Seenessa: Abdii Qophee artiistoota sabboonummaa Oromoo gadi dhaabuu keessatti gahee olaanaa qaban keessaa tokko: Tuujii Ibraahim

Hidhatarraan (yaa hidhannoo Zinnaaraa) 2X

Ati hin dhufin natuu dhufee si laalaa yaa hiriyoo halaalaa 2X

Finfinnee, Hag 19, 2023 – Bo’oon lamaan armaan olii kunneen sirba weellisaa Abdii Qophee keessaa kan fudhatamaniidha. Sirba kana kan sirbe qabsoo irra yeroo turetti haadha manaa isaa Yuunivarsitii Asmaraatti barachaa jirtuuf ture. Abdii Qophee qabsaa’aa fi artiistii jaalatamaadha.

Abdii Qophee bara 1960 keessaa eegalee hammaa bara 1990 keessaatti Oromooof hidhannoo dabalatee karaa adda addatiin qabsaa’aa tureera.

Seenaa artiistii jaalatamaa kanaa haala qulqullinq qabuun qorachuun miidhagasanii kitaabaan kan nuuf barreessan waahillan lamaan Tuujii Ibraahimii fi Sooraa Lammii jedhamu!

Tuujii Ibraahimii waahila isaa biraa Sooraa Lammii wajjiin ta’uun kitaaba seenaa artistii kanaan seenessuu barreesaniiru. Akka barreessaan seenaa kitaaba Abdii Qophee fi ogeessi seeraa obbo Tuujii Ibraahim, “Abdii Qophee asxaa Oromummaa (Oromo nationalism) ardii Oromiyaarratti dhaabuuf namoota dhugumaan hanga lubbuu kennuutti gatii guddaa kafalan keessaati,” jedheera.

Obbo Tuujii erga Yuunkivarsitii Jigjigaatii barnoota seeraatiiin digrii jalqabaa argatanii hojiidhaaf lafa dhaloota artistoota Oromoo beekamoo hedduu kan taate godina haragee aanaa Dadaritti ramadaman. Lafa kanatti seenaa artiistota kanaa maatii, hiryootaa fi waahhillan Abdii argachuu waan danda’aniif seenaa nama kanaa kitaabaan bareessanii dhalootaaf dabarsuuf murteessuu Addis Standard’tti himaniiru.

Kitaabichi guyyaa boru Hag 20, 23 magaala Finfinnee Hoteela Ililliitti eebbifama. Addis Standard Afan Oromoo barreessitoota lamaan keessaa Tuujii Ibraahim wajjiin turtii taasisee jira.

Seenaa Abdii QopheeTuujii Ibraahimiin

Qorannoo seenaa Abdii irratti erga adeemsisee booda namni kuni nama siyaasa, diinagdee, aadaa fi Afaan Oromoo guddisuuf dhugumaan qabsaa’aan keessaa isa ijoo ta’uu hubachuusaa Tuujiin ibseera. 

Abdii Qophee weellistoota miseensa hawwisoon Afran Qalloo hojii aartiitiin ummata Oromoo boohaarsaa, jajjabeessaa fi qaroomsaa turan keessaa tokkoodha.  Bara 1969 keessa koonsartii muuziqaa Oromoo qopheessuuf namoota ofitti amanamummaa qaban muraasa keessaa isa tokkoodha.

Abdiin aanaa Dadar lafa Soqaa jedhamutti maatii bal’aa keessatti tilmaamaan bara 1945 dhalachuu himeera. Abdiin maatii abbaa lafaarraa kan dhalate ta’us dantaa Oromoof qabsaa’uu abbaa isaa irraa eegaluu Tuujiin ibseera. Jalqaba lafa abbaa isaa bal’aa ture qonnaanbultootaaf hiruu eegaluu hima.

Abdiin barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa  mana barumsa Abarraa Gizaaw Dadaritti argamutti xumuruun Yuunivarsitii Finfinee gale. Abdiin mormii diddaa garbummaa barttoonni Yuunivarsitii Finfinnee bara 1960 keessa godhame mootummaa Haaylasillaasee fonqolchuu keesatti gahee olaanaa qabu keessatti qiida gudaa taphachaa tureera. Warraaqsa bara 1960 keessa namoota qabsoo warraaqsan kan akka Haaylee Fidaa, Baaroo Tumsaa, Galaasaa Dilboo, Abiyyuu Galataa fi kanneen biroo wajjiin gahee guddaa gumaaacheera.

Abdiin sirboota sirna fiiwuudaalizmii qeeqan hedduu sirbeera.

Haa ta’u malee, dhiibbaa mootummaa Haaylasillaaseetiin irratti uumamee ture hordofuun barumsa seeera Yuunivarsitii Finfinneetti eegale eebbifamuuf waggaan tokko yeroo hafutti barumsa addaan kutuun  gara naannoo itti dhalateetti deebi’uun qabsoo hidhannoo gageesuuf murteesse. Lafa Saaqqata jedhamu karaa Waddeessaatti argamu keessatti qabsaa’a ture. Abdiin miilli isaa rukutamee fardaan gara Basuullee jedhamuu fudhatamee booda gara magaala Finfinnee galee ture. Sana booda mootummaan Dargii dandeettii walaloo fi muuziqaa qabu ilaaluun akka hin ajjeefamne murteesse. Sana booda erga Dargiin kufee turee booda naannoo bara 1996 keessa dhukkubaan lubbuun isaa darbuu Tuujiin eereera.

Abdiin sirba jaalatamaa ‘yaa dhannoo zinnaaraa ati hin dhufin natu dhufee laalaa’ jedhu kana haadha manaa isaa Miskii Haajii jedhamtu kan Yuunivarsitii Asmaraattti barachaa turteef bareesse jedheera.

Raadiyoo Harar keessatti gaazexeessummaan hojjachuu qorataajn kuni himeera.Abdii Qophee sirboota warraaqsaa onnee Oromoo tuqan sirbuun Oromoon waanjoo garbummaa ofirraa cabsuun bilisummaa fi walabummaa ofii akka goonfatuuf kakaasan hedduu sirbeera.

Sirbi “Oromoo ka’i” jedhu kanaaf ragaa ta’uu seenessaa kuni himeera.  Weellisaan kuni sirnboota waahilota isaan kan akka Abdii Mohaammad barreessan biroo irra deebiin sirbuus ibseera.

Weellisaan kuni weellistoota Afran Qalloo kessa turan biroo wajjiin ta’uun sirboota Oromummaa leellisan hedduu sirbeera. Weellisaan kuniwalaloo mataasaa kan baarrffatu yoo ta’u walaoo fi sirboota artistoota yeroo sanaa hedduu sirbuu qorataan seenaa kuni mirkaneessuu Addis Standard’tti himeera.

Walaloon bara sanaa ciccimoo ta’uu eeruun, “yeroo durii sana walaloo hojjachuun akka ammaa kana ulfaataa hin turre,” jedheera. Walaloon yeroo sanaa kan uumataa ta’uu fi gamtaan hojjatamuu ibsuun kuni immoo walaloowwan durii ciccimoo akka ta’an godhuu qoratichi ibseera. “Walaloon tokkko nama sadii faa ta’anii bareesssu waan ta’eef walaloo sirriitti ceephamee bilchaateetu dhiyaata ture,” jedheera.

Abdiin artistoota industirii muuziqaa Afaan Oromoo saaqan keessa fuldureedha. Abbdiin abbaa walaloo fi yeedalloo sirboota danuuti. Indaastirii Muuziqaa Oromoo keessatti siidaa hin jiignee dhaabee darbee jira. Abdii Qophee abbaan walaloo fi yeedalloo Oromoo kan moggaasni maqaa “Insaaykiloopidiyaa Afaan Oromoo” jedhu argateera.

Maqaan isaa guutuun qabsaa’aa kanaa Abdii Mohaammad Yusuuf qophii Raadiyoo Harar keessatti qophii qopheessee dhiyeessuu isaa irraan kan ka’e maqaa ‘Abdii Qophee’ jedhamuu ummata isaatiin kennamuufi seeneessan kuni rageessee jira.

Abdii Qophee weellisaa, waloo fi loltuu ABO qabsoo hidhannoof bosona seeneedha.

Abdii Qophee bara hammeenyi gabrummaa daangaa darbetti walaloo fi yeedalloo garagaraa qopheessuun weellistoota danuu qopheessaa kan ture yoo ta’u, dararaa manneen hidhaa garagaraa keessatti irra gahaa ture hordofuun dhukkubsate addunyaa kanaa fi saba qabsaa’aafi ture irra adda bahe.

Sababa walaloo barreessee wellistoota Oromootiif gumaachaa tureef hidhaa seenuun tumamuu bira darbee bakka dhaloota isaa Dadaritti boolla awwaalchaa akka qotatu dirqisiifamuu isaa seenaan ragaa baha. Walaloon sirboota inni barreessuu dandeetti qalbii namaa booji’uu qabu. “Yeedalloon sirboota isaa qalbii namoota hedduu raasa,” jechuun barreessaan Tuujiin ragaa baheera.

Artiistiin kuni artistoota gameeyyii akka Alii Birraa, Abbitoo Kabbadaa, Halloo Daawwee, Aadam Haruun, Hirphaa Gaanfuree, Qamar Yusuuf, Abdii Ibraahim, Almaaz Tafarraa, Kadir Se’id, Raayyaa Abbaa Maccaafi Usmaayyoo Musaa faati weellistoota Abdiin walaloo sirbaa gumaacheef keessatti eeramu.

Sirboonni inni barreessee hedduun qabsoo Oromoo keessatti dammaqiinsa, tokkummaa fi si’aa’innaa Oromummaa uumani jiru. Walleewwan inni barreesse dhaloonni dabaree itti darbuun weellisee jira. Har’as garuu sirboonni inni barreesse barri irraa hin dabarre.

Eebba kitaabichaa

Kitaabni Seenaa Abdii Qophee mata duree “Odaa Aartii Oromoo” jedhuun barreefamee eebbaaf qophaa’aa jiraachuu koreen qindeessituu eebba kanaa Dhugoomsaa Abdii Addis Standard’tti himaniiru. Kitaabni seenaa gameessa aartii Oromoo Abdii Qophee irratti xiyyeeffachuun barreeffame kuni Dilbata dhufu Hagayya 14 bara 2015 ALI’tti magaala Finfinnee Hoteela Ililliitti eebbifamu ta’uu koreen qindeessituu eebba kanaa imeera.

Dhumarratti,artiistii jireenya isaa guutuu aadaa, duudhaa ummata Oromoo fi qabsoo ummata Oromoo aartiin gara boqonnaa itti aanutti ceesisuuf qabsoo hadhaa’aa taasisaa ture waan ta’eef sirna eebba kitaaba seenaa isaa kana irratti akka hirmaataniif koreen qindeessituu sagantichaa  ummata Oromootiif waamicha taasisanii jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.