo

Finfinnee, Hagayya 15/2023 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummata Itoophiyaa wixinee labsii yeroo ariifachiisaa raggaasuuf walgahii ariifachiisaa cufaa kaleessa Hagayya 14, 2023 gaggeesse irratti miseensota mana marichaa keessaa tokko Pirezdaantii Naannoo Amaaraa duraanii Gadduu Andaargaachoo haasaa taasisan ijoo dubbii ta’eera.

Obbo Gadduun haasaa taasisaniin karaan rakkoolee biyyattiif falan ittiin kennamu keessaa inni ijoon marii siyaasaa taasisuu fi furmaata siyaasaa laachuu qofa jedhan. “Labsiiwwan Yeroo Ariifachiisaa kanaan dura biyyattii keessatti labsaman rakkoo hiikan tokkollee hin jiru,” kan jedhan obbo Gadduun, waraanni naannoo Tigraayitti waggoota lamaa oliif gaggeeffame kan dhaabbate marii siyaasaadhaan ta’uu yaadachiisaniiru.

Waraanni Tigraayitti gaggeeffame lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu kan kaasan Gadduun, badiinsa waloo hedduu booda mariin siyaasaa yeroo eegalamu rakkoon ture salphachaa dhufe jedhan.

“Rakkoowwan siyaasaa humna qawweetin hiiku danda’ama yoo ta’e Itoophiyaan biyya nagaa taati turte. Rakkoo jiru humnaan hiikuuf labsiiwwan yeroo ariifachiisaa hedduu labsamanii komaand poostii lakkoofsa hin qabne kutaalee biyyattii hunda keessatti hundaa’e socho’uus rakkoo hiikame tokkollee hin jiru. Itoophiyaa keessatti abdiin nagaa muraasallee kan argame naannolee karaa siyaasaan hiikuuf yaalii taasifameetti,” jedhan.

Haasaan isaanii irra deddeebiin af-yaa’ii fi miseensota mana marichaan akka addaan citu kan taasifaman Obbo Gadduun, rakkoowwan bu’uuraa naannoo Amaaraatti uumameef sababa ijoodha jedhanii kan kaasan kufaatii paartii isaan bakka bu’anii ittiin dorgoman Badhaadhinaati. Irra deddeebiin paartii Badhaadhinaa irratti qeeqa qaban kan dubbatan Gadduun, “mootummaan Badhaadhinaa ammallee badiiwwan waggoota shanan darban irraa barachuu dhabuun isaa na ajaa’iba” jedhan. 

Mootummaan aangoorra jiru ofiisaa rakkoo siyaasaa uuma, rakkoo san ammoo karaa siyaasaatin hiikuu mannaa humna waraanaan hiikuuf socho’a. Haalli kun amala mootummaa amma jiru ta’eera, jedhan. 

Haasaan isaanii gaaffii adeemsaa miseensota mana marichaa fi af-yaa’ii itti aantuu mana marichaan addaan cituu dura yaada furmaata dhiyeessan keessaa tokko “Raayyaan Ittisa Biyyaa haal-duree tokko malee gara kaampii isaatti haa deebi’u” ture. “Mootummaan fudhatamummaa badii isaatin dhabe humna qawweetin deebisuuf yaalii taasisuun Raayyaa Ittisa Biyyaa fayyadamaa jiras jedhan.

Kana malees, hariiroon uummata Amaaraa fi paartii Badhaadhinaa gidduu jiru sadarkaa suphamu hin dandeenyeetti waan gaheef bulchiinsa yeroo humnoota Amaaraa hunda hammate atattamaan akka hundaa’u gaafataniiru.

Obbo Gadduun Pirezdaantii Naannoo Amaaraa fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa ta’uun tajaajiluu isaanii alatti hanga yeroo dhiyootti Gorsaa Nageenyaa MM Abiy Ahmad ta’uun hojjechaa turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.