Oduu: Paartiileen ABO fi KFO “sarbiinsa mirga namoomaa fi ajjeechaa lammiilee nagaa” balaaleeffatan

Finfinnee Hag 14, 2023 – Paartileen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Feederaalaa Oromoo (KFO) haleellaa humnoonni mootummaa godina Shawaa Lixaa keessatti lammiilee nagaarratti raawwataniiru jechuun gochaa kana kan balaaleeffatan ta’uu beeksisaniiru.

Ibsa haala yeroo Oromiyaarratti paartiileen kunneen baasaniin,humnoonni mootummaa duula “Qurxummii bal’eesuuf madda bishaanii gogsuu dha” jedhuun qonnaanbultootaa fi lammiilee nagaa ajjeesaa, madeessaa fi dararaa jiru jedhaniiru.

“Yeroo ammaa kanatti ‘Waraana Bilisummaa Oromoo barbaaduu’ jedhuun duula Hagayya 1, 2015 hanga Hag 4, 2015 ALI gidduutti godina Shawaa Lixaa aanaalee Amboo, Cobii, Daanoo, Gindabarat, Ikfataa, Iluu Galaan, Liiban Jaawwiii, fi Midaa Qanyiitti gdhameen lubbuun qonnaanbultootatti dhukaasuun ajjeesuu, madeessuu fi saamicha godhamaa tureera,” ibsa KFOtu jedhe.

ABOn gama isaatiin, guutuu Oromiyaatti raawwatamaa jiraachuu ibsuun keessumaa naannolee WBO socho’aa jira jedhamanitti badiin kuni hammaataa ta’uu eereera.

Haleellaan taasifame “haala ummatarratti haaloo bahuu haala fakkaatuun” Hag 4, 2015 ALI aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofee jedhamutti haleellaa raawwateen lammileen nagaa 11 haala sukaneessaa ta’een rasaasaan rukutamanii humnoota mootummaatiin ajjeefamuun shan madaa’aniiru jechuun maqaa namoota lubbuun darbee paartiileen lamaan tarreessaniiru.  

Kana malees, 30 ol kan ta’an humnoota mootummaatiin butamanii hidhamuun qabeenyi isaanii saamamuu beeksiseera. Namoota ajjeefaman keessa daa’immanii fi maaguddoon umrii 70 jiraachuu eeruun ajjeechaan jumlaa aanaa Cobiitti raawwatame umrii fi saala adda kan hin baasin ture jedheera.

Dabalataan, aanaa Liiban Jaawwiitti maanguddoo umrii 70 obbo Guddisaa Nagawoo namoota 40 biroo waliin fudhatanii deemuun Hag 2 erga reebanii booda ulfaatina reebichaa irraa kan ka’e lubbuun obbo Gaadisaan darbuu ibsichi addeesseera.

Kaaluma wal fakkaatuun, godina Arsii aanaa magaala Abboomsaa haleellaan raawwatameen obbo Haajii Ziyaad namni jedhamu rasaasa humnoota mootummaatiin dhukaafameen ajjeefamuu ibseera. Daa’imaa fi dubartii isaan waliin turan madaaa’uus ibsichi dabalee eereera.

Hag 01, 2015 ALI godina Arsii aanaa Martii fi Godina Jimmaa aanaa Geera ganada Borcaddeekaatti qonnaanbultoota gaffii xaa’oo kaasan irratti sarbiinsa kabaja namoomaa tuqu raawwatamuu ibsichi yaadachiiseera. Namoonni yeroo taateen kuni raawwatamu achi turan biiroo muummee paartichaatti(KFO) dhiyaatanii rageessaniiru KFO jedhe.

Hagayya 07, 2023 Ona Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti namoota 4 maqaan isaanii ammaaf ifa hin ta’in ukkaamsuun yoo fudhatan Hagayya 08, 2023 Ona Daannoo ganda Baddaa Iluu fi Ona Iluu Galaan ganda Habakuu Aannootii loon ummataa saamamuu ragaa ummata irraa argameen mirkanaa’uu ABOn ibseera.

Ummanni Oromoo akkuma ummata biroo hamileen isaa cabaa kan jiru ta’us paartiin badhaadhinaa maqaa ummata Oromootiin daldalaa waan jiruuf saboota birootiin akka jibbamu taasifameera jedhame.

KFOn haleeellaa fi sarbiinsa mirga namoomaa jiru furuuf mariin nageenyaa eegalamee ture akka itti fufu cimsee kan gorse yoo ta’u ABOn gama isaatiin mootummaa Cee’umsaa naannoo Oromiyaa (MCNO) akka ijaaramu gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.