Afaan isaatiin uummata koo ogummaa moodeliingiin tajaajiluun barbaada: Burtee Abarraa

Finfinnee, Caamsaa 19, 2023 – Maqaan koo Burtee Abarraa jedhama, kanan dhaladhe godina Shawaa Lixaa, magaalaa Ambootti.Yeroo ammaa magaalaa Shaggar aanaa Burraayyuun jiraachaa jira. Barumsa sadarka tokkoffaa mana barumsaa Kooluu Galan sadarkaa tokkoffaa fi barumsa sadarkaa lammaffaa immoo mana barumsa Elemoo Qilxuuttiin hordofe. Achiis erga barnoota digrii tokkoffaa Riiftii Vaalii magaalaa Burraayyuutti argamutti barnoota akkaawuuntingiin eebbifame. Sana booda leenjii moodelii akkaadaamii moodeela Afroo jedhamutti ergan leenji’ee booda akaadaamii mataa koon hundeesse.

Moodeeliingii akkamitti eegalte?

Yeroon Afroo Modeeliingiitti barumsa moodeliingii koo eegalu moodeela afaan oromootiin hojjetu jalqabuuf yaadaa ture, sababni isaas barnoota moodeeliingii Afaan Oromoottin kennamu hin urre waan ta’eef. Leenjii moodeliingiin Afaan Oromootiin kan kennu hin turre akkasumas irra caalaan Oromoo fedhii leenji moodeela hordofuu qaba garuu danqaan afaanii irraa kan ka’ee fedhii moodeelaa hordofuuf qaban daangeessaa jira. Kanaaf rakkoon kun fedhii keessa koo ture ni guddise. Kaayyoon moodeeliingii Hacaaluu industirii moodeela Oromoo keessatti gahee isaa gumaachuudha.

Leenjiin moodeela ta’uu ji’a jahaaf kennama, adeemsa kana keessatti leenjiin akka deemsa, fi suuraa ka’uu, akkasumas agarsiisa faashinii ni jira, eebba kitaabaa irratti hojjetu, faashinii fi moodeela isaanii albama gadhiisuu irratti agarsiisu.

Gosoota leenjii kennaman

Akaadaamiin moodeelingii Haacaaluu dhiiraa fi dubartoota moodeela ta’uu barbaadaniif leenjii ni kenna. Leenjiiwwan akka deemsa daandii balallii, leenjii ofitti amanamummaa, deemsa faashinii ol’aanaa fi daandiin balallii gargaalaa. shubbisa aadaa kan shubbisa aadaa kutaalee Oromiyaa hunda of keessatti hammatee kenna.

Namoonni modeeliistii ta’uu danda’an namoota umriin isaanii 45 gadi ta’e dhiiraas ta’e dubartii moodeelistii ta’uu danda’u. Warri umriin isaanii 45 gadi ta’e leenjii moodeela fudhachuu danda’u. Fedhiin bu’uura moodeeliistii waan ta’eef ,namni fedhii qabu kamiyyuu moodeelistii ta’uu danda’a. 

Ulaagaalee moodeeliingii

Moodeelii ta’uun fakkaata gaarii ykn bareedduu ta’uu qofa miti. Namoota babbareedoo ta’an hedduutu addunyaa kanarra jiru. Yoo gara moodeelaatti seenuuf cimtee hojjettee “ilaaluu” qabaachuun barbaachisaadha. Moodeela ta’uuf ulaagaaleen barbaachisan kanneen akka sochiiwwan aartii fi dandeettii kalaqaa qabaachuu of kennuu fi obsa qabaachuu dha. Gosoota moodeela murtaa’an keessatti filaachun hirmaachu, fayyinaa gogaa fi qulqullinna rifeensa ofii eeguu fi hojii beeksisaaf dandeettii walqunnamtii gaarii ta’ee gabbifaachuu faa dha kan barbaachiisan.

Kanaan ala ulaagaa idilee malee akka moodeelaatti hojjechuun ni danda’amma. Kana jechuun hojii irratti leenjii al-kallatti tokko tokko argachuun kee waan hin oolleefi.

Mul’ata qabaachuu

Moodeelistii gosaa faashinii, kan daldalaa, daandii xiyyaara fi kan qaama gahumsaa, kan mormaa fi moodeelota harkaa dabalatee moodeelonni gosa hedduutu jira. Dabalataanis, moodelistii suuraa yookiin viidiyoo hojjachuu moodeela gochuu irratti adda ta’uu dandeessu. Filannoo bal’aa kana yoo ilaalle gosa moodeeliingi siif mijatu adda baasuudhaan hojii moodeela ta’uu kee jalqabuun barbaachisaa dha.

Leenjii barbaachisaa ta’e fudhadhu. Manneen barnootaa moodeela ta’uu waa’ee indaastirichaa barsiisuu fi moodeelota suuraa ka’uu irratti ga’umsa agarsiisuu, fayyaa fi soorata gaarii eeguuf leenjisan jiru. Dandeettii moodeela ta’uu kee dabaluudhaaf barumsa fudhachuu yoo barbaadde daree taphachuu yookiin shubbisaa ilaali. Kutaan taphachuu suuraa ka’uu irratti si gargaaruu danda’a bakka miira yookiin amala tokko dabarsuu qabdu.

Erga moodelistii ta’anii booda uffata yookiin meeshaalee daldalaa biroo agarsiisuuf qacaramuu, Nama ykn wanta artistii tokkoof akka fakkeenyaatti tajaajilu uffataa faashinii uffachuu fi fayyadamuudhaan ykn waliin suuraa ka’uudhaan agarsiisuun hojjachuun ni danda’ama.

