Oduu: Finfinneetti bulchaan kutaa magaala Qirqoos rasaasaan ajjeefame

Finfinnee Caamsaa 13, 2023 – Finfinneetti bulchaan kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 08 Allabaachoo Amoony kaleessa sa’aatii booda biiroosaatti rasaasaan rukutamee ajjeefameera. Poolisiin ajjeechaasaatiin shakkame too’annoo jala galuu poolisiin magaalattii ibse.

Bulchiinsi kutaa magaalichaa ibsa baaseen, Allabbaachoon kan “biiroo keessa taa’ee tajaajila hawaasaa otuu kennaa jiru maamila isaatiin ajjjeefame” jedheera.

Alabbaachoon nama “hojiidhaaf kutannoo qabu kan namoota birootiif fakkeenya ta’uu fyoo ta’u hojiiwwan mootummaa fi hawaasaa hedduu qindeesseera” jechuun dabalee addeesseera.

Poolisiin Finfinnee ibsa gamasaatiin baaseen Allabaachoo kan ajjjeese qondaala poolisii buufata poolisii naannoo Kaasaanchiisiiti jedheera. Shakkamaan kuni biiroo bulchiinsa magaalaa Qirqoos kan bulchaan ajjeefame itti hojatuu dhimmaa dhuunfaa qabas jedhe. Shakkamaan maqaan isa hin eeramin kuni “dhimmi isaa ilaalamee deebiin kan laatamuuf” ta’uu itti himamee ture. Garuu innimmoo dhimmi koo akka hin raawwatamne kan dhoorke isa jechuun bulchaa aanichaa iddoo hijiiisaatti rasaaasaan ajjeese.

Poolisiin magaalaa fi bulchiinsi kutaa magaa;ala Qirqoos dhimmicharratti qorannoon adeemsifamaa jira jedhe.

Torban kana keessa naannoo Affaaritti bulchaan aanaa Harkaa Umar Lammaa obboleessasaa Muhaammad Lammaa wajiin Adaamaa gara Awaash imalaa otuu ajjefamanii ture. Itti gaafatamaa paartii badhaadhinaa naannoo Amaaraa Gormaa Yashixlaa rasaasa garee hidhattootaatiin dhukafameen godina Shawaa Kaabaa keessaatti Ebla 27 ajjeefameera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.