Oduu: Mootummaan naannoo Amaaraa “humnoota haleellaa raawwatan” irratti “tarkaanfii seera kabachiisuu” gaggeessa jedhe

Finfinnee Hagayya 02, 2023 – Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Yilqaal Kaffaalee (PhD) haleellaa naannoo naanicha keessatti raawwatan dhaabsiisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan duula olaantummaa seera kabachiisuu kan gaggeessu ta’uu himaniiru.

Mootummaan naannichaa seera kabachiisuuf dirqama heera mootummaan itti kenname bahuuf kan dirqamu ta’uu ibsa har’a kennaniin Yilqaal dubbataniiru.

Naannicha keessatti bakka tokko tokkotti uummata nagaa jeequu fi karaa cufuun qaamoleen misooma naannichaa fi tokkummaa uummataa miidhaa jiraachuu ibsuunf gochoota kanarraa of qusatan akeekkachiisaniiru.

Akkasumas, miseensota raayyaan ittisa biyyaa (RIB) seera kabachiisuuf naannicha keessa socho`an irratti haleellaan raawwatamuu dubbachuun ochaan akkanaa dhaabbachuu akka qaba jehdaniiru. Kana malees, hololli RIB irratti baname fudhatama kan hin qabne ta’uus ibsaniiru. “RIB birmadummaa biyyaa kan eegsisu gaachana biyyaati,” jechuun tattaafiiwwan sochii raayyaa danquuf fudhataman dhaabbachuu qaba jedhan.

Rakkooleen naannicha keessatti bakka tokko tokkotti mul`atan osoo hin babal`atiin qawweetti fkaasuun dura mariidhaan yaadaan mormuun garaa garummaan jiru furuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Duula seera kabachiisuuf mootummaan naannicha gaggeessuu uummanni naannichaa akka tumsu waamicha dhiheessan.

Oduu biraatiin, RIB “garee maqaa faannootiin [naannoo Amaaraa keessa] socho’u” jirurratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu ibsa kaleessa baaseen addeessee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.