Oduu: Bulchiinsi naannoo Tigraay tarkaanfii naannoo Amaaraatti fudhatamaa jiru kan deeggaru ta’us hirmaannaa kan hin qabne ta’uu ibse

Finfinnee, Hag 14, 2023 – Bulchiinsi Yeroo Tigraay tarkaanfii seera kabachiisuun mootummaan federaalaa naannoo Amaaraa keessatti gaggeessa jiru kan deeggaru ta’uu ibsuun fhirmaannaa kan hin qabne ta’uu addeesseera.

Bulchiiinsi naannichaa ibsa Hag 13, 2023 baaseen, duula seera kabachiisuu mootummaan federaalaa garee hidhatanii lolan kan waliigaltee piriitooriyaa dandquu danda’an irratti adeemsisu kamiyyuu kan deeggaru ta’uu ibsuun himata humnoonni Tigraay waraanicharratti hirmaataniiru “dogoggoraa fi maqa-baleessiidha” jechuun haaleera. Humnoonni oduu akkasii kaasan kan raayyaa ittisa biyyattiitiin waan moo’atamaniif ummata Tigraayitti sababeeffachuufi jedheera.


Mootummaan federaalaa tarkaanfii humnoota kana irratti fudhachaa jiruuf deeggarsa addaa Tigraay irraas ta’e paartii biraa irraa barbaada jedhee mootummaan naannicha kan hin amanne ta’uu eeruun duula humnoota gara jabeeyyii fi michoota isaanii kanneen waliigaltee Piriitooriyaa danquuf yaalii ijiibaataa taasisaa jiran fashaleessuuf mootummaa federaalaa kan deegaru ta’uu ibseera.

“Gaaffilee fudhtama hin qabne” humnooni naannoon Amaaraa kaasan hiikuuf tattaaffii mootummaan federaalaa gochaa ture gargaaraa akka turan hubachiisaniiru. Akkasumas waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti hojjirra akka ooluu ni hojjanna jedhanirru. Fedhiin Uummanni Tigraay ammas rakkoolee jiran karaa nagaan hiikuuf fedhii fi kuutannoo kan qabu ta’uu eereera.

Ibsichi qaamoleen kunneen gareen kunneenii  fi michoonni isaaniin waliigaltee Piriitooriyaa fashalleessuuf hojjachaa turuu ibsuun kaayyoon isaanii otoo hin milkaa’in haafeera jedhe. Ibsichii kun humnoonni naannoo Amaaraa kunneen ejjannoo farra waliigaltee Piritooriyaa fi ummata Tigraay kan qaban ta’uu ifatti beeksisaa turuu beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.