Oduu: Ajajootni waraana olaanoo Federaalaa, Tigraay Naayiroobiitti walga’an

Finfinnee, Muddee 21/2022  – Bakka bu’oonni mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi ajajootni  olaanoon Tigraay dhimma raawwii waliigaltee waraana dhaabuu Itoophiyaa Sadaasa 02 Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti mallattaa’e irratti Keeniyaa magaalaa Kaaran, Giddugala Leenjii Mooranitti mari’achaa jiraachuu sagantaa Addis Standard ilaale ni mul’isa.

Walgahiin marii kun jalqaba Muddee 20 hanga 23 giddu gochuuf kan beellamame yoo ta’u, garuu Roobii Muddee 21 akka jalqabu Addis Standard hubateera.

Walgahii marii guyyoota sadiif turu kana irratti gareen lamaan bu’aa raawwii adeemsa hidhannoo hiikkachuu, walsimannaa haalota kallattii raawwii hojii mala hordoffii, mirkaneessuu fi walsimannaa Gamtaa Afrikaa waliin qabanii fi hojiirra oolmaa waliigaltee waraana dhaabuu dhaabbataa irratti tarkaanfiiwwan itti aanan irratti ni mari’atu jedhamee eegama.  

Pirezidaantii Keeniyaa duraanii fi miseensi Paanaalii Sadarkaa Olaanaa Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaattaa akkasumas bakka bu’oonni  IGAD fi mootummaan Ameerikaa walgahii kana irratti ni hirmaatu. Walgahiin kun garee hordoffii fi mirkaneessaa Gamtaa Afrikaa hundeeffamni isaa waliigaltee waraana dhaabuu dhaabbataa keewwata 11 jalatti ragga’e hatattamaan akka bobba’uuf waamichi guddachaa yeroo dhufeetti gaggeeffama.  

Sanbata Muddee 17 mootummaan Federaalaa ibsa baaseen magaalaa Maqalee dabalatee naannoo to’annoo humnoota isaa jala hin oolle keessatti “yakka gurmaa’e” fi “saamicha” raawwataman irraa lammiilee nagaa Tigraay eeguuf “tarkaanfiiwwan barbaachisoo” akka fudhatu akeekkachiise ture . “Mootummaan Itoophiyaa yakkamtoonni kunneen akka itti gaafataman jala sararuu barbaada” kan jedhu ibsi kun, mootummaan “nageenya ummataa naannolee sanaa eeguu fi itti gaafatamummaa isaa ba’uuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda ni fudhata” jedheera.

Hogganaan Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD) gama isaatiin ibsa Dilbata Mudde 18 laateen, erga waliigalteen nagaa Piritooriyaa fi Naayiroobii mallatteeffamee kaasee gareen isaanii hojiirra oolchaa kan ture ta’us, mootummaan Federaalaa hojiirra oolchuu irratti duubatti hafuu dubbate. Dabratsiyoon, daddabarsa gargaarsa namoomaa gara Tigraayitti kan hin daangeffamne ta’uu qabaatus fooyya’iinsi muraasaan ala gufuuwwan jiraachuu ibsuun mootummaa Federaalaa komateera. “Namoonni naannolee humoota Eertiraa fi Amaaraatiin qabaman keessa jiraatan gargaarsa sirnaan argachaa hin jiran, naannoo mootummaan Federaalaa gargaarsa raabsaa ture keessattillee namoota magaalota keessa jiran qofa gargaarsa kana argatu, ammallee namoonni baadiyyaa hedduun gargaarsa tokkollee hin argatan,” jedhe.

Humnoonni Eertiraa fi Amaaraa lammiilee nagaa Tigraay naannoo isaan qabatanii jiranitti jiraatan irratti yakka hammeenyaa raawwachaa akka jiran gabaasaaleen hedduun ni mul’isu.

Labsii Malawwan Raawwii Waliigaltee Piriitooriyaa, Sadaasa 12 Naayiroobiitti mallattaa’e irratti, “Hidhannoo hiikkachuu qabsaa’ota Tigray” jalatti, keewwatni 2.1/D,“hiikkachuun meeshaa waraanaa gurguddaa yeroo wal-fakkaataa humnoota alaa fi humnoota RIB hin taane naannicha keessaa bahan waliin ni raawwatama ” jedha.

Mudde 05 ajajaan waraanaa olaanaa Tigraay Janaraal Taaddasaa Waradee hidhattoota Tigraay gara 65% dhiyaatan sarara fuulduraa irraa baafamaniiru jedhe. Garuu gareen hordoffii fi mirkaneessaa Gamtaa Afrikaa bakkichatti waan hin jirreef beeksisni kun qaama walabaatin hin mirkanoofne. Kunis walga’ii har’a Naayiroobitti gaggeeffamu fi bu’aan isaa adeemsa nagaatiif murteessaa taasisa. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.