Amantii Boonjaa Godina Shawaa Bahaa ganda Qilee Dooyyoo jedhamutti dhalatee guddate. Barumsa isaa sadarkaa jalqabaa mana barumsa Qilee Dooyyoo sadarkaa tokkoffaatti barate.
Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa mana barumsa Maqiitti barate. Sana booda Yuunivarsiitii Jimmaatti barnoota fayyaa osoo baratuu DV argatee bara 2015 gara Ameerikaa imale.
Ameerikaa deemee Inistiitiyuutii Teekinologii Joorjiyaa irra gosa barnootaa Injineriingiin digirii jalqabaa argate. Hojiin isaa injinera ta’us fedhii ogbarruuf qabu irraa kan ka’e kitaaba beekamaa ‘Animal Farm’ Joorji Orweelin barreeffame ‘Ganda Beeyladootaa’ jechuun gara Afaan Oromootti hiike.
Amantiin Addis Standard waliin turtii taasiseera.
AS: Kitaaba ‘Animal Farm’ jedhu akkamitti argattee dubbiste? Yoo dubbistu maal hubatte?
Amantii: Oromoo ta’anii siyaasa irraa fagaachuun waan danda’amu miti. Yeroon dhimmoota siyaasa Oromoo fi Ameerikaa hordofu jecha “Orwellian” jedhu nan dhagaha. Kanaaf kitaabota Joorj Orweel ‘Animal Farm’ fi ‘1984’ jedhan biteen dubbise. Kitaabni ‘Animal Farm’ jedhu kun kan yeroon irra darbu miti. Fuula 100 keessatti rakkoo hawaasa muudatu haala gariin ibsa. Kanas salphaatti akka dubbistoota hundaanuu hubatamutti ibse.
AS: Kitaaba kana Afaan Oromootti hiikuuf maaltu akka murteessitu si godhe?
Amantii: Kitaaba kana dubbisee kan yeroon irra hin dabarre ta’uu isaan hubadhe. Kitaaba kana Oromoon argatee akka hin dubbisne kan taasise tokko danqaa Afaanii ta’uu nan beeka.
Kana malees kitaabni kun gabaabaa waan ta’eef dubbisuu fi hiikuunis ni salphata. Kanaaf akka dhaloota qubee tokkootti danqaa Afaanii kana kaasuun kitaaba beekamaa jaarraa 20ffaa kana Afaan Oromootti hiikuuf murteesse.
Kitaaba kana Afaan Oromootiin barbaadee waanan dhabeef Amajjii bara 2022 hiikuun eegale. Ergan hiikee raawwadhee kitaabni kun Abbaa Caalaa Lataatiin waggoota 10 dura akka hiikamen hubadhe. Sana booda Abbaa Caalaa Lataa qunnamee galateeffadhe. Anis yeroo fi humna kana barreeffamoota biroo jiran hiikuuf itti fayyadamuun danda’a ture, kitaabni kun akaakuu lama waggoota kudhan addaan fagaataniin argamuun yeroo fayyadamummaan dijitaalaa haalaan guddachaa jirutti dubbiftoota daran bal’aa ta’e bira ga’uuf duula marsaa biraa gochuu akka ta’ettin fudhadha.
AS: Kitaabni kun kan yeroon irra hin dabarree ta’uu eertee jirta. Yeroon ati kitaaba kana itti hiikte seenaa kitaabicha keessa jiruun hidhata qabaa?
Amantii: Akkuman seensa Ganda Beeyladootaa keessatti ibse, Oromoota kitaaba kana dubbisaniif yookan amma Afaan Oromootiin dubbisuuf jiraniif Joorji Orweel waa’ee warraaqsa Raashiyaa 1917 fi tatee isa booda ta’e osoo hin taane, Oromoon Abba biyyaa ta’uuf, addunyaa haqaa qabeessaa uumuuf, mirga kabajaan jiraachuu ofii eegsisuuf, afaan, aadaa, amantii fi ilaalcha addunyaa ofii qabaachuu fi ibsachuuf qabsoo taasisu keessatti bu’aa ba’ii muudatee fi muudachaa jiru waan barreesse fakkaata.
Dhugaadha kitaabni kun kan yeroon irra hin tarree fi barbaachisaadha. Oduun Oromoo ilaallatu kan guyyaa guyyaan dhageenyu seenadhuma kitaaba kana keessa jiru. Hawaasni addunyaa maraa irra caalaan isaaniis akkasuma akka itti dhaga’amu shakkii hin qabu. Anas kanumatu akkan kitaaba kana gara Afaan Oromootti hiiku na taasise.
Abdiin koo kitaabni kun dubbistoonni Oromiyaa fi sanaa ala jiran, maraammartoo jeequmsa, gita bittaa, gantummaa, malaammaltummaa, olola, fi waan jidduu jiru hunda akka salphaatti hubatanii ammaaf ykn gara fuulduraaf mala waliigalaa tokko tokko akka qabataniif akka gargaaru.
AS: Kitaaba hiikuuf ogummaa barbaachisu eessaa fi akkamitti horattee? Warra kana gochuu barbaadaniif gorsi kee maali?
Amantii: Muuxannoo kitaaba hiikuu kanaan dura hin qabu ture, barruulee fi kitaabota waa’ee kitaaba hiikuu barsiisanis hin dubbifne. Haata’u malee, kana gochuun hojii kana caalaatti bareechee akkan hojjadhu na gargaara ture. Wanti ijoon wanta hunda hiika kuusaa jechootaatti fayyadamuun otuu hin taane, galumsa jechootaa eeganii ergaa barreessaan barruu sanaa dabarsuu barbaade dabarsuudha jedheen waanan amanuuf dandeettii hubannoo kiyya fayyadameen hiike.
Akkasumas, wantoota akka jeechamaa hiikuu yoo barbaadde cal’iftee qajeelummaan hiikuu otuu hin taane afaanii fi afoola hordoftoota keetiitti akka ta’uutti hiika wal simatu barbaaddaaf. Kanaafuu, namoota afaan Oromoo sirriitti danda’anii fi amalasaa hubatan cal’isanii hubannoosaanii fayyadamuun gadi fageessanii xinxalanii ilaaluun gaalee fi himoota galumsasaanii hubachuun barbaachisu yoo argan, gaaffii hiiki kuni hiika sirrii ta’us hordoftoota kiyyaaf ergaa sirrii ta’e ni dabarsaa? Yookiimmoo barreessaan kuni akkas jechuu barbaadee? jedhu of gaafachuun, sana boodas nama kitaaba kee siif gulaalu yoo qabaatte, enyuyyuu kitaaba hiikuu akka danda’un amana.
AS: Kitaabi Afaan Oromootti hiikame bifiyyee akkamiin argama?
Amantii: Yaadni koo kitaaba kana bilisaan raabsuu ture. Namoota Oromiya keessa jiran wajjiin waliigalteerra gahee kan ture ta’us kitaabicha maxxansanii tamsaasuun garuu rakkisaa waan ta’eef kitaabicha marsariitii hawaasaarratti bilisaan gadi lakkisuuf murteesseera. Namoonni yookiin dhaabbatni sagaleedhaanii fi kitaabaan maxxansuun raabsuu barbaadan yoo kan jiran ta’e na gargaaruu danda’u.
AS: Dubbiftoota Afaan Oromoo bal’aa biraan akkamitti gahuuf yaadde?
Amantii: Kitaabni koo haala dijitaalawaa (ebook) tiin qophaa’e kana dubbiftoonni koo Afrikaa Bahaatti argaman akka argataniif karaa Feesbuukii, af-gaaffii fi karaalee tiwiitarii fi telegraamiitiin ergaa dabarsaan jira. Hordoftoota miidiyaa hawaasaa lakkoofsaan xiqqoo ta’an ani qabuun, namoota hedduu bira dhaqqabuu hin danda’u. Kanaafis namoota beekamoo hordoftoota baay’ee qaban dhaamsa akka naaf dabarsan gaafachuun kitaaba kana ummata bal’aa bira gahuu nan danda’a. Afgaafffiin Addis Standard wajjiin raawwadhe kunis kaayyoo koo gana galmaan gahuuf na gargaara waan ta’eef tuuta AS galatoomaa jechuun barbaada.
“Yaadni koo kitaaba kana bilisaan raabsuu ture. Namoota Oromiya keessa jiran wajjiin waliigalteerra gahee kan ture ta’us kitaabicha maxxansanii tamsaasuun garuu rakkisaa waan ta’eef kitaabicha marsariitii hawaasaarratti bilisaan gadi lakkisuuf murteesseera.”
AS: Barruulee addaa addaa Afaan Oromootiin akka dhiyaataniif maaltu godhamuu qaba?
