Oduu: Poolisiin nama dheeraa Itoophiyaa Nagawoo Jimaa osoo mana murtiitti hin dhiyeessiin torban tokkoof hidhe

Geetahun Laggaasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Mudde 17/2022–  Poolisiin magaala Maqii nama dheeraa Itoophiyaa Nagawoo Jimaa guyyaa Sanbataa Muddee 10, 2022 irraa eegalee hidhaa buusee akka jiru, maatiin Addis Standardtti himaniiru.

Minseensonni poolisii magaala Maqii Nagawoo godina Shawaa Bahaa magaala maqii hoteela keessatti isaa nyaata ajajatee nyaachuuf taa’aa jiruu naannoo sa’aatii 10tti too’annoo jala oolchu fi mana hidhaa magaalattii ganda 03 keessatti argamutti hidhame kan jiru ta’uu miseensi maatii Nagawoo maqaan akka hin dhahamne gaafatan himaniiru.

Akka miseensi maatii kun jedhanitti, poolisiin sababa Nagawoo ittiin too’atee hin himne, hamma ammaatti mana murtiittis hin dhiyeessin jira. 

Nagawoon hidhamuun dura magaalota Oromiyaa gara garaa keessatti kan argaman manneen barnootaa fi yuunivarsiitiiwwan adda addaa keessaa mormiin ajjeechaa lammiilee nagaa irratti Wallagga Bahaatti raawwatame balaaleffatu adeemsifamee ture.

Nagawoonis ajjeechaa kana balaaleffachuun fuula Feesbuukii isaarratti ergaawwan adda addaa maxxansaa ture. Sababni hidhamuu isaas Kanuma ta’uu hin oolu jedhu miseensi maatii kun. 

“Nagawoon miseensa paartii siyaasaa kamiyyuu miti, nama siyaasaas miti. Shakkiin nuti qabnu garuu sababa inni ummata Lixa biyyattiitti haleellaadhaan miidhamaniif sagalee ta’eefi shakkii jedhu qabna. Karaa fuula feesbuukii isaatiin ergaa ajjeechaa kana balaaleeffatanii fi suuraa namoota haleellaa kanaan miidhamanii maxxanseera,”  jedhe miseensi maatii kun.

Nagawoo yeroo ammaa mana hidhaa magaala Maqii ganda 03 keessatti argamutti hidhamee jira. Rakkoo fayyaa hammaataa keessa waan turee fi qoricha waan fudhatuuf kunuunsa addaa kan is barbaachisu ta’uus namni kuni dabalee dubbateera.

Nagawoo  dheerina meetira lamaa fi seentimeetira 25 ta’een Itoophiyaa keessaa nama dheeraa jedhamuun Galmee Wantoota Dinqisiisoo Afriikaatiin beekamti argateera. Kanumaanis, sagantaawwaan televiziyoonii fi miidiyaalee hawaasaa irratti afgaaffii addaa addaaa adeeemsisa tureera.

Nagawoon barataa fi jiraataa magaala Maqii yoo ta’u hiriyootasaa magaala Finfineetti argaman daawwachuuf garas deddeebi’aa tureera.

Hidhamuu isaa ilaalchisee yaada argachuuf yaaliin Addis Standard Poolisii magaalaa Maqii qunnamuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.