Oduu: Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa dhimma qondaalota ABO mana hidhaa jiran irratti mari’achuuf MNO wajjiin beellama qabate

Finfinnee, Adoolessa 7, 2023 – Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haala qabiinsa qondaalota Adda bilisummaa Oromoo (ABO) mana sirreessaa keessa jiranii irratti mootummaa Naannooo Oromiyaa (MNO) wajjiin marii gaggeessuuf beellama qabachuu miidiyaa dhuunfaa biyya keessaa gabaaseera.

Komishinichi haala qabiinsa hoggantoota, miseensotaa fi deeggartoonni ABO mana hidhaa jiranii hordofaa turuu hogganaa biiroo KMNI damee Jimmaa obbo Badhaasaa Lammeessaa yaadachiiseera.

Qondaalonnii, miseensonnii fi deeggartoonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Koongirasii Feederaalaa Oromoo (KFO) haala seera hin hordofiniin jumlaadhaan hidhamaa jiraachuu eeruun hordoffii komishinichi gaggeesseen kan hiikaman jiraachuuibsuun gaggeessitoonni ABO torban ta’an ammas mana sirreessaa keessatti argamu jedhe. Rakkoo kanaaf fala barbaaduuf mootummaa naannichaa wajjiin mariin kan taasifamu ta’uu addeesseera.

ABOn waltajjii fi carraa argate hunda fayyadamuun qondaalotaa, miseensonni fi deeggartoonni paartichaa mana hidhaa keessa jiran akka gadi lakkifaman gaafachaa turuun ni yaadatama.  Karaa biraatiin, humnoonni nageenyaa naannichaa sirreeffamtootarratti sarbiinsa mirga  amoomaa raawwachaa kan jiru ta’uu  KMNI dabalatee qqaamoleen hedduu ibsaniiru. 

Lammiileen nageenyaa naannolee rakkoon nageenyaa jiru keeessa jiraatan poolisiin naanichaa fi milishaan “reebicha ulfaataa” kan raawwatanii fi mirga kan sarban ta’uu eerameera. Ajaja mana murtii kabajuu dhiisuun shakkamtoota mana murtii bilisa akka bahan tumeef poolisii gadi lakkisuu diduun too’annoo jala tursiisaa kan jiru ta’uun ibsameera.

Dameen KMNI Jimmaa keessummaa dhiyeenya kana ajaja mana murtii malee jumlaan namoota qabuu fi hidhuun baramaa dhufuu eeruun gochaan kuni akka dhaabbatu irraa deddeebiin kan gaafanne ta’us daran itti cimaa dhufuu ifa taasiseera.

“Haata’u malee, sarbiinsi mirga namoomaa lammilee nagaa fi sirreeffamttota irratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera,” jechuun qaamni dhimmi ilaallatu tarkaanfii akka fudhatu gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.