Mollaa Mitikkuutiin @MollaAyenew
Finfinnee, Mudde 21/2022 – Waggoota sadan darbaniif addatti ammoo ji’oota jahan darban keessa cancalli dhiyeessii simmintoo jeeqamuun namoota jireenyi isaanii daldala simmintoo bu’uura godhate lakkoofsi isaanii guddaa ta’e, gadadoo guddaa keessa galchuun sadarkaa isaan daa’imman isaaniitiif buddeena guyyuu argachuu hin dandeenyerraan isaan gahe.
Daldalli simmintoo dameewwan irra deddeebiin imaammatni fi qajeelfamoonni irratti jijjiiraman keessaa isa tokko. Waxabajjii 14/2021 Ministeerri Daldalaa fi Walitti-hidhamiinsa Naannolee ibsa baaseen qajeelfama sana dura daldallii fi raabsi simmintoo ittiin hogganamaa ture haquun yeroo hin murtoofneef gabaa bilisaatiin akka taliigamu beeksise.
Fulbaana 14, bara 2022 ammoo ministeerichi qajeelfama haaraa gatii simmintoo murteessu baasuu isaa beeksise. Kana kan godhes faallaa murtoo kana duraatiin gatii simmintoo akka malee dabalaa jiru to’achuufi jedhe. Jijjiiramoonni imaammataa kunneen akkanumaan hin dhufne, bara 2020 irraa eegalee mootummaan guutummaa biyyattii keessatti dhaabbileen jaha qofti simmintoo akka raabsan hayyama kennee ture. Yeroo sana Finfinnee qofa keessatti namoonni 600,000 ta’an jiruun isaanii simmintoon walqabatu rakkoof saaxilamuu kan eegalan.
Rakkoon xumura hin qabne kun jiruu hojjetoota guyyaa fi raabsitootaa qofa osoo hin Taane, ijaarsawwan xixiqqaa irraa hanga pirojektiiwwan misoomaa gurguddoo akka ‘La Gare integrated community development‘ kan dhaabbata Dubaayi buufate ‘Eagle Hills’ jedhamuun ijaaramaa ture mara miidhe.
Daldala simmintoo buddeena guyyaaf
Miidhaan sababa jeeqamuu dhiyeessii simmintootiin uumame kanaa garuu hojjettoota humnaa fi namoota kaan jiruun isaanii kanaan wal-qabatu gadadoo cimaaf saaxilee jira.
Finfinnee daandii Magganaanyaa irraa gara Kotobee geessu irratti, suuqiiwwan simmintoo duraan akka malee namaan guutaman ji’oota jahan darbaniif duwwaadha, gariin cufamanii jiru. Dukkaana tokko fuulduratti dargaggoonni hojjettoota humnaa waldaan gurmaa’an walitti qabamanii qumaara taphachaa turan, naannoo namoonni itti baayʼatan sanatti kun duraan waan hin baratamne ture. Namoonni kaan hojii malee asii fi achi taaʼanis kan turan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko konkolaattota dhaabbatan irratti hirkatanii dhaabbataniiru.
Chaalee Aaginyi, umuriin 30, abbaa ijoollee lamaa yoo ta’u waggoota 8 darbaniif konkolaataa fe’umsaa irraa simmintoo buusuu fi fe’uun akkasumas gara manneen simmintootti geessuu ykn baasuun ofii fi maatii isaa bulchaa ture.
“Jiruun koo guyyaa guyyaa suuqii kana keessa gabaan simmintoo jiraachuu irratti hundaa’a. Amma garuu, raabsitoonni kun simmintoo bitachuu fi gurguruu waan dhorkamaniif hundi isaanii cufamanii jiru. As qofaa ana dabalatee, hojjettoonni humnaa 70 ol waldaan gurmaa’anii hojii kanaan bulantu jiru. Haa ta’u malee, Waxabajjii darbe irraa eegalee sababa cufamuu manneen daldalaa kunneeniin rakkoon guddaa nu mudateera,” jechuun Addis Standard’tti hime.
“Ji’oota jahan darbaniif ganama barii dhufee, guyyaa guutuu hojii tokko malee asitti dabarseen, galgala gara manaatti deebi’a. Yeroo kanatti, anis ta’e namootni akka koo biroo maatii keenya nyaachisuu hin dandeenyu”
Tsaggaayee Zargaa, Konkolaachisaa
Chaaleen guyyaa guutuu hojii malee achitti dabarsuudhaan galgala gara manaatti akka deebi’u hima. “Hojjetoonni suuqii cufame fuuldura taa’an tokko tokko waan hojjetan waan hin qabneef qumaara taphachaa oolu, kunis dhiphina isaanii salphisa jedhanii waan yaadaniifi” jedhe.
Hojjetaan humnaa biraan Wandimmuu Muliyyee, ”mootummaan hojii dhabdummaa hir’isuuf hojjechaa jira jechuu dhageenya, namoonni hedduunis hojii argachaa jiru. Nuyi garuu hojii waggoota dheeraaf qabnu irraa nu bittinsaa jira” jedhe.
Tsaggaayee Zargaa, nama ganna 48 fi abbaa ijoollee sadiiti. Namoota simmintoo bitataniif tajaajila fe’umsaa kennuudhaan jireenya isaa gaggeessa ture. “Ji’oota jahan darbaniif ganama barii dhufee, guyyaa guutuu hojii tokko malee asitti dabarseen, galgala gara manaatti deebi’a. Yeroo kanatti, anis ta’e namootni akka koo biroo maatii keenya nyaachisuu hin dandeenyu” jedha.
Isa waliin konkolaachiftoonni gara 200 ta’an hojii hiikanii rakkina keessa akka jiran kan himu Tsaggaayeen, “mootummaan furmaata akka nuuf kennu gaafanna” jechuun Addis Standard’tti hime.
Akka inni jedhutti filannoon konkolaataa isaanii gurguranii, kan biraa bitatanii hojii biraa irratti bobba’uu waan hin yaadamnedha. Konkolaattonni dullooman isaan harkaa qaban gabaa amma jiru keessatti waan hin barbaadamneef, namni konkolaattota sana gatii salphaadhaanillee irraa bitu hin argamu.
Salamoon Asaffaas hojiidhuma kanaan of jiraachisa. “Ji’oota jahaaf galii tokkollee hin qabnu. Yeroo ammaa kana kiraa manaa kaffaluu fi baasii nyaata guyyuu ijoollee keenyaa dadhabaa jirra” jedhe.
Rakkoo isaanii kana mootummaan akka quba qabu, miidiyaaleen adda addaas gabaasaa turaniiru jedhu. Kana malees qondaaltonni Ministeera Daldalaa yeroo adda addaatti daawwatanii rakkoo kana akka sirreessan abdii kan kennaniif ta’us furmaata tokko malee baatileen jaha darbaniiru jedhu.
“Ji’oota jahaaf galii tokkollee hin qabnu. Yeroo ammaa kana kiraa manaa kaffaluu fi baasii nyaata guyyuu ijoollee keenyaa dadhabaa jirra”
Salamoon Asaffaa, Konkolaachisaa
Rakkoon kun hojjettootaa humnaa fi kanneen tajaajila fe’umsaa kennan bira darbee raabsitoonni simmintoo dhiyeessii keessaa waan baafamaniif rakkoo walfakkaataaf saaxilamaniiru. Darbees, namoonni dhuunfaa simmintoo bituu barbaadan simmintoo argachaa hin jiran. Simmintoon kuntaalli tokko kan warshaalee irraa naannoo birrii 700n bahu, amma gabaa al-idilee irratti birrii 2000 olitti gurgurama.
Hanqina oomishaa sadarkaa biyyaatti muudatetti dabalamee, ka’uumsi rakkoo kanaa qajeelfama mootummaan ji’a jaha dura baase yoo ta’u, qajeelfamichi raabsistoota simmintoo cancala dhiyeessii keessaa akka bahan taasiseera. Qajeelfamni kun namoonni dhuunfaa simmintoo bituu barbaadan, hayyama Ministeera Daldalaa fi biiroowwan daldala naannolee irraa fudhatanii kallattiin warshaalee irraa akka bitatan taasisa.
Qajeelfamni kun faddaaltota dhiyeessii simmintoo keessaa baasuu, gatii sirnaan ala akka malee olka’uu to’achuu fi hannaa fi birookiraasii daldala simmintoon wal-qabatee babal’ate dhabamsiisuuf yaadamee ture kan qophaa’e, akka itti gaafatamtuun hariiroo hawaasaa fi kominikeeshinii Ministeera Daldalaa Qumnagar Unatuu jedhanitti.
Haa ta’u malee, qajeelfamni kun bahullee, rakkoon daldala simmintoon walqabatee ture itti fufe akka jiru Aadde Qumnagar hin haalle. “Qajeelfamni raabsa simmintoo haaraan hojiirra osoo jiruu ji’oota shanan darbanitti rakkooleen kanaan dura ka’aa turan itti fufuu isaanii adda baasnee jirra,” jechuun Qumnagar Addis Standard’tti himaniiru.
Dabalataan warshaan Mugarii fi Naashinaal irraa kan hafe warshaaleen kaan humna isaanii guutuun omishaa akka hin jirre, warshaaleen Habashaa, Itiyoo-Simiintii fi Daangootee ammoo sababoota adda addaatiin oomisha dhaabuu isaaniis himaniiru.
