Oduu: Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti godhame hordofuun gabaa jimaa Keeeniyaa gadi bu’e

Finfinnee Hagayya 12, 2023 – Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti godhame hordofuun gabaan jimaa qonnaanbultoota Keeniyaa gadi bu’aa dhufuu miidiyaan Keeniyaa tokko gabaaseera.  

Akkaataa waliigaltee biyyoota lamaa gidduutti raawwatameen, ji’a keessatti guyyaa 10 gabaa jimaa Somaaliyaa addatti akka dhuunfattu Itoophiyaadhaaf eeyyamtee jirti.

Akkasumas, Hagayya 11 irraa eegalee Keeniyaan jimaa gara Moqaadishoo ergitu akka xiqqeessitu Somaaliyaan gaafattee jirti. Keeniyaa hamma jimaa guyyaan ergitu toonii 19 qofa akka ta’u uggurri kaa’amuun eerameera. Kanaan dura guyyaatti hamma toonii 50tti ergaa turteerti. Qajeelfdamni Somaaliyaan baafte kuni hojiirra ooluun dura waliigaltee biyyoota lamaan hammachiise akka taasifamu Keeniyaan gaafatteerti.

Oduun kuni kan himame,  Keeniyaan gabaa jimaa Somaaliyaaa dhuunfatteerti komii jedhu Itoophiyaan kaafte hordofeeti. Akkaataa dhoorkaa kanaatiin, Kamisa dhufuu irraa eegalee jimaan gara Somaaliyaa hin ergamu jechuudha.

Dhoorkaa kana kaa’uun dura qondaalota Keeniyaa kan beeksiftee ture ta’uu eeruun qondaalonni Keeniyaa garuu hin hafuu Somaaliyaan ibsuu miidiyaan kuni gabaaseera. Itoophiyaa irraa jimaa bitachuu waan barbaaddeef jimaa Keeniyaan ergitu akka xiqqeesitu hubachiiftee turuunis ibsameera.

Kana malees, Somaaliyaan uggura daangaarra keesse akka kaaftuu fi gatii jimaan ittiin ergamu gadi akka buuftu dabaltee gaafatterti.

Waldaan daldaltoota jimaa Keeniyaa tokko Itoophiyaan gabaa daldala jimaa haaraa dhaabuuf dhiibbaa gochaa turtee jirti jedhe.

Himata Itoophiyaa kan Keeniyaan gabaa jimaa dhuunfatteeerti jedhu haaluun karaa ifaaa fi seera-qabeessa ta’een Itoophiyaa waliin dorgomuu kan barbaadan ta’uu qonnaanbultoonni Keeniyaa himaniiru.

Giddugaltummaa mootummaa irraa kan ka’e qonnaanbultoonni fi daldaltoonni jimaa rakkoo keessa galuu Addis Standard gabaasee ture. Qonnaanbultoonni kunneen sababa giddugaltummaa mootummaa kanaan baasii guddaadhaaf saaxilamuu fi galiin al-ergii irraa argamu xiqqaachuu himatu. Gochaan mootummaa kuni maatii fi qonnaabultoota omishaa fi daldala jimaa irratti dhiibbaa geesssiseera.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.