Oduu: Gariin abbaa qabeenyummaa Daandii Qilleensa Itoophiyaatin kan hogganamu Daandii Qilleensa Naayijeeriyaa hojii eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 04/2023 – Deeggarsa Daandii Qilleensa Itoophiyaatin hundeeffamaa kan jiru Daandiin Qilleensa Naayijeeriyaa baatii Onkololeessa dhufu akka hojii eegalu ibsame. Miidiyaan Bluumbarg hoji gaggeessaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasaw wabeeffachuun akka gabaasetti, abbaa qabeenyummaan Daandiin Qilleensa Naayijeeriyaa 49% Daandii Qilleensa Itoophiyaatin, 5% mootummaa Naayijeeriyaatin, akkasumas kan hafe ammoo dhaabbilee invastimantii Naayijeeriyaatin kan hogganamudha. 

Daandiin Qilleensa Naayijeeriyaa xiyyaara kireeffaman kudha lamaan hojii akka eegalu eerameera. Daandiin qilleensa biyyattii kun hojii eegaluun isaa yaalii daandiin qilleensa Itoophiyaa samii Naayijeeriyaa to’achuuf taasisuuf gahee guddaa qaba kan jedhe gabaasni Bluumbarg, daandiiwwan qilleensaa 23 samii biyyattirra balali’an waliin akka dorgomuus ibsameera.

“Naayijeeriyaatti daandiin qilleensaa hojii hojjechuu salphaa miti, qormaata hedduu nu eegaa,” kan jedhan Masfin Xaasaw, namoota aadaa diinagdee Naayijeeriyaa beekan qabachuun akka milkaa’u abdii qaban dubbataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.