Amantii: Kitaaba kana Afaan Oromootti hiikuu yeroon eegale, carraan namoonni moobayila ammayyaawaa fi kompiitara ittiin argachuu danda’an murtaa’aa ta’uu kaniin hubadhe ta’us kitaaba bitatanii dubbisuunis akkasumas qarshii gaafata. Sababa sirni barnootaa biyyattii kitaaba dubbisuu kan jajjabeessu hin ta’iniif, aadaan namoonni biyya keenyaa kitaaba dubbisuuf qabanis laafaadha. Dhugaan akkanaa kan jiru ta’us teenyee gumgumuurra furmaata jiru barbaaduun gaariidha jedheen amana. Carraa kitaaba kana hiikee bilisaan dhiyeessuu argachuu kootti baay’een gammada.
Namoonni gargaarsa maallaqaa fi barumsaa gaarii otuu argatanii, kitaaba hiikuu fi barreessu danda’an, akkasumas miliyoonaan kan lakkaawaman ammoo dubbisuu kan barbaadan hedduu jiru jedheen amana. Afaan Oromoo akka barumsa tokkootti barsiisuu, dubbisuu fi kitaabaa fi barreeffama adda addaa barreessuu daa’imummaarraa kaasee otuu barsiisanii jijjiiramni guddaan ni dhufa.
Namoonni humna sirna barnootaarratti dhiibbaa uumuu qabanii fi qondaaltonni maallaqa manneen barnootaa kitaaba ittiin bitamu gargaarsa gochuu danda’an barreessitoota deeggaruurrattii fi asoosama Afaan Oromoo gara sadarkaa itti aanutti guddisuu keessatti gahee guddaa qabu jedheen amana. Nutis karaa dandeenyu hundaan gargaaruu itti fufuu qabna.
Namoonni gargaarsa maallaqaa fi barumsaa gaarii otuu argatanii, kitaaba hiikuu fi barreessu danda’an, akkasumas miliyoonaan kan lakkaawaman ammoo dubbisuu kan barbaadan hedduu jiru jedheen amana.
AS: Galiin gurgurtaa kitaaba kanaa kan Ameerikaa keessaa argamu gargaarsa namoomaaf oola jedhameera. Gochaawwan kunneen maali faadha, eenyu faatu itti hirmaata?
Amantii: Galii gurtgurtaa kitaabichaarraa argamu guutumatti hojiilee gargaarsa Oromiyaa keessatti godhamaa jiruurra oolchuu karaa ittiin danda’u nan argadha jedheen abdadha. Kitaabota lakkoofsaan xiqqoo ta’an maxxansiisee qopheessuun Ameerikaa keessatti raabsuuf qophaa’eera. Kitaabota kanneen namoota barbaadaniif gurguraa fi ergaan jira. Kitabni koo kan ‘Ganda Beeyladootaa’ jedhamu $25tti kan gurguramu yoo ta’u kitaabicha geejjibuuf $5 dabalataan kaffalsiisa.
Galiin gurgurtaa kitaabichaarraa hammayoonaatti argame kan baay’ee nama jajjabeessuu ta’uu baatus of dura balbala innii naa banu yookiin gargaarsa inni naaf fiduu danda’u waan hin beekneef karaa marsariitii hawaasaatiinii fi qophiilee adda addaaarratti gurguruudhaan wanta dhufu ilaaluu ittiin fufa. Sababii waraanaa, hongee buqqa’uu fi kanneen birootiin Oromiyaan miidhamaa jirti. Kanaafuu, yoo danda’e kitaabicha dafee gurguruun namoota rakkataniif dhaqqabuun barbaada.
AS: Hordoftoota kee bira akka qaqqabduu fi gargaasa tola ooltumaa akka cimsitee itti fuftuuf attamiin namoonni si gargaaruu danda’u?
Amantii: Dhaabbata kitaabota koo hawaasa Oromoo biyya alaatti argamu biraan gahuu barbaaduu fi galii argamu guutumatti gargaarsa Oromiyaa keessatti hojjatamaa jiraniif oolchuu barbaadan kamiyyuu wajjiin bilisaan hojjachuuf fedhiin qaba. Dhaabbileen kitaabicha maxxansuun Oromiyaa keessatti raabsuu barbaadan kan na gaafatan kan jiran ta’us kanneen biroos kitaabicha anarraa bituun namoota biraatiif beeksisuu barbaadanis ta’ee, kan kitaabicha maxxansanii Oromiyaa keessatti raabsuu barbaadan, akkasumas namoota kitaabicha marsariitii hawaasaarratti dubbisuu barbaadaniif (keessumaa barsiisootaa fi dargaggoodhaaf) kan qoodan fi ijoolleesaanii fi maatiidhaaf dubbisaanii fi kkf ni dhufu jedheen abdadha.