Oduu: Baankiin Gadaa Garee Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Waldaa Bu’uuraa Hojjetoota Duraanii waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

Sirna walii mallatteessuu Hoji Gaggeessaa Olaanaan Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo fi Dura ta’aan Waldaa Bu’uuraa Hojjetoota Duraanii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Kiyyaa Lammaa gidduu taasifame

Finfinnee, Adoolessa 06/2023 – Baankiin erga hundeeffamee fi hojii eegale yeroo muraasa keessatti fedhii fi fayyadamummaa maamiltoota isaa guutuuf taajiloota baankii teeknooloojiin deeggaraman kennaa jiru, baankiin Gadaa, tajaajila fi gahumsa isaa babal’isuuf har’a Adoolessa 06 Garee Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Waldaa Bu’uuraa Hojjetoota Duraanii waliin mallatteesseera.

Sagantaa walii mallatteessu har’a gaggeeffame irratti qaamolee lamaan bakka bu’uun kan mallatteessan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo fi Dura ta’aan Waldaa Bu’uuraa Hojjetoota Duraanii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Kiyyaa Lammaa yoo ta’an, dhimmoota faayidaa waloof waliin hojjechuu irratti waliigaltee wal ta’iinsaa mallatteessaniiru.

Baankiin Gadaa kanaan dura, Ebla 10, 2023 Afrikaa Kibbaatti Waldaa Walta’insa Hawaasa Itoophiyaa, waldaa Afrikaa Kibbaatti hawaasa 300,000 ol of keessatti hammate, waliin gama tajaajila faayinaansii fi liqii irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuun isaa ni yaadatama.

Hawaasni waldicha keessa hammataman akka waldaattis ta’e akka gareetti maallaqa sharafa alaa argatan baankicha keessa kaa’uu kan isaan dandeessisu yoo ta’u, kanneen damee invastimantii irratti bobbahu barbaadaniif baankichi liqii mijeessurraa kaasee haalota garaa garaa akka mijeessu ibsameera. Haalli kunis sharafa alaa guddaa biyyattiif kan argamsiisu ta’uus eerameera.

Baankiin Gadaa abbootii aksiyoonaa kuma 28 ol ta’aniin kaappitaala birrii miliyoona 552 kan kaffalamee fi kaappitaala galmaa’e birrii biliyoona 1.167 qabachuun adeemsa hundeeffama isaa xumuree Muddee 22 bara 2022 irraa eegalee hojii jalqabeera. Baankiichi damelee 30n hojii kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaan kanas dameewwan isaa 50 ol geessiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.