Oduu: Godina Ammaarrootti sa’aa 48 darbe keessatti dhibee Koleeratiin lubbuun namoota 4 darbe

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Caamsaa 12, 2023 –  Naannoo Sabaa fi sablammoota ummatoota kibbaa godina Ammaarrootti sa’aatii 48 darbe keessatti lubbuun namoota Afurii dhibee koleeraatiin darbuu biiroo eegumsa fayyaa godinichaa Addis Standardiif mirkaneessaniiru.

Dhukkubichi kan babal’ate nama dhukkubichaa qabamuun godina Booranaa magaala Mooyyaalee yaalaaf gara buufata fayyaa Burjiitti yaalamaa turuun erga lubbunsaa darbee gara godina Ammaarroo ganda Golbeetti geeffameen walqabatee ta’uu biiroo eegumsa fayyaa kuni addeesseera.  

Namoonni dhukkubichaan qabaman lama aanaa Gaallanaa aanaa Maxxaaree Kombolchaatii dhufuun hospitaala sadarkaa tokkoffaa Keelleetti wal’aanamaa turan lubbuunsaanii  baraaramuun ibsame. 

Qulqullina waloo, dhuunfaa eeguun fi kudraa fi mudraa soorachuun weerara dhibee kanarraa of tiksuun barbaachisaa ta’uun eerameera. Bishaanii fi aannan ho’iisanii dhuguu fi nama  dhukkubuchaan faalameerraa of fageessuun fayyaa akka tikfatan dhaaman.

Karaa biraatiin, aanaalee Yeroo fi Gaanaa keessatti weerara ji’a tokko dura mudateen lubbuun namoota sadiis darbuu yaadachiisaniiru. Weerarri Kooleeraa godina Booranaa magaalaa Moyyaaleetti mul’ate lubbuu namoota shanii galaafachuu Addis Standard gabaasee ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.