Falmii Gulaalli: Oromoo fi Amaara: Barbaacha Tokkummaa Sabummaa irra darbee fi hanqina isaa

Hizqi’eel Gabbisaatin @egebissa

Kitaabni Doonaald Leviin barreesse Greater Ethiopia: The Evolution of a Multinational State jedhamu keessatti, Oromoo fi Amaara akka saboota olaantummaa qaban lama dabaree dabareedhaan Itoophiyaa Guddittii, lafa bal’aa daangaa Itoophiyaa yeroo ammaa waliin wal-qabate bocuutti dhihaatu, akka qaraa turanitti dhiheessa.  Amaarri jaarraa kudha afraffaafi kudha shanaffaa keessatti bulchiinsa isaa baay’ee Itoophiyaa Guddittii irratti bal’ifatee ture. Oromoon Amaaraa injifatee jaarraa lamaan itti aananiif naannoo walfakkaatu keessatti humna olaantummaa qabu ta’ee of hundeesse. Dhuma irratti, walakkeessa jaarraa kudha saglaffaa keessa Amaarri impaayera isaanii deebisanii kaasuun olaantummaa Itoophiyaa Guddittii irratti qabu deebifate. Kanarraa ka’uun Itoophiyaa Guddittii jaarraa hedduuf dirree seenaa waldorgomsiisaa, Oromoo fi Amaarri olaantummaa argachuuf wal dorgomaa turan turte.

Har’a abdiin tokkummaa Oromoo fi Amaaraa biyya nagaa fi badhaadhina uummata miliyoona 100 ol ta’uuf bu’uura ta’ee tajaajiluu badaa jira.

Leeviin gareen lamaanuu yeroo isaaniitti maaliif dorgommii kana akka injifatan murteessuuf caasaa sirna hawaasummaa Amaaraa fi Oromoo qorateera. Hawaasa Amaaraa “sadarkaa aangoo kan qaban/hierarchical individualist” fi Oromoon ammoo “hawaasa walqixxummaa namootaatti hundeeffame/egalitarian collectivist” jechuun bu’uura falaasama ‘Hegelian’ jedhamu fayyadamuun ibsa.Hawaasni lameen akka walfaallessan agarsiisus, jaarraa hedduuf walitti dhufeenyii fi walitti makamuun amala aadaa sabaa fi sablammoota hunda bal’inaan qooddataman kan akka ijaarsa bu’uuraa tokkummaa Itoophiyaa tajaajiluu danda’u, kan inni akka hawaasa sab-daneessa tokkummaa ilaalcha siyaasaa qabu jedhee ibse ta’uu isaas ni falma, Leeviin.

Har’a abdiin tokkummaa Oromoo fi Amaaraa biyya nagaa fi badhaadhina ummata miliyoona 100 ol ta’uuf bu’uura ta’ee tajaajiluu badaa jira. Hayyoonni waa’ee seenaa Itoophiyaa irratti ilaalcha hundee irraa adda ta’e qabaachuu fi yaad-rimeewwan mallattoo biyyoolessaa, fakkiiwwan, hawaasaa fi biyya irratti yaada wal hin simne akka ibsan amanama. Paartii Badhaadhinaa keessatti qaamoleen gurguddoo lamaan, Dhaabbata Dimokraatawaa Uummata Oromoo (OPDO) fi Sochii Dimokraatawa Biyyoolessaa Amaaraa (ANDM) duraanii, dantaa adda addaa, darbees kan wal faallessuu, kan biyyattii bittinneessu danda’u hordofu. Barreeffama kana keessatti, taateewwan seenaa sadii walakkaa jaarraa darbee keessa raawwataman irratti walta’iinsa Oromoo fi Amaarri ijaarsa biyyaa keessatti qaban Warraaqsa Itoophiyaa bara 1974 irraa eegaleen qaaccessa.  

Walmadaqsuun ni danda’ama turee?

Akka Doonaald Leeviin barreessetti, bara 1974 Itoophiyaan sirna hawaasummaa of danda’ee keessoon qoodame mootummaa biyyoolessaa mootota dhufaa darbaan hundeeffameen ijaaramte. Kanas ta’e sana, sirnoonni hawaasummaa adda addaa kun hawaasa biyyoolessaa hundeessuuf dhihaataniiru. Akka ilaalcha Leeviinitti, warraaqsi Itoophiyaa bara sana dhohe kun Itoophiyaanonni mala ijaarsa biyyaa irra deebi’anii akka yaadanii fi biyya ammayyaa haqa qabeessa ta’ee fi dantaa gareewwan olaantummaa qaban muraasaa qofa osoo hin taane ummata guutuu tajaajilu akka yaadan carraa uumeera.

