Daldala: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ijaarsa ‘smart city’ eegaluufi qophii duraa raawwachaa jiraa

Obbo Masfin Xaasawu, Suraa: TOI

Finfinnee, Mudde 17/2022 – Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa hojii ijaarsaa ismaarti siitii jedhamu barana eegaluuf qophii duraa raawwachaa jiraachuu beeksise.

Raawwachiisaan hojii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasawu akka ibsanitti, kubbaaniyyichi baay’ina maamiltootasaa dabalaa dhufe ka’umsa godhachuun ijaarsa magaalaa qubata xayyaaraa akka raawwatu waggoota sadii dura ibsee ture.

Ijaarsichi Naannoo Oromiyaa, bakka Magaalaa Bishooftuurraa fageenya dhiyootti argamutti kan adeemsifamu ta’uun kan eerame yoo ta’u, pirojektichi hoteelota ammayyaa’oo, wiirtuu lojistikii kaargoo, bakka gabaafi kkf kan of keessatti qabate ta’uu eeranii, pirojektichi sababoota garagaraatiin osoo hineegalamiin turuu dubbataniiru.

Ijaarsisaa yommuu xumuramus waggaatti imaltoota miliyoona 100 keessummeessuuf humna kan qabu ta’uu eeranii, ijaarsicha eegaluuf dhaabbata Faransaayiin qorannoo adeemsisee xumuruu himu. Daandiin qilleensichaa hojii ijaarsaa eegalchiisuufis Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsu. Yeroo ittaanuttis kubbaaniyyaawwan hojii ijaarsaa hojjetaniif caalbaasiin kan ba’u ta’uufi bara bajataa qabame kanatti hojiiwwan qophii hunda xumuruun gara hojiitti kan seenamu ta’uu himu.

Akka Obsa Masfinitti, pirojektichi waliigala baasii doolaara biliyoona shaniin kan hojjetamu yoo ta’u, waggoota shan keessatti ijaaramee kan xumuramu ta’uufi akkaataa barbaachiseen boqonnaa lamaan hiramee hojjetamuu akka danda’u eeru. Ismaarti siitiin haaraa ijaaramu kun Paarkii Indastirii Adaamaafi Buufata Meeshaa Gogaa Mojootti dhihoo ta’uusaatiin wiirtuu lojistikii guddaa ta’uun tajaajila.

Oduu biraatiin daandiin qilleensichaa badhaasa “Daandii Qilleensaa Filatamaa Afrikaa 2022” mo’ate. Badhaasichas Baruuleen “Global Travellers” sagalee imaltoota dubbistootaarraa walitti qabuun kan kennuudha. “Global Travellers” sagantaa injifattoota badhaasa waggaa imaltoota dubbistootaa 19ffaa gaggeesseera.

Bu’uuruma kanaan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, ‘Royal Air Marc’fi Daandiin Qilleensaa Keeniyaa Afrikaarraa daandiiwwan qilleensaa filatamoo ta’uun filatamuu ragaa “Global Travellers” irraa argate wabeeffachuun TOIn gabaaseera.

Maddi: TOT/Bariisaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.