Oduu: Barreessaa Olaanaa Liigii  Musliima Addunyaa Dr Mohaammad Al-Isaa fi jilli isaanii daawwannaa hojiif Itoophiyaa galan

Barreessaa Olaanaa Liigii  Musliima Addunyaa Dr. Mohaammad Al-Isaa wayita Finfinnee galan Pirezdaant Saahilawarq Zawdee fi MM Abiy Ahimadiin simatamaniiru. Suuraa: Riyadh Daily

Finfinnee, Hagayya 18/2023 – Barreessaa Olaanaa Liigii  Musliima Addunyaa Dr. Mohaammad Al-Isaa daawwannaaf Itoophiyaa galan. Hoggansa Liigii  Musliima Addunyaan ala  dura taa’aa Dhaabbata Hayyoota Musliimaa kan ta’an Dr Mohaammad Al-Isaa, jila Islaama jalqabaa magaalaa Finfinneetti daawwannaa taasise ta’uun jiila isaanii waliin Finfinnee galaniiru.

Dr. Mohaammad Al-Isaa fi jilli isaanii daawwannaaf Itoophiyaa wayita galan Pireezdaantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawdee fi Ministirri Muummee Abiy Ahimad waliin adda addaatti walarguun marii gaggeesaniiru. Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim fi qondaaltonni mootummaa biroos walga’ii lamaan irratti hirmaataniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad jila kana simachuun, rakkoolee finxaaleeyyummaa amantiin walqabatanii dhufan qolachuuf hubannoo amantii, hayyootaa, fi hawaasaa guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru irratti mari’ataniiru. Akkasumas gaheen abbootii amantaa gama kanaan qaban olaanaa ta’uu eerameera.

Gama biraatiin Pireezidaant Saahilawarq jila Islaama kana waliin marii taasisaniin, daawwannaa jila kanaa baay’ee murteessa fi barbaachisa akka ta’e ibsuun galatefataniiru. Itti dabaluun, hojiiwwan Liigiin Muslima Addunyaa addunyaa gama kenniinsa tajaajila namoomaa irratti hojjachaa jiranii fi hawaasa daneessa ta’e keessatti nagaa fi waliin jireenya mirkaneessu irratti tattaaffii taasisaa jiru ajaa’ibsisaniiru.

Liigiin Musliima Addunyaa dhaabbata miti mootummaa idil-addunyaa kan teessoo isaa Makkaa godhate yoo ta’u, miseensonni biyyoota Islaamaa hundarraa dhufan of keessa qaba. Kaayyoon hundeeffama isaas “Islaamummaa dhugaa labsuu fi namoota gidduu jaalala guddisuu” ta’uu marsariitii dhaabbaticha irratti eerameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.