Oduu: Pirezedaantii UAE Sheek Mohaammad bin Zaayid daawwannaa hojiif Itoophiyaa galan

Finfinnee, Hagayya 18/2023 – Pirezedaantii Emireetota Araba Gamtoomanii (UAE) fi bulchaa Abu Daabii kan ta’an Sheek Mohaammad Bin Zaayid Al Nahyan Itoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf har’a ganama Finfinnee galaniiru.

Sheek Mohaammad bin Zaayid Finfinnee buufata xiyyaaraa idil Addunyaa Boolee wayita gahan Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad fi qondaaltota olaanoo mootummaatiin simatamaniiru.

Dhufaatii Sheek Mohaammad bin Zaayid ilaalchisee MM Abiy erga fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, “obboleessa koo fi hiriyyaa koo jaallatamaa Sheek Mohaammed bin Zaayid Al Naahyan baga nagaan gara Itoophiyaa dhufte. Walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii guddachaa dhufe wal kabajuu fi mul’ata waloo wal misoomsuu irratti kan hundaa’edha. Misooma itti fufsiisuuf tumsa keenya itti fufna,” jedhan.

Sheek Mohaammad Bin Zaayid erga ji’a Waxabajjii 2018tti Itoophiyaa erga daawwatanii booda daawwannaan ammaa kun isa jalqabaati. Daawwannaa bara 2018 taasisaniinis UAE Itoophiyaaf gargaarsaa fi invastimantii Doolaara biiliyoona 3 akka kennitu waadaa galuun isaanii ni yaadatama.

Hoggantoonni lamaan hariiroo cimaa akka qaban ni amanama. Akka maddeen dippilomaasii Addis Standard dhimmichatti dhiyeenya qaban ibsanitti, UAE fi Itoophiyaan deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf taasifamu dabalatee waliigalteewwan hedduu ni mallatteessuu jedhamee eegama.

MM Abiy bara kana baatii Amajjii keessa daawwannaa gara UAE taasisaniin, biyyoonni lamaan waliigalteewwan pirojektoota humna aduu marsaa jalqabaa meeggaa waattii 500 qaban gara meeggaa waatii 2000 ol guddachuu danda’u misoomsuu fi kanneen biroo walii mallatteessanii turan.  

Waggaa tokko dura baatii Guraandhalaa bara 2022 MM Abiy fi jilli isaanii ministeerota dhimma alaa fi ittisaa dabalatee, UAEtti daawwannaa hojii yeroo taasisan Sheek Mohaammad Bin Zaayidiin simatamanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.