Oduu: Waldaan manguddoota Minisootaa mootummaa fi WBO’n marii marsaa biraa eegaluun rakkoo nageenyaa akka furan waamicha godhe

Finfinnee Caamsaa 13, 2023 – Waldaan Maanguddota Miniisootaa (WMM) mootummaa fi WBO’n marii marsaa lammaffaa hatattamaan eegaluun rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru furuun ummata Oromoo rakkoo keessaa akka baraaran waamicha taasisan.  

Ibsa WMM si’a lammataaf baaseen, qaamoleen lamaan mariitti hirmaatan nageenya buusuuf haala “kabajaa fi itti gaafatamummaa qabuun” gaggeessuun rakkoo ummanni Oromoo keessa darbaa jiru furuuf marii marsaa lammaffaa akka itti fufan gaafateera.

Mootummaan hidhamtoota siyaasaa Oromoo hundaa akka hiikuu fi ummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa yaada maree kana faallessu kennuurraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Kana malees, qaamoleen mariin nageenyaa kun akka milkaa’u hin barbaanne holola ummata Oromoorratti oofaa jiran gochaan isaanii  kuni biyya kan diigu waan ta’eef akka dhaaban akeekkachiisaniiru. Akkasumas. biyyootaa fi qaamolee sadaffaa [Noorweey, Keeniyaa, Ameerikaa,Taanzaaniyaa fi IGAD] walgahicharratti hirmaatanis galateeffataniiru.  

Marii nageenyaa marsaa tokkoffaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaa Zaanzibaaritti taa’amaa ture wantoota tokko tokkorratti wal hubannaa kan fide ta’us dhimmoota siyaasaa ijoorratti waliigalteerra gahuu hin dandeenye ture. Marii marsaa lammaffaatiif eeyyamamoo ta’uu qaamoleen lamaanuu ibsanii ture. Haa ta’u malee mariin marsaa lammaffaa yoomii fi eessatti akka godhamu wanti beekame hin jiru.

WMM kanaan dura Ebla 26, 2023 waamicha walfakkaataa kan taasise yoo ta’u inni kuni waamicha lammataati.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.