Oduu: Mummichi Ministiraa aangoo akka gadhiisan gaafataman; “Uummata kana irraa qarshii tokkollee hin hannu” – MM Abiy Ahmad 

Ministira Mummee Abiy Ahmad (PhD)

Finfinnee, Adoolessa 06/2023 – Yaa’ii idilee 28ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa har’a gaggeeffame irratti gabasa raawwii hojii mootummaa federaalaa bara 2015 irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’uuf deebii laachuuf kan argaman MM Abiy Ahmad (PhD) madda maallaqa pirojektiiwwan gurguddoo akka biyyaatti hojjetamaa jiran baay’een isaa deeggarsa biyyoota kan akka Faransaayi fi Emireetota Araba Gamtoomanii irraa argame ta’uu ibsaniiru. Akkasumas qaala’insi jireenyaa biyyattii dhibbeentaa 30 gahuu kaasuun, mootummaan diinagdeen Itoophiyaa baranaa dhibbeentaa 7.5 akka dabaluu tilmaamu eeran.  

Yaa’ii idilee 28ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa har’a gaggeeffame irratti miseensonni mana marichaa dhimmoota nagaa fi nageenya, misooma fi bulchiinsa gaarii akkasumas hojiiwwan waliigalaa bara bajataa kana keessatti raawwataman irratti gaaffilee jajjaboo Ministira Mummee Abiy Ahmadiif dhiyeessaniiru.

Gaafilee miseensota mana marichaa irraa ka’an 

Bakka bu’aa paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (NAMA) kan ta’e Dassaalanyi Caannee (PhD), erga muummichi ministeeraa gara aangootti dhufanii booda diinagdeen biyyattii “dhukkubsachuu”, dargaggoonni abdii biyya isaanii irraa dhabanii godaanuu jiraachuu fi lammileen nagaan bahanii galuu rakkachuu eeruun paartiin biyya bulchaa jiru aangoo isaa bulchiinsa yeroof akka dabarsu gaafataniiru. 

“Naannoon Amaaraa guutuun dirree waraanaa ta’eera; gariin naannoo Oromiyaas waraanaan hubamaa jira. Namoonni kuma 200 ol ta’an manni isaanii jalaa diigamee karaatti kufaniiru. Akka jecha qondaaltota Badhaadhinaatti ‘hiyyeessa seera qabeessaa’ ta’aniiru. Waraana fi jeequmsaan namoonni miliyoona tokkotti siqan qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru. Lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman lubbuu isaanii dhabaniiru. Rakkoo kana hundaaf itti gaafatamummaa guddaa kan qabu mootummaa badhaadhinaa fi hoggansa fashalaa’aa isin gaggeessitaniiti,” jedhan.

Miseensa mana marichaa kan biraan ammoo mariin Waraana Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan Shanee jedhe waamu) waliin taasifamaa ture sadarkaa maalirra akka gahe gaafatan.

Adaana Tashoomaa, miseensa mana marichaa kan biraa gama isaaniin, “Lammiilee butamanii maallaqa miliyoonaan lakkaa’amu akka kennan gaafatamaa nagaa lammiilee gaaffii keessa galcheera. Rakkoolee naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti mul’atan karaa itti fufiinsa qabuun hiikuun nagaa ummataa eegsisuuf maaltu hojjetamaa jira?” jechuun gaaffii isaanii kaasaniiru. 

Deebii MM Abiy Ahmad

MM Abiy Ahmad gaaffilee ka’eef deebii wayita kennan bara kanatti qaala’insi jireenyaa biyyattii yeroo ammaa jiru 30% ta’uu kaasaniiru. Liqiin Itoophiyaa oomisha waliigalaa biyyattii (dolaara tiriliyoona 6.2) irraa 38% ta’uus eeran. Kana malees, “qonni biyyattii 6.3% guddateera” kan jedhan mummichi ministiraa, ganna baranaa lafa hektaara miliyoona 2 qotuuf karoorfamuu kaasan. 

Kana malees, diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 7.5n guddata jedhame akka tilmaamamu eeraniiru. Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa diinagdeen Itoophiyaa bara kanaa dhibbeentaa 6.1, bara dhufu ammoo dhibbeentaa 6.4 akka guddatu tilmaamuu kan kaasan MM Abiy, dhaabbatichi kana haa jedhu malee mootummaan diinagdeen Itoophiyaa baranaa guddina 7.5% akka agarsiisu tilmaamu ibsaniiru.

“Baatilee 11 darban keessatti galii biiliyoona 365.8 kan galee yoo ta’u, kunis kan bara darbe irraa caalmaa 26.1% qaba. Gama baasiin ammoo birrii biiliyoona 574.5 (kan bara darbe irraa caalmaa 13%) baasneerra. Galii keenya guddisu irratti hojii guddaatu nurraa eegama.

Dhimma hanqina xaa’oon walqabatee rakkoon jiru waraana Raashiyaa fi Yukreen waliin kan walqabatu akka ta’e eeruun, kan bara darbe irraa hafe waliin xaa’oo kuntaala miliyoona 15.9 bitamuu, isa keessaa hanga ammaatti kuntaalli miliyoona 9 gara biyyaa galfamuu kaasaniiru.

Gaaffilee dhimma madda maallaqa pirojektiiwwan gurguddoo akka biyyaatti hojjetamaa jiran ilaalchisee ka’an wayita deebisan pirojektiiwwan kunneen deeggarsa biyyoota akka Faransaayi fi Emireetota Araba Gamtoomanii irraa argameen hojjetamaa jiraachuu ibsan. 

“Dhimma pirojektiiwwan gurguddoo hojjechaa jirru irratti gaaffilee ga’umsa fi maallaqa ni ka’a. Gaaffii ga’umsa kan kaasan obboloonni keenya Afrikaati. Akkamitti saffisa kanaan xumuramu danda’e? Muuxannoo keessan nu qoodaa nuun jedhu. maallaqicha eessaa dhufe kan jedhan warri biyya keessaa fi alaati. Maallaqichi baajata mootummaa irraa haa argamu yoo jenne hin danda’amu waan ta’eef uummata sochoosuu fi deeggarsa biyyoota addunyaa kan akka Faransaay fi Emireetota Araba Gamtoomaniin hojjetamaa jiru.”

“Kabajamaa mana maree kanaa fi uummata keenya fuuldura ofitti amanamummaa guutuun kanin dubbachu barbaadu, nuti uummata keenya irraa birrii tokkollee hin hannu,” jedhan.

“Itoophiyaa keessatti iyya ‘nan miidhame’ jedhu guddisanii dhageessisuun barameera. Fakkeenyaaf lakkoofsa buqqaatota dabaluun barameera,” kan jedhe MM Abiy, dhimma rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee qaamni hidhatee hidhannoo hiikkachuu akka qabu fi gaaffilee abbummaa lafa naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduu ka’an mariidhaan hiikuuf uummatni lammeenu tasgabba’anii itti yaaduun furmaata akka falan gorsan.

Gaaffii bakka bu’aan paartii ABIN Dasaalanyi Caannee kaasan irratti yaada gabaabdu kan kaasan MM Abiy, “akkuma jedhame maddi waraana biyyattii goolaa ture paartii Badhaadhinaa fi ABUT yoo ta’an, waldhabdeen kan uumamu qaamni araarsu dhabamuudhaan waan ta’eef isin warra ABIN eessa turtan jechuun barbaada. Waraana leellisaa turanii amma gara biraatti dhiibuun hin ta’u,” jedhan. “Yoo ani keessa hin jirre paarlaamaan haa diigamu, aangoon haa gadhiifamu kan jedhamu sirri miti,” jedhan.

Dhimma namootni nagaa hidhattootaan ukkaamfaman irratti mootummaan qaamolee kunneen irratti tarkaanfii seera kabachiisu akka itti fufu ibsan. “Shiftaan saba ukkaamsee maallaqa gaafachaa uummata kootif qabsa’a jechu hin danda’u. Mootummaanis gara fuuldura tarkaanfii seera kabachiisuu fi marii itti fufa,” jedhan.

Kana malees, manneen seeraan alaa magaalaa Shaggar keessatti diigaman ilaalchisee mootummaan manneen diigaman kanaaf bakka bu’uu akka raawwanne himan. “Manneen diigaman kunneen seeraan ala waan ta’aniif waan bakka buusnuuf hin jiru. Furmaatni jiru seera qabeessa ta’uu qofadha,” jedhan. 

Dhumarratti Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa baajatni mootummaa federaalaa kan bara 2016 baasii idilee mootummaan federaalaaf Birrii biiliyoona 369.6, baasii kaappitaalaaf Birrii biiliyoona 203.9, deeggarsa naannoleef Birrii biiliyoona 214.07, deeggarsa galmoota misooma itti fufiinsa qabuu hojiirra oolchuuf Birrii biiliyoona 14, walumaa galatti Birrii biiliyoona 801.65 akka ta’u raggaasiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.