Xiinxala: mamii fi mi’aan gatii yaalii mootummaan konkolaattotaa elektiriikaa jajjabeessuuf godhu danqan, rakkina meeshaale bu’uuraa hiikuuf labsiin haaraa ba’eera

Mihirat Gabrakiristoosiin @MercyG_Kirstos

Finfinnee, Mudde 17/2022- Erga mootummaan Konkolaataa elektiriikaa jajjabeessuu fi gatii hir’isuuf jecha Fulbaanarraa eegalee qaraxarraa malee biyya keessaa akka galan taasisee fi konkolaatonni kunneen daandiiwwan magaala Finfinnee keessatti mul’atan dhawaataan dabalaa dhufeera.

Akkasumas, labsiin haala itti fayyadama konkolaataa elektiriikaa too’atu qophaa’aa kan jiru ta’uu ministeerri geejjibaa fi loojistikii beeksiseera. Labsiin mana mareetiin ji’a tokko keessatti raggaasifamuuf jiru kun faddaaltota  elektiriikaatiif beekamtii kan kennuu, konkolaataa itti suphamuu fi iddoo suphaa fi meeshaalee konkolaatichaaf barbaachisan ijaaruu kan ilaalatu ta’uu hoggaanaan ministeerichaa Kadilmaagist Ibraahim ibseera.

Itti fayyadama konkolaattota kanneenii mootummaan haa jajjabeessu malee dandeettii turtii tirikaa fi haala ittiin humna ittiin guutaniin walqabatee fayyadamtoonni shakkii qabu.

Konkolaachisaa Ride taaksii Miiliyoon Alam Addis Standarditti akka himetti, “hamma bu’aa fi miidhaan konkolattota kanneenii sirriitti baramutti xiqqaatu hamma waggaa sadiitti konkolaataa kana hin fayyadamu,” jedheera.

“Buufanni humna itti haaromsan (guutan) akka isa boba’aatti iddoo hedduutti hin jiru. Gara iddoo barbaadee imaluus hin danda’u keessumaa Finfinnee ala bahuunhin danda’u,” jedheera. Akkasumas rakkoo humna elektiriikaa magaalattiis baduu danda’a shakkii jedhu kaaseera.

Karaa biraatiin, Yohaannis Geetaachoo  konkolaataa elektiriikaa Vokswagen ID.4 ji’a lamaa fi walakkaa dura bitate. “Konkolaataan elekitiriikaa isa kaan caala mijataa dha,” jedheera. Haata’u malee, konkolaatonni kunneen humna elektiriikaa si’a tokko guutataniin fageenya murtaa’aa qofa deemuu kan dandeessu ta’uurratti komii kaaseera.

Daan’eel Taaddasaa, makaanikaa fi mana suphaa konkolaataa kan qabu, tirikni tokkoo waggaa kudhan caala hin tajaajilu jechuun gatiin isa ittiin bitan qaalii ta’uu dubbateera.

Konkolaatonni kunnneen karaa lamaan humna elektiriikaa guuttachuu danda’u – isa hatattamaa kan daqiiqaa 20tti guutuu fi kan suuta guutuu sa’aatii saddeetii hamma 12 gidduuttiidha Akkasumas, humna si’a tokko guuttataniin hanga kiloomeetira 580 deemuu danda’u.  

Bu’aan inni ijoon konkolaataa elektiriikaa rakkoo faalama qilleensaa kan hin fidne ta’uusaati. Miidhaan isaan umamaarratti qaqqabsiisan xiqqoodha.

Konkolaatonni akkanaa mootorasaanii dibata dibuun yookiinimmoo suphaan konkolaatota boba’aan hojjataniiif godhamu kamiyyuu hin barbaanne ta’uu Daani’eel dabalee himeera.

Akka Daani’eel jedheetti ammaaf konkolaataan elektiriikaa geejjibaa dheeraadhaaf amansiisaa miti. Buufatonni humna itti guutan ijaaruun jalqabbiirra jira waan ta’eef iddoo buufanni humna itti guutamu hin jirreetti dhaabbattee hafuu dandeessa,” jedheera.

Teeknoloojiin kuni biyya keenyaaf haaraa waan ta’eef qaamolee konkolaatichaas argachuun rakkisaa ta’uu danda’u, Daani’eel hubachiiseera.

Itoophiyaan biyyoota humna elektiriikaa bishaaniirraa madduu fi konkolaataa elektiriikaa xiyyeeffachuun baasii maallaqa alaa hir’isuuf hojjachaa jiran keessaa tokko. 

Labsiin haaraa kanaaf barbaachise, akka Adilmaagist Addis Standarditti himtetti, labsiin haaraan kuni abbootii qabeenyaa buufata konkolaatonni kuni humna itti haareeffatan Finfinnee keessattii fi alatti ijaaruu barbaadan kan eeyyamu ta’a.

Labsiin kuni xiqqaatu buufata humna itti guutamu lama akka ijaaran daldaaltota konkolaataa elektiriikaa biyya alaatii galchan ni dirqisiisa. Warshaalee konkolaataa kan suphanimmoo buufatoota afur akka dhaaban ni dirqisiisa. Kanaafuu, labsiin buufata humni itti haarawoomu akka babal’atuu fi namoonni hedduu onkolaataa kanneen akka bitatan taasisuun humna boba’aa bakka buufamutti fayyadamuu kan jajjabeessu ta’a.

Sababni inni biraa yaalii mootummaa kan danqu danda’u gatiidha. Qaraxni biyya alaa kan irraa kaafame ta’uus gatiin konkolaattota kanaa garmalee qaalii dha. Gatiin Volkswagen ID.4 birrii miliyoona 5.7($106,000) kan gatii konkolaataa Duba’ii bitamuu  $35,000 irraa dachaa sadi ta’a.

Namoonni tokko tokko gatii konkolaatichaa akka sirreefamu mootummaa kan gaafatan ta’us daldaaltonni konkolaataa kana alaa galchan garuu sababa sharafni alaa dabaleef  mootummaa gabaa konkolaataa kana too’annoorraa bilisa akka godhu barbaadu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.