Gulaaallii: Mallattoowwan balaa mul’achaa jiranis moootummaan naannolee haaraa hundeessuu itti fufeera. Dhaabbatee karoora isaa gamaaggamuu qaba!

Finfinnee – Sadaasa 29 bara 2022tti qondaalonni olaanoo mootummaa, kan Pireezidaantii Naannoo Kibbaa Ristuu Yirdaawiin durfaman magaalota gurguddoo godina Guraagee keessaa tokko kan taate Buttaajiraa, kan magaala Finfinee irraa fageenya 120km irratti argamtutti walitti qabamuun naannoo haaraa ‘Mootummaa Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa’  jedhamu ijaaruuf karoorfame irratti murii taasisanii turan.  

Aanga’oonni kunneen manni maree bakka bu’oota ummataa godinoota shanii fi aanaa addaa naannoo ummattota kibbaa tokko walitti baqsuuf murtee dabarsuu dursanii eeranii ture. Akkaataa kanaan, murteen manni maree dabarse kuni godinoota Guraagee, Haadiyyaa, Silxee, Kambaataa Xambaarroo, fi Halaabaa fi aanaa addaa Yamii akka nnaannoo tokkootti ijaaruu ture. 

Haa ta’u malee, murtee kuni haa darbu malee hundeeeffama naannoo haaraa kanaan walqabatee sanadni manni maricha ifa taasise yookiin filannoon hiree murteeeffachuu akka gaggeeffamuuf gaaffiin boordiin filannoo biyyaaleessaa dhiyeesse hin jiru ture.   

Murteen aanga’oonni mootummaa qofaasaanii dabarsan kuni heera kan cabsu qofa osoo hin taane qajeelfama bu’uura diimokraasii kan diiguu, mirgoota namoomaa fi nageenya hawaasaa godinoonnii fi aanaawwan qabaachuu qaban kan xiqqeessuudha. 

Jalqabumarraa kaasee , murteen aanga’oonni naannoo ummattoota Kibbaa dabarsan rakkina kan qabu ture. Bakka bu’oota bulchiinsi godinichaa fi aanaawwan kan hirmaachise hin turre. Kanaafuu, filannoon naannoo haaraa uumuu kuni karaa heera qabeessa ta’een kan adeemsifamee hin turre.

Aanga’oonni naannichaa eeyyama mootummaa feederaalaa irraa argatan akka carraatti fayyadamuun godinoota Walaayitaa, Gaamoo, Oomoo Kibbaa, Konsoo, Geede’oo fi aanaaalee Daraashee, Ammaarroo, Burjii, Alee fi Baaskeetoo keessatti ‘Naannoo Kibba Itoophiyaa’ jedhamu hundeesssuuf filannoo hiree ofii ofiin murteeeffachuu addatti gaggeessuun isaanii rakkoo jiru daran ulfaataa taasiseera. Aanga’oonni naannichaa carraa argatanitti fayyadamuun karaa adeemsa heera biyyattii hin eeginiin naannoo haaraa ijaaruuf murteessuun isaanii rakkoo naannoo ummatoota kibbaa keessa ture hammeessee jira.

Murteen aanga’ootaan qofaan dabarfame kuni heera moootummaa cabsuu qofa osoo hin taane yaadrimee bu’uuraa dimmookraasii, mirgoota namoomaa fi nageenya hawaasaa ummata godinoota shananii fi aanaa addaa kanneenii kan xiqqeessuu ta’uun ifadha.

Gaaffiin ofiin of bulchuu kan heera sabdaneessummaa Itoophiyaa keessatti eerame fayyadamuun ummatoota akka naannoo tokkootti addatti akka hundeeffaman Sadaasa 2018 eegalee harka guutuun murteessan 11 keessaa manni maree godina Guraagee isa tokko ture. Haa ta’u malee, gaafffii isaaanii kanaaf deebii kan ture qoqqobbii fi dhiittaa mirgaa kan akka hoggantoota hawaasaa, rogeeyyii, gaazexeessitoota fi namoota siyaasaa hidhuu, ajjeesuu fi humnaan dhabamsiisuu  ture. Haleellaa mootummaa osoo jiruu ummanni Guraagee gaaffii kaasuu hin dhaabne ture.

Haaluma wal fakkaatuun, torbanoota darban keessa ummatoonni godinoota Haadiyyaa, Silxee, Kambaataa, Xambaarroo fi Halaabaa karoora ramaddii waajjiraalee bulchiinsaatiin walqabatee sagalee mormii dhageessisaa turaniiru.  

Mootummaan garuu sarara diima kana cinaatti dhiisuun naannoo haaraa ‘Mootummaa Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa’ jedhamu ijaaruuf guyyaa har’aa Jimaata 18, 2023 godina Guraagee magaala Walqixxeetti marii gochuuf karoorfateera.

Gumiin kuni qoqqoodama biiroo bulchiinsa walqabatee murteewwan darban ifa taasisa jedhamee eegama.   

Fedhii ummata naannicha keessatti hammatamaniitiin ala naannoo haaraa ijaaruuf murtee dabarsuun rakkoo hawaasaa, amantaa fi aadaa hawaasa gidduu ture hammeessa.

Rakkoon kuni waldhabdee of dura umamuuf sababa ta’a.

Tokkoffaa, naannoo haaraa kuni fedhii ummataatiin ala waan hundeeffameef hanqina seerummaan waan qabuuf wal amantaa umanni mootummaa irraa dhabsiisuun jeequmsa uumuun aanga’oota naannichaa irratti qormaata fida.

Lammaffaa murteen qaama tokkoon dabarfame kuni mirgoota namummaa heera Itoophiyaa keessatti eeraman kan cabsuudha. Naannooleen haala kanaan ijaaraman bulchiinsa abbaa irree ijaaruu itti gaafatamummaa hin qabneen hogganamu waan ta’eef loogii, aangoo seeraan ala fayyadamu waan ta’eef mirgaa fi walabummaa lammilee keessa jiraataniif dursa kennuu hin danda’an. 

Sadaffaa, tuffii fedhii fi faayidaa ummata godinoota keessa jiraatanii kan hin kabajne waan ta’eef gaaffii fi hawwii hawaasaa irratti hin xiyyeeffachuu dhabuun komii fi qoqqoodama hawaasaa akka uumamuuf sababa ta’u.

Dimshaashumatti, fedhii ummata naannicha keessa jiraatuutiin alatti naannoo haaraa rakkoo hawaasaa, amantaa fi aadaa ture ni hammeessa. Gareewwan garaagaraa adeemsa murtee dabarsuu keessaa qarqaratti dhiibamanii kan baafamuun naannicha jeequmsati akka galu taasisa.  

Federaalizmii Itoophiyaan amma ittiin bulaa jirtuun hawaasa dimookraatawaa fi siyaasawaa ijaaruuf fedhiin ummataa qajeelfama bu’uuraa mirga dhuunfaa fi garee ta’uu ibsamee jira. 

Mootummaan feederaalaa fi naannichaa murtee kana hojiirra oolchuun dura naannoo haaraa hundeeffamu kan walqixxummaa, nagaa fi tasgabbii qabu akka ta’uuf murtee kana irra deebiin gamaaggamuun barbaachisaadha. Kuni ta’uu baannaan, mirgi ofiin of bulchuu heeraan eeyyamae kuni waldhabdee hawaasa gidduutti uumammuf sababa ta’uu danda’a.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.