Oduu: Noorweey lammiileen ishee gara Itoophiyaa akka hin imalle hubachiifte

Finfinnee, Muddee 20/2022 – Mootummaan Noorweey lammiileen biyyattii gara kutaalee Itoophiyaa bal’aa haalli nageenyaa isaanii hin mirkanoofneetti akka hin imalle gorse. Ministeerri Dhimma Alaa Noorweey ibsa Muddee 17 baaseen lammiileen Noorweey gara lixa Oromiyaa fi bakkeewwan birootti akka hin imalle hubachiiseera jechuun SchengenVisaInfo.com gabaaseera.

”Ministeerri Dhimma Alaa imalli gara naannoolee lixa Itoophiyaa walitti bu’iinsaan miidhaman hundatti akka hin taasifamne gorsa. Kunis naannolee Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Buunnoo Baddallee, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Naannoo Gaambeellaa, fi Naannoo Benishaangul Gumuz ni dabalata,” jedha ibsichi.

Akka Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii jedhutti marii qaamolee wal waraansarra turan gidduutti taasifame fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga’amee, haalli kaaba Itoophiyaa akka fooyya’uuf gumaacha kan taasise ta’uus, naannoo Tigraayitti garuu ammallee haalli jiru kan mirkanaa’ee miti. Kana malees jeequmsi baha Itoophiyaa fi gara daangaa Somaaliyaatti uumame naannolee kanneeniif illee haala nageenya hin qabne uumeera.

Haaluma kanaan lammiileen gara naannoo Tigraay, akkasumas bakkeewwan daangaa naannoo Amaaraa, Tigraay fi Affaaritti dabalatee gara iddoowwan haala nageenya isaanii hin mirkanoofneetti akka hin imallee Ministeerichi dhaameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.