Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaanonni miliyoona 7 ta’an Kooleeraaf saaxilamuu fi namoonni 94 du’uu gabaase

Finfinnee, Caamsaa 19, 2023 – Itoophiyaanonni miliyoona tiorba ta’an Koleeraatiif kan saaxilaman yooo ya’u 94 ammoo dhukkubichaan du’uu dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) gabaaseera.

Akka gabaasa OCHA’tti hamma yoonaatti namoonni 6,157 dhukkubichaan faalamaniiru.  

Weerarri kuni naannoolee saba, sablammootaa fi uummatoota Kibbaa fi Sidaamaatti babal’achuu eeruun aanaalee 54 fi gandoota kuma jahaa olkeessatti mul’ateera jedhe.

OCHA talaallii kennaa jiraatus rakkoo hir’ina baajataa danqaa itti ta’ee jiraachuu

Talaalliin dhukkuba Kooleeraa naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Uummatoota Kibaatti ifatti eegalamuu ministeerri fayyaa Itoophiyaa ibsee ture. Iiti aanaan misteerichaa Obbo Darajjee Dhugumaa duula yeroo eegalsiisanitti akka dubatanitti duula talaallii ittisarratti xiyyeefatu kanaan fayaa haadholii fi daa’immaniitiin walqabatee milkaa’inni galmaa’eera jedhee ture.

Kanaan dura weerara kanneen itisuuf hojiileen garaagaraa hojjjatamaa kan ture ta’uu kana booda s itti fufuu qaba jedheera. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.