“Qajeelfamni raabsa simmintoo haaraan hojiirra osoo jiruu ji’oota shanan darbanitti rakkooleen kanaan dura ka’aa turan itti fufuu isaanii adda baasnee jirra”
Qumnagar Unatuu, itti gaafatamtuun hariiroo hawaasaa fi kominikeeshinii Ministeera Daldalaa
“Kana malees, omiishni warshaa simmintoo Darbaa guutummaatti pirojektoota mootummaa kan akka Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha, fi pirojektii Kooyishaaf waan ooluuf, warshaa kanarraa simmintoon gabaaf hin dhiyaatu.
Hir’inni omiishaa waan jiruuf ji’oota shanan darban simmintoon kuntaalli miliyoona 16, kuma 600 fi kuma 50 fi 826 (16,650,826) kan raabsame yoo ta’u, kunis kan waqtii kanaaf barbaadamu keessaa %72 ta’a jedhan Qumnagar.
Pirezidaantiin Waldaa Oomishtoota Simmintoo Itoophiyaa Haayilee Assaggid, “oomishni simmintoo hir’achuu fi raabsitoonni daldala simmintoo keessaa baafamuu isaanitiin namootni jiruun isaanii simmintoon wal-qabatu hedduun rakkoo hamaaf saaxilamaniiru” jedhan.
Haayileen akka jedhanitti, “nageenyi dhabamuun, meeshaalee suphaa fi dhagaa cilee bitachuuf sharafa alaa argachuu dhabuun warshaaleen simmintoo humna isaanii guutuun akka hin oomishneef danqaa ta’aniiru” jedhu. Sababa kanaafis oomiishni simmintoo kan waggoota sadii dura turerraa %30 hir’achuu dubbatan.
Itti dabaluunis, sababa wal-waraansa Kaaba biyyattii keessatti uumamee tureen, Warshaan simmintoo Mosoboo Tigraay keessatti argamu, kan silaa waggaatti toonii 900,000 oomishuu danda’u, waggaa lamaaf oomisha dhaabeera.
“nageenyi dhabamuun, meeshaalee suphaa fi dhagaa cilee bitachuuf sharafa alaa argachuu dhabuun warshaaleen simmintoo humna isaanii guutuun akka hin oomishneef danqaa ta’aniiru”
Haayilee Assaggid, Pirezidaantiin Waldaa Oomishtoota Simmintoo Itoophiyaa
Raabsitoonni gabaa keessaa dhiibamaniiru, kontiraaktaroonni warshaalee irraa simmintoo akka bitatan hin hayyamamuuf, namootni dhuunfaa simintoo barbaadan hin argatan jedhu Hayileen rakkoo jiru yoo ibsan.
Namoonni tajaajila fe’umsaa kennanifi hojjettoonni humnaa Addis Standard dubbise garuu rakkoon kun hanqina oomishaa irraa kan madde ta’uu itti walii hin galan. Simmintoon kan dhabame bulchiinsa badaa fi malaammaltummaa cimaa irraa kan ka’e ta’uu dubbatu.
Qondaaltonni mootummaa olaanoo daldala simmintoo keessa harka naqachuufi raabsa simmintoo haqanqaaluun faayidaa dhuunfaaf oolfachaa akka jiran komiin irra deddeebiin dhagaahama. Torbee darbe jechuunis Muddee 12 Ministeerri Haqaa daayireektara itti aanaa konistiraakshinii fi loojistikii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Tasfaayee Damee fi namoota biroo sadii maqaa dhaabbatichaan simmintoo kuntaala 29,200 warshaalee Simmintoo Darbaa fi Daangootee irraa bituun gatii olaanaadhaan gurguratanii faayidaa dhuunfaaf oolfatan irratti himanna yakka malaammaltummaa guddaa banuu beeksisee ture.
Jiruun namoota miliyoonaan lakkaa’amanii kan irratti bu’uura’e waan ta’eef mootummaan oomishaa fi raabsa simmintoo irratti xiyyeeffannoo guddaa akka kennu Haayileen dhaamaniiru.
“Mootummaan raabsitoonni hojii isaanii duraaniitti akka deebi’an hayyamuu fi warshaalee simmintootiifis sharafa alaa dhagaa cilee fi meeshaalee suphaa ittiin biyya alaatii galchan hayyamuu qaba” jedhan.
Qumnagar gama isaaniin Addis Standard’itti akka himanitti, mootummaan qajeeltoo raabsa simmintoo haaraa yeroo dhiyootti hojiirra oolu qopheessuu fi kanaanis raabsitoonni daldala simmintoo keessatti akka deebi’an ni taasisa jedhan.
Hojjetoonni humnaa fi konkolaachiftoonni jiruun isaanii daldala simmintoon wal-qabatu garuu, mootummaan irra deddeebiin rakkoo isaanii akka furu waadaa galee hojiitti waan hiikneef, abdiin eeguu fi guutummaatti gara hojii birootti ce’uu jidduutti murtoo malee danqamanii jiru. AS