Oduu: Dhaabbanni fayyadama Interneetii hordofu KeepItOn jedhamu Itoophiyaan uggura Inteerneetiirra keesse akka kaaftu gaafate

Finfinnee, Caamsaa 02, 2023 – Daabbanni fayyadama inteerneetii addunyaa hordofu KeepItOn jedhamu xalayaa Ebla 27 muummicha ministeeraa Abiy Ahmadiif barreesseen Itoophiyaan uggura Inteerneetiirra keesse akka kaaftu gaafate.

Uggura inteerneetii keessumaa naannoolee Tigraayii fi Amaaraarra kaa’ame akka ka’uu waamicha taasisaniiru. Akka gabaasa kanaatti, tