Xiinxala Oduu: Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti babal’achaa dhufe hordofuun manni maree ministeerotaa labsii yeroo hatattamaa dabarse

Finfinnee, Hagayya 04, 2023 – Naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa  babala’achaa dhufeen walqabtee manni maree ministeerotaa walga’ii idilee har’a gageessee irratti labsiin yeroo hatattamaa akka labasamu sagalee guutuun murteesseera.

Labsiin yeroo hatattamaa kuni akka dabarfamu kan murteeffame aanga’oonni feederaalaa fi naannoo Amaaraa nageenyi naannichaa qaamota hidhatamii socho’an “Faannoo” ofiin jedhaniin boora’aa jiraachuu ibsuu hordofeeti. Aanga’oonni  kunneen rakkoo nageenyaa bal’achuu ibsuun tarkaanfii seera kabachiisuu naannichatti cimee kan itti fuf ta’uu ibsaniiru.

Haala nageenyaa naannicha keessa jiru mul’isuuf Addis Standard jiraattoota naannichaa dubbiseera. Jiraattonni kunneen naannoo Amaaraa keessatti nageenyi boora’uu ibsuun rakkoo tasgabbii mul’achaa jiru yaaddeessaa ta’uu himan. Magaalli Kaaba Wallootti jiraattonni magaalli Qobboo kan waggoota lamaa fi walakkaadhaaf waraana keessummeessaa turte Wixata darberraa eegalee sagaleen dhukaasaa fageenyarraa kan dhagahamu ta’uu beeksisaniiru.  Waldhabdeen kuni walitti bu’iinsa garee hidhattoota ‘Faannoo’ naannicha keessa socho’anii fi miseensota raayyaa ittisa biyaa gidduutti kan uumame ta’uu himaniiru.

Jiraattuu magaala Qobboo kan taate kan maqaan ishee akka hin eeramne gaafatatte akka jetteeti, Wixata Adoolessa 31 halkan qixxeee irraa eegalee hammaa ganama bariitti dhiyeenya magaalattiitii sagaleen dhukaasaa dhagahamaa turuu ibsiteerti.

Sochii raayyaa ittisa biyyaa akkaan guddaa ta’e jiraachuu ibsuun miseensonnni RIB meeshaa waraanaa gurguddaa fe’atanii konkolaataadhaan magaala keessaa yeroo darban arguu jiraattuun tuni himteerti.

Haaluma wa fakkaatuun jiraataan magaalatti Mangashaa jedhamu kan torban darbe keessa gaddaa maatii irratti hirmaachuuf gara magaala Qobboo imalee ture mrakkoon nageenyaa daandiirra jiraachuu eeruun karaan Baahirdaariin darbee Dassee galu rakkoo tasgabbiitiin cufamuu hordofee karaa naannoo Affaariin karaa dheeraa imaluun magaala Qobboo gahu Addis Standard’tti himeera. Akkasumas, magaala Qobbootti geejjibni baajaajii magaalattii keessatti dhoorkamuu himeera.   

Balalliin xiyyaaraa gara naanichaa godhamu adaan cituu odeeffannoo mul’isaa jiru. Namni dhuunfaa gara Baahirdaar imaluuf tikeetii kutate ture balallichi akka haqamuu itti himamuu fi beellamani guyyaa biraa akka hin kennamin Addis Standard’tti himeera.

Akkasumas, magaalota naannoo Amaaraa hedduu keessatti tajaajilli interneetii addaan citee jiraachuu hubatameera. Miseensi paaralaamaa fi sochii Amaaraa Biyyaaleessaa kan ta’e Kiristiyaan Taaddalee karaa Feesbuukiitiin odeeffannoo raabsaniin ibsaniiru. Weerarri mootummaan ummata Amaaraarratti raawwachaa jiru akka dhaabu dhaameera. Dhaabbilee mirga namoomaa fi hawaasni diploomaasii gochaa mootummaaa kana akka balaaleeffatan waamicha taasiseera.

Dhaabbanni oduu Reuters jedhamu akka gabaaaseetti, naannichatti walitti bu’iinsi babal’achaa jiraachuu jiraattota wabeeffachuun ibseera. Magaalonni too’annoo humni hidhattoota ‘Faannoo” jala galanis jiru jedheera.  

Imbaasiin biyya Ispeenii lammileen isaa magaala Laalibalaa galan hotelaa isaanitti akka hin baane gorsuu miidiyichi ibseera.  Walitti bu’iinsa miseensota ‘Faannoo’ fi RIB goidduutti uumameen namoonni kudha sadi madaa’uun hospitaalattii wal’aanamaa jiraachuu addeesseera.

Rakkoon nageenyaa naannichaa bal’achaa dhufuun “haala yaadeessaa” irra gahuu aanga’oonni naannichaa ibsaniiru.

Itti aanaan muummicha ministeeraa obbo Dammaqee Makoonniin rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiru haala yaaddeessaarra gahuu fuula Facebookiitiin ibseera. “Gaaffiileen deebii hin argatin jiraachuu mala. Haa ta’u malee, gaaffiilee kunneen karaa seerakan deebi’an karaa nagaa fi  mariidhaan ta’uu qaba,” jedheera.

Sochiin karaa nagaatiin ala godhamu nageenya kan booreessuu fi rakkoo jiru daran kan walxaxaa kan taasisuudha ta’uu ibseera. “Jijjiirama biyyattiin adeemsisaa jirtutti gammaduu baannus sirriitti itti yaannee furmaata itti fufaa karaa nagaatiin barbaaduun murteessadha,” Dammaqeen dabalee jedheera.

Pireezidaantiin naanichaa ibsa dheengadda baaseen, humnoota nageenya naanichaa booreessan irratti tarkaanfii kan fudhatama jechuusaa Addis Standard gabaasee ture. Rakkoon nageenyaa kuni sochiilee diinagdee fi hawaasaa irratti miidhaa geessiseera jedhe.

“Wal ajjeesuudhaan jijjiiramni fidne hin jiru,” jechuun rakkoon amma dhufe naannicha gatii kan kaffalsiisu ta’uu ibsaniiru. Sab-qunnamtiin RIB Koloneel Geetnet Adaanee ibsa baaseen gareen hidhattootaa “Faannoo” ofiin jedhu nannicha keessatti haleellaa raawwachuu ibsuun mootummaan tarkaanfii kan fudhatu ta’uu addeessee ture.

Qaamoleen kunneen yaadaan moo’achuu wann dadhabaniif qawwee kaasan irratti tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee itti fufeera jedhan. Gareeen hidhattoota kuni Godina Kaaba Lixa Gondaritti miseensota RIB hojiirra turan irratti haleellaa banuuu eeraniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.