Oduu: MNO “qaama hidhatee socho’uuf” waamicha nageenyaa taasise

Finfinnee Adoolessa 10, 2023 – Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa (MNO) obbo Shimallis Abdiiisaa “qaama hidhatee [Oromiyaa keessa] socho’u” rakkoo siyaasaa mariidhaan furuuf qophii qabu simachuuf “fedhii olaanaa” kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin naannichaa waamicha kana kan taasisan yaa’ii idilee Caffee Oromiyaa taa’amaa jirurratti guyyaa har’aati.

“Qaamni karaa nagaatiin nan qabsaa’a garaagarummaa jiru marii fi marabbaadhaan ilaaluudhaaf bu’uura seeraa fi heeraatiin socho’uu barbaaduuf qophaa’ummaa kan qabu gara nagaatti akka dhufuuf fi olaantummaa seeraa kabajee akka socho’uuf mootummaan fedhii olaanaa qaba. Carraa kanaan caffee kabajamaa kana fulduratti ammas irra deebiidhaan maqaa irra Oromootiin irra deebinee gaafachuu barbaanna,” jedheera.

Haata’u malee, mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa nageenyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Shimallis himeera. Mootummaan kutannoo fi gahumsas kan qabu ta’uu eereera.

Mariin waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi humna hidhatee naannoo Oromiyaa keessa socho’aa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) wajjiin Taanzaaniyaatti godhamee ture waliigaltee malee goolabamuun ni yaadatama. Haata’u malee, mariin marsaa biraa ni jalqabaabdiin jedhu ummata Oromoo biraa haa jiraatu malee mariin marsaa biraa eegalame hin jiru.

Mariin kuni waliigaltee malee goolabamuu hordofee naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti walwaraansi hammaataan meeshaa waraanaa gurguddaatiin deeggarame mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti cimee itti fufuun lubbuu namootaa galaafachaa jiraachuu Addis Standard gabaaseera.

Kanaan walqabatee, jiraattonni naannoo Oromiyaa keessuma lixa Oromiyaa dhabamuu tasgabbiitiin walqabatee rakkoo hammaataaf saaxilamaa jiraachuun irra deddeebiin gabaafameera. Dhaabbanni gargaarsa namoomaa OCHA’n ibsa baaseen, namooti 701,518 Gujii Lixaatii buqqa’uu gabaaseera. Godinichi rakkoo umamaa fi namtolcheetiin rakkachaa jiraachuu gabasee ture.

Rakkoo siyaasaa mootummaa fi WBO gidduu jiru hatattamaan furuun ummata naannichaa gaaga’ama keessaa akka baasaniif qaamoleen hawaasaa garaagaraa waamicha taasisaa jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.