Oduu: Kitaabni seenaa Atileetii Geexee Waamii seenessu  “faaya Itoophiyaa” jedhu eebbifame

Finfinnee Caamsaa 2023 – Sirni eebba kitaaba seenaa jireenya Koomaandara atileet Geexee Waamii seenessuu mata duree ‘faaya Itoophiyaa’ jedhu qabu iddoo qondaloonni mootummaa, atileetonnii beekamoo, maatii fi hiriyoonni Geexee Waamii argamanitti Caamsaa 04, 2015 eebbifameera.

Ibsa feedereeshiniin atileetiksii Itoophiyaa baase akka jedhutti, sirna eebbaa kanarratti pireezidaantii feedereeshinii atileetiksii Itoophiyaa  Koomiishinara gargaartuu Daraartuu Tulluu dabalatee hojjatoonni feedereeshinichaa hedduu fi atileetonni beekamoon sirnicharratti argamaniiru.  

Itoophiyaan atiletoota hedduu kan qabdu ta’uus hamma yoonaatti kan kitaabaan barraa’e saddeet qofa jedhameera.

Feedereshinichi kitaabota Geexee Waamii kana qarshii 200,000’n bituun ibsameera.

Post Tags
No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.