Kaayyoon koo garaa fuulduraa

Garaa fuulaa duraatti kayyoo akkadamii kana kutaa oromiyaa hedduu keessatti babal’isuun qaba. Oromiyaa guutuu keessatti hojjechuuf yaadaan jira. Jalqaba irratti akkaadaamii moodeela kana magaalaa Amboo fi Buraayyuutti baneen booda garuu isa Amboo cufe.

Moodelingiin fayyadamuun aadaa fi dhudhaa Oromoo addunyattti himuu nan barbadda.Akkasumas, sabni hojii moodelingiin akka beekamuu hojjachuu murteesseerra.

Bareedinaa uumaa fi moodeelingii

Namni hundi bareedinaa fi naatoo mataa isaa qaba. Moodeelistii milkaa’aa ta’uuf dheerina, umrii, boca qaamaa qofa ta’uu hin qabu. Moodeelistii fi ogeettii moodelistii ta’uuf ulaagaaleen murtaa’oon guutamuu qaban jiru, kanneen akka beekamtii argachuu, kaameraa fuulduratti ofitti anamaa ta’uu fi dandeettii hariiroo gaarii qabaachuu. Akkaadaamiin keenya carraa milkaa’ina industiricha keessatti argachuu keessan guddisuuf dandeettiiwwan kana guddisuu fi fooyyessuuf gargaaruu danda’a.

Qormaata industirichaa

Hojiin Moodeeliingii kun hojiiwwan addunyaa irratti gammachiisaa fi qormaata hedduu qaban ta’an keessaa tokko ta’uun isaa nama hin shakkisiisu. Rakkoleen muraasa keessa hariiroo fayyadamtoota waliin qabdu jijjiiramuu, ilaalchi hawaasni moodeeliingii irratti qabu akka safuu cabsuutti ilaaluu. Moodeelistii ta’uu akka aadaa hin taaneetti haa ilaalamu malee moodeelistii ta’uun aadaa kee agarsiisuudha. Hawaasni keenyi ilaalcha moodeelisti irratti qabu kuni jijjiiramuu qaba.

Warra wantoota aadaa Oromoo cabsan agarsiisan akkasumas warra aadaa Oromoo hin taane agarsiisaniif ergaa fakkeenya ta’uu warri moodelistii kennuufi qabu. Akkasumas, ummanni keenya moodeliinigii maal akka ta’ee fi maal akka hin taane ifatti hin hubanne.

Rakkoon biraa industrii kana keessa jiru industiriin kuni abbootii qabeenya qaban irraa deeggarsa guddaa barbaada, industiriin moodelingii Oromoo sadarkaa jalqabaarra jira waan ta’eef.

Ergaa dargaggootaaf

Ergaa ani dargaggootaaf qabu namni hundi moodeela ta’uu danda’a. Kan barbaachisu ofitti amanamummaa qofa sababni isaas namni hundi bareedina mataa isaa qaba waan ta’eef.

Qormaata dandamachuu

Hojiiwwan moodeeliingi keessatti qormaanni ni jira, Namoonni ilaalcha gaarii hin qaban turan kanaaf fedhii gaarii wajjin wal’aansoo qabuu obsa sammuu banaa fi barsiisuudhaani moo’a. Kanaafuu, rakkoo furuun ogummaawwan sirrii ta’an tokko tokko kan akka rakkoo xiinxaluu, malaa maluu, kalaquu, yaada of eeggannoo fi kufaatii obsuu wajjin walitti makame barbaada. Ogummaawwan kana hunda yeroo tokkotti eenyullee qabaachuu hin danda’u.

Xiyyeeffannaan maamiltoota irratti kennamu jechuun mala haala dubbii jechuudha. Adeemsa daldalaa keenya qofa osoo hin taane muuxannoo maamiltootaa guutuu qorachuun wal walqabsiisuuf yaalu qabna. Rakkoon kutaa tokko keessatti yeroo muraasaaf adda baafamee kan mul’atu yoo ta’u, yeroo baay’ee sababoota wal-xaxaa ta’an kan qabaata, rakkoon xixiqqoo wal nyaachisuun guddaa uumuudha. Yeroo kanatti rakkooleen kun eessa akka jiran argachuu dandeenya, kutaalee adda addaa qorachuu fi namoota dhaabbaticha keessa jiran hunda waliin bobba’uu dandeenya. Rakkoowwan wal xaxaa kana sadarkaa sadarkaadhaan nan fura.

Kalaqaa fi yaada namoota hunda irraa argamu fayyadamuudhaan rakkoo na qunamu moo’adha. Furmaanni eessaa akka dhufu gonkumaa beekuu hin dandeenyu. Kun immoo gara fuulduraatti yaaduun of qopheessu akkasumas egereen sun maal hammachuu akka danda’u tilmaamuuf yaaluuniidha. Ogummaan gosa kanaa dhaabbata tokkoof gatii guddaa kan qabu yoo ta’u hogganaan kamiyyuu garee isaanii keessatti dandeetti akkasii qabaachuu qaba.

Dhumarratti, tarii hunduu dhaabbilee dandamachuu danda’an ijaaruu, dandeettii rakkinoota dandamachuu, madaqsuu fi jijjiiruu hamma danda’ametti salphaa fi saffisaa ta’e hordafuun rakkoa na qunnamu jala darbaan jira.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.