Leeviin, Amaaraa fi Oromoon pirojektii kana keessatti gahee murteessaa akka taphatan abdate. Haata’u malee kitaaba waggaa kudhan dura barreesse, ‘Wax and Gold: Tradition and Innovation in Ethiopian Culture’ jedhamu keessatti, aadaan Amaaraa gara ammayyeesuu danda’amuu isaa, jecha afaan siyaasaatiin gara dimokiraasiitti cesisamuu isaa, shakkii qabu ibsee ture. Meeshaa afaanii ijaarsa walaloo soorgoo fi sookoo jedhamu akka agarsiistuu aadaan Amaaraa, wal-xaxaa, iftoomina kan hin qabne fi jajaldhinaan kan guutame, ta’uu isaa hubateera. Akka Leeviin jedhutti aadaan iftoomina dhabuu kun iccitii, gowwoomsaa, fi shira kan agarsiisu yoo ta’u, kunis amala namoota Amaaraa ala ta’an waliin walitti dhufeenya gaarii fi jijjiirama hawaasummaa kan hin fidnedha.

Afaan Oromoo keessattis akkuma afaanota hunda jechootnii hiikkaa adda addaa qaban hinuma jiru. Haala aadaa Amaaraa irraa adda ta’een, iftoomina dhabuun Afaanni Oromoo dubbii dachaa fi qoosaaf fayyadamuu isaan mul’ata. Aadaa Oromoo fi Amaaraa gidduutti wal-qunnamtiin yeroo dheeraa turus, aadaan Oromoo ibsa hiikkaa baay’ee (polysemous expressions) caalaa sagale-maleeyyii fi sirrummaa filata. Kunis aadaan siyaasaa Oromoo amanamummaa, adeemsa kallattii, fi karaa sirrii ta’e akka jajjabeessu agarsiisa.

Amaaraa biratti aadaan wal-xaxaa (ifa ta’uu dhabuun) hojii siyaasaa qaba. Warri moototaa ejjennoo isaanii eeguuf shira dhoksaa haguuggachuuf, barreessitoonni beekumsa dhokataa abbaa irrummaan sadarkaa hayyoota isaanii eeguuf, qonnaan bultoonni komii isaanii dhoksaan ibsuudhaan mormuuf itti fayyadamaa turan. Hawaasa walqixxummaa kan akka Oromoo, bakka iftoominni gatii guddaa itti kenname keessatti, maloonni kun kaayyoo hiika qabu tokkollee hin tajaajilan. Kanaaf, hawaasa Oromoo keessatti aadaan iccitii dubbachuuf, fakkeessuuf, gowwoomsuuf tajaajilu hin jiru. Ilaalcha Oromoo keessatti beekumsi dhokataa nama kamiifuu faayidaa kennu kan nama hundaaf hin kennamne hin jiru.

Aadaa lamaanuu keessattuu, itti fayyadamni iftoomina dhabuu ilaalcha aangoof qaban ibsa. Akkataa qorannoo Leeviinitti, aadaan Amaaraa aangoon nageenya hawaasaaf baay’ee kan barbaachisu, kabaja fi galatni baay’een kan maluuf ta’uu agarsiisa. Kun immoo ilaalcha Oromoon aangoo irratti qabu, keessumattuu kan dhiironni sadarkaa olaanaa qaban kan kallattiin namootatti hin dabarree, akkasumas haadha manaa fi ijoollee ofii illee ajajuuf mirga hin qabnee wajjin faallaadha. Kunis aadaan Oromoo ilaalcha aangoon kan dhuunfaa osoo hin taane kan walooti jedhu akka qabu agarsiisa.

Faallaa kanaatiin yaalii bifa hundaan tokko gochuuf yaalamee fi garaagarummaa uummatoota Itoophiyaa gidduu jiru adda baasuu dhabuun walitti makamuun dhugaa akka hin uumamne taasiseera. Kanarraa kan ka’e, walitti makamuun Leeviin bara 1974tti yaade hin dhugoomne.

Xiinxalli Leeviin garaagarummaa afaanii fi ilaalcha aangoo qofa osoo hin taane sirnoota dudhaa fi dhaabbilee hawaasummaa walfaallaa ta’e kan calaqqisiisudha. Amaara dhimma dhuunfaatti amanu, sadarkaa aangoo qabu akkasumas wal dorgomaa ta’e, gama biraan immoo Oromoon tokkummaa, walqixxummaa, fi hariiroo hawaasummaa qabu waliin dorgomaa. Akka ilaalcha Leeviinitti, Amaarri sadarkaa aangoo qabaachuun impaayera qabaachuuf kutatanii turan, akkasumas fedhii aangoo qabaachuu isaanii irraa kan ka’e fedhiin babal’achuu isaanii yeroo baay’ee mul’ata ture.

Kutannoo biyyattiin impaayera ta’uuf qabdu kun Oromoo dabalatee eenyummaa saboota biyyattii gadi qaabuudhaan gara makamiinsa guutuu Itoophiyaa qabiyyeewwan isa hundeessan olitti ol ka’utti akka makaman barbaachise. Haalli ijaarsa biyyaa mala akkasii kun wal-unachiisa biyyaalessaa ykn hiree waloo waliin murteessuu hin fidne. 

Faallaa kanaatiin yaalii saba tokko gochuuf taasifamee fi garaagarummaa ummatoota Itoophiyaa gidduu jiru kabajuu dhabuun makamiinsa dhugaa akka hin bocanne taasiseera. Kanarraa kan ka’e, walitti makamuun Leeviin bara 1974tti yaade hin dhugoomne.

Waltuumsuun ni danda’amaa turee?

Barri 1991, tumsa Amaaraa fi Oromoo, akkasumas hundeeffama biyya hunda-hammataa uumuuf yaalii taasifame keessatti boqonnaa jijjiirama biraa ture. Tumsi jiraachuuf qaamoleen lama jiraachuu qabu. Yeroo sanatti yaaddoo eenyutu Amaaraa bakka bu’ee dubbata jedhu ture. Hayyoonni Amaaraa, sabni Amaaraa jalqaba bara 1990moota keessa jiraachuu illee beekamtii hin kennine ture. Hayyoonni Amaaraa tokko tokko eenyummaan Amaaraa saba Amaaraa osoo hin taane saboota baay’ee bakka bu’a jechuun falmu.

Ogeessi afaanii beekamaan tokko bara 1994 keessa Amaarri “kuusaa walitti makame, saba Itoophiyaa sabaan olii godhe kan of ilaalu fi ‘okkotee’ saboonni biroo keessatti baqan…” erga jedheen booda “Amaarri saba of danda’e ta’ee hin turre” jechuun ibsa. Kaan ammoo saboonni biroo afaan Amaaraatiin akka afaan dhalootaatti osoo hin dubbatin jiraata jedhame hin yaadamu jechuun yaada “sabni Amaaraa hin jiru” jedhu mormu. Kanaaf, hanga afaan Amaaraa jirutti, Amaarri akkuma saba Itoophiyaa kamiiyyuu akka saba daangaa fi aadaa qabu ta’e ni jira jechuun falmu.

Falmiin kun waa’ee saba Amaaraa irratti baay’inaan kan hin xiyyeeffanne fi ejjennoo siyaasaa falmii biyyoolessaa biyya Itoophiyaa irra deebiin gurmeessuu irratti godhame irratti kan xiyyeeffate ture. Warri Amaarri akka sabaatti jiraachuu isaa mirkaneessan, Amaarri mirga addaa eenyummaa Amaaraa irratti maxxane osoo hin taane, akka saba tokkootti jireenya siyaasaa biyyattii keessatti akka hirmaatu yaadu. Warri Amaarri akka sabaatti jiraachuu isaa morman addaan baafannaa saba Amaaraa fi saboota Itiyoophiyaa biroo gidduu jiruuf beekamtii kennuun afaan Amaaraa sabaa fi sablammoota liqimfaman hedduu irraa eenyummaa Itiyoophiyaa guddaa ta’e uumeera waan ta’eef Itiyoophiyaa xiqqeessa jedhanii sodaatu. Amaara gara sabaatti xiqqeessuun Itiyoophiyaa addaan cicciruu wajjin wal qixa jedhanii cichanii dubbatu.

Ejjennoon kun qajeelfama walqixxummaa kan faallessu ta’us, ka’umsi isaa seenaa Itoophiyaa keessaa madda. Akka hayyuun Raashiyaa Seviir Cherneetsoov jedhutti, warri Amaarri akka garee adda ta’eetti jiraachuu haalan, Amaara magaalaa keessa jiraatan, kan baratan, kanneen aadaa Amaaraatiin liqimfaman akka lammiilee Itiyoophiyaa Afaan Amaaraa dubbataniitti of ilaalaa turan. Dhugaa jiru yoo ilaalle jedha Cherneestoov, Amaarri baadiyyaa Amaaraa fi kan magaalaa keessa jiraatu akkaataa itti of ilaalu adda ta’e qaba. Haala of-ilaalcha hayyuu Amaaraa magaalaa irraa adda ta’een of-ilaalchi Amaara baadiyyaa qajeelaadha: akkuma Oromoon baadiyyaa of ilaaluutti isaaniifis Amaarri aadaa, akkaataa jireenyaa, fi eenyummaa isaaniiti.

Cherneestooviif gareewwan lamaan amala walfakkaatu muraasa qabu. Lamaanuu afaan Amaaraa dubbatu, harki guddaan isaanii amantii Kiristaanummaa Ortodoksii kan hordofan yoo ta’u, lamaan isaaniiyyuu aadaa masaraa impaayeraatiin dhiibbaa sadarkaa adda addaatiin kan isaan irra ga’edha. Siyaasa yeroo ammaa keessatti gareewwan adda addaa lamaan sirna duudhaa, fedhiiwwanii, aantummaa siyaasaa fi hawwii adda addaa horataniiru. Haa ta’u malee, yeroo ammaa dantaa fi eenyummaa Amaaraa ibsuu fi ittisuuf yoo jennu gareen lamaan gargar ba’u.

Jalqaba bara 1990moota keessa garaagarummaan kun dirree siyaasaa keessatti mul’achuu eegale. Amaarri magaalaa, shakkii fi of eeggannoo tokko malee, ilaalcha uummata baadiyyaa lakkofsa keessa osoo hin galchiin, ilaalcha siyaasaa isaanii akka ejjennoo Amaara hundaatti godhanii turan. Bara 1992 keessa kan hundeeffame Dhaabbanni Guutummaa Uummata Amaaraa (Me’aad), Amaarri magaalaa eenyummaa dubbi himaa lammiilee Itiyoophiyaan Afaan Amaaraa dubbatan hundaa ta’uu agarsiisa. Gama biraatiin Sochiin Dimokraatawaa Uummata Itoophiyaa maqaa haaraa Sochii Dimookiraatawaa Biyyaalessaa Amaaraa (ANDM) jedhee of moggaasuun paartii tokkicha Amaaraa bakka bu’e of godhe. Dhugaa dubbachuuf AAPO fi ANDM lamaan isaaniiyyuu dantaa hayyuu Amaaraa akka qabsaa’ota saboota Itoophiyaa hundaatti of ilaalu kan bakka bu’an malee kan Amaara baadiyyaa mitii.

Akkuma sagaleen Amaara baadiyyaa hin dhagahamne, aadaan olaantummaa fi aangoo Amaaraa magaalaa keessatti mul’ata. Amaara baadiyyaa qofa osoo hin taane saboota biroo aadaa masaraa impaayeraa morman akka callisan taasifamu. Hayyuun Amaara magaalaa, eenyummaa Itiyoophiyaa sabaan ol ta’e jedhu irratti hundaa’uun, Itiyoophiyaa tokkoomtee eenyummaan sabaa raaw’atee keessaa bade yaadu. Bar-kurneewwan sadan darbaniif, hayyoonni Amaara magaalaa federaalizimii sabdaneessaa tuffatanii diduudhaan, haasaa isaanii kan olaantummaa leellisu, jaalala impaayera ibsu, kan mootummaa akkaan faarsuu fi kan garaagarummaa saboota biyyattiif bakka hinqabne yaadama hunda galeessa kan namni hundi keessatti hammatamuu barbaaduu fakkeessanii ol guddisuun dhiyeessan. Haala dubbii Oromoo fi Amaaraa keessatti, hunda galeessummaa fi gaarummaa sabboonummaan Itiyopphiyaa jira jedhamu, adda ta’uu fi hammeenya uumamaa sabboonummaan Oromoo qaba jedhanii yaadan akkasumas isa dhabamsiisuuf murannoo jiru agarsiisa. Kunis miira gamtaa galma waliinii fi faayidaa waloo irratti ijaarame hin fidne.

Yeroo waan danda’amu fakkaatee ture

Walta’iinsa Oromoo fi Amaaraa madaaluun Itiyoophiyaa gara gaariitti jijjiiruuf carraan dhumaa kan dhufe bara bulchiinsa Adda Dimokraatawa Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (ADWUI) keessa ture. Walakkeessa bara 2010nootaa keessa mormiin dargaggoota Oromoo aangoo abbaa irree ADWUI tasgabbii dhabsiisee fi fudhatamummaa dhabsiise. Hoggantoonni OPDO fi ANDM diddaa ummataa qabatanii olaantummaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) kan dhimma bu’uuraa kanneen akka wal-unannaa biyyaalessaa, qoodiinsa qabeenyaa, wiirtuu aangoo, fi murtee kennuu irraa isaan dhiibe xumuruuf itti fayyadaman. Hoogganaa DhDUO Lammaa Magarsaa fi hogganaa ANDM Gadduu Andaargaachoo fi jilli isaanii magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahir Daaritti walarganii ABUT kuffisuuf gamtaa Oromaaraa jedhamuun beekamu irratti waloo uumuuf waliigaluun isaanii mul’ate.

Gamtaan waloo kun komii waloo irratti kan hundaa’edha. Komiin DhDUO uummanni Oromoo teessuma lafaa, seenaa fi haala uummataan bu’uura siyaasa giddu galeessa ta’us wiirtuu aangoo fi murtee kennuu keessaa dhiibameera yaada jedhu irra dhaabbata. Afaan siyaasaa sabboontota Oromoo saammacghuudhaan gaaffii Oromoon ofiin of bulchuuf qabu qabatanii falman. Akkasumas sabboontotni Oromoo farra Itoophiyaa, leellistoota qoqqoondiinsaa, gara jabeeyyii, fi dhiphoo fakkeessuun kaa’amuu mormaniiru. Ilaalcha yeroo dheeraaf Oromoon Itoophiyaanota irraa akka qaama alaa ta’eetti ilaaluu itti fufe balaaleffatan.

Garuu diinni waloo walitti isaan fide erga badee booda kaayyoon waloo walitti isaan qabus achumaan bade. Kana irraa kan ka’e Oromaaraan ni dadhabe. Qabsoon olaantummaa itti fufe. 

Hoggantoonni ANDM gama isaaniitiin akka leellistoota sirna durii godhamanii ilaalamuu isaanii komataniiru. Keessumaa maqaa “abju’attoota sirna durii deebisanii dhaabuu” jedhamee dhiyaate waan isaan aarse fakkaata ture. Kana malees, tarkaanfii ABUT saboota hanga ammaatti dhiibamanii jiran ol kaasuuf fudhate hunda akka Amaara gadi buusuuf itti yaadamee tattaaffii godhameetti hiikan. Keessattuu, hayyoonni ANDM ijaarsa mootummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa keessatti gumaacha giddu galeessaa qabaatanis gara handaara siyaasaatti dhiibamuu isaanii mormaniiru.

Gamtaan Oromaaraa jedhamuun beekamu kun, ABUTiin gamtaa ADWUI keessatti bakka olaantummaa qabu irraa buqqisuun milkaa’eera. Haa ta’u malee, gamtaan kun gara walitti makamiinsa “corporatist solidaristic” Leeviin “Itiyoophiyaa Guddittii” jedhee ibseetti hin guddifne. Ajajni abbaa irree erga kaafamee booda gamtaan kun sababa ittiin jiraatu dhabe. Hoggantoonni DhDUO-ANDM aangoo federaalaatti ol ba’anii boodas fuula waloo Oromaaraa eeguuf yaaliin godhamaa ture. Garuu diinni waloo walitti isaan fide erga badee booda kaayyoon waloo walitti isaan qabus achumaan bade. Kana irraa kan ka’e Oromaaraan ni dadhabe. Qabsoon olaantummaa itti fufe.

Gamtaan Oromaaraa jeequmsa kanaan dura hin argamee hinbeekneen uumame. Paartiin Biltsiginnaa Oromiyaa fi kan Amaaraa humna waraanaa Itiyoophiyaa fi humna nageenyaa naannoo Amaaraa, gargaarsa waraanaa fi maallaqaa Eertiraa fi Emireetota Araba Gamtoomanii irraa deeggersaan  argameen sochoosuun, mootummaa naannoo Tigraay diina walitti isaan fide ABUTiin bulaa ture irratti waraana guutuu labsan. Duulli kun erga qunnamtiin hundi addaan citee booda kan raawwatame yoo ta’u, naannichatti balaa namaa fi meeshaa lakkoofsa hin qabne geessiseera. Naannolee biroo keessattis walitti bu’iinsi walfakkaataan miidhaa guddaa uumeera. Bulchiinsa Oromaaraa waggoota afran darban babal’ina waldhabdee hawaasa gidduu, nageenya dhabuu, buqqa’iinsa, rakkoo siyaasaa, laamsha’uu bulchiinsaa, fi badiisa namoota siyaasaan kan guutameedha. Adeemsa badaa siyaasaa kun balaa guddaa kufaatii biyyaa fi diigamuu biyyaa kaaseera.

Addunyaa dhabame

Mul’anni Leeviin Itiyoophiyaa Guddittii irratti qabu, yaad-rimee waldhabdeen garee faallaa, wal’aansoo addunyaa qabatamaa fi kan ta’uu danda’u gidduutti ta’uu isaa irratti hundaa’uun socho’uuf yaadame. Kana jechuun Itiyoophiyaan dimokiraatawaa taate addunyaa abjuu Oromoo bakka bu’u dhugoomsa jechuudha. Haa ta’u malee, haasaan ijoo yeroo ammaa, yaada mata dureewwan aadaa Oromoo, kanneen akka sirna walqixxummaa, tokkummaa hawaasaa, sirna dimookraatawaa, qodiinsa aangoo, fi aadaa mari’achuu kan dhugoomsuu miti. Duudhaaleen kunniin Itiyoophiyaa keessatti tattaaffii dimokiraatessuu kamiyyuu keessatti gahee jijjiiramaa taphachuuf carraa guddaa qabu.

Yaadni gamtaa Oromoo fi Amaaraa kanneen biroo kan hin hirmaachifne fi dimokraatawaa kan hin taanedha. Oromomaaraan maqfamee tokkummaa sabootaa fi siyaasa waloo kan namootaa fi yaada qofti dhimma itti bahuun bakka buufamuu qaba. Qormaata amma jiru mo’ee egeree gaarii ta’eef carraa uumuu kan danda’u gamtaa akkasii qofa.

Faallaa abjuu addunyaa gaarii dhugoomsu barbaachuu ta’een, dudubbannaan waa’ee dimokraasii bara kanaa mirga hiree murteeffannaa saabootaa diduu fi warra gaafatan balleessuuf dhaadata. Tokkummaan Itiyoophiyaa akka qulqulluutti waan ilaalamuuf mirga bu’uuraa Itiyoophiyaanonni ykn gamtaan Itiyoophiyaa tokko argachuu qabu kamiyyuu ni caala. Haasaan mul’achaa jiru lallaba olaantummaa, jaalala impaayeraa, mootummaa kan faarsuu fi tokkummaa biyyaalessaa garaagarummaa gadi qabu uumuuf kan akeekkatedha.

Yaadni gamtaa Oromoo fi Amaaraa kanneen biroo kan hin hirmaachifnee fi dimokraatawaa kan hin taanedha. Oromaaraan maqfamee tokkummaa sabootaa fi siyaasa waloo kan namootaa fi yaada qofti dhimma itti bahuun bakka buufamuu qaba. Qormaata amma jiru mo’ee egeree gaarii ta’eef carraa uumuu kan danda’u gamtaa akkasii qofa. Walitti makamiinsa akkasii qofaatu komii waliinii gara bilisummaa gaarii, walkabajanii jiraachuu fi bilisummaa yaraa akkasumas wal-rukuttaa dalgee hanbisuudhaan, fedhii namootaa, dhabiinsaa fi deega namoomaa hanqisuu danda’a. Kunniin duudhaawwan Oromoo miti. Kunniin duudhaawwan Amaaraa miti. Kunniin duudhaawwan dhala namaati. Haala nama gaddisiisuun Itiyoophiyaa har’aa keessatti gatiin barbaachisummaa dhugaa bu’uuraa kanaa hafee motooma ilmaan namaa uuman baraaruu hojii taasifatee jira. AS

Hubachiisa Gulaalaa: Hizqi’eel Gabbisaan Yuunivarsiitii Keteriingitti Piroofeesara Seenaa fi Qorannoo Afrikaati. egebissa@kettering.edu irratti qunnamuu dandeessu.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.