Oduu: Qulqulluun Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaa abbootii Tigraay “muudama seeraan ala raawwatan” jedhe balaaleeffate

Angafoota Phaaphaasii Naannoo Tigraay Qulqulluu Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaatin balaaleeffataman

Finfinnee, Hagayya 03/2023 – Waraana mootummaa federaalaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) gidduutti waggoota lamaaf gaggeeffame hordofee hariiroo Qulqulluu Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa fi Mana Amantaa Ortodoksii Tigraay [teessoo Manbara Salaamaa jedhamu jalatti] gidduu addaan citee ture gara iddoo duraanitti akka deebi’uuf yaaliin garagaraa taasifamuus ammallee akkuma boora’een itti fufeera. 

Qulqulluu Sinoodoosii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa yaa’ii ariifachiisaa guyyaa lamaaf gaggeesseen abboota naannoo Tigraay keessatti Adoolessa 23 fi 30, 2023 “muudama phaaphaasota seeraan ala raawwatanii fi raawwachiisan, akkasumas kan muudaman” dabalatee kanneen muudama keessa hirmaata hunda balaaleeffachuun aangoo mana amantaa isaanii irraa muluqamuu beeksiseera. Kana malees, maqaan “Manbara Salaamaa” jedhamu seeraan alaa ta’uu ibseera.

Ibsa Qulqulluun Sinodoosichi baase akka ibsutti, abbootiin “muudama seeraan ala” jedhame kana kan kennan Abuna Isaayyaas, Abuna Maqaariyoos, Abuna Marihaa Kiristoosi fi Abuna Pheexiroos ta’uu eerameera. “Abbootiin kunneen seera mana kiristaanichaa cabsuun aangoo isaaniif eeyyamameen ala Ephisqophosoota 9 muudneerra, Sinodoosii hundeessineerra jechuun miidiyaa naannichaa irratti ibsa kennaniin waan mirkanaa’eef Qulqulluu Sinoodoosii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa aangoo daaqonummaa irraa jalqabee mana kiristaana irraa isaanif kenname guutummaatti muluquu fi balaaleeffachuun adda baaseera,” jedhe ibsi sinodoosichaa kun. 

Kana malees, Ephisqophosoota 9 “seeraan ala” muudamanis akkasuma aangoon mana kiristaana isaanii irraa muluqamuu ibsameera. Abbootiin balaaleeffataman kunneen jireenyaanis haata’u du’aan tajaajila hafuuraa kan hin arganne ta’uu eerameera.

Murtee balaaleeffannaa Qulqulluun Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaa dabarse ilaalchisee abbootiin naannoo Tigraay jiran har’a ganama ibsa baasaniiru. Ibsa isaanii kanaan, murtee abbootii naannoo Tigraayirra darbe jedhame kun “faayidaa fi fudhatama kan hin qabneedha” jedhan. “Balaaleeffamni fudhatame hin qabne kun deemsa Manbara Salaamaa irratti dhiibbaa akka hin qabne fi al tokkofillee kan hin dhaabbanne ta’uu ibsina,” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.