Oduu: Paartiin Ezema mariin mootummaa fi WBO gidduutti deemaa jirurratti mootummaan ibsa akka kennu gaafate

Finfinnee, Caamsaa 02, 2023 – Mariin waraana dhaabuu mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaatti taa’amaa jiruurratti mootummaan ummataaf ibsa akka kennu paartiin mormataa Lammiilee Itoopiyaa Haqa Hawaasummaatiif (Ezema) gaafate.

Ezema’n ibsa Caamsaa 02 baaseen, hirmaattota marichaa, qabiyyee marichaa, waliigaltee irra gahamee fi akkamitti hojiirra akka oolu odeefannoon gahaa uummataaf ifa taasisuun “burjaajii fi jeequmsa dabalataa akka hin uumamne” waan fayyaduuf mootummaan ummataaf ibsa akka kennu gaafateera.  

Murteen rakkoo siyaasaa karaa nagaatiin furuuf kan deemame deeggaru ta’uu erga ibsee booda iftoominni milkaa’ina waliigalltichaatiif barbaachisaadha jedheera. Waliigalteen mootummaa Itoophiyaa fi WBO jiddutti biyyaa Eertiraatti godhamee ture milkaa’uu dhabuu yaadachiiseera.

Mariin waraana dhaabuu mootummaa fi WBO gidduutti Kibxata torbee darbeerraa eegalee Taanzaaniyaatti taa’amaa jiru “haala abdii namatti horuun” adeemaa jiraachuun gabaafameera. Qaamoleen lamaan erga mariif taa’aniif torban tokko lakkaa’amus haala adeemsi marichaa maalirra akka jiruu fi waliigaltee irra gahame ilaalchisee ibsi waloos ta’ee dhuunfaatiin kenname homaatuu hin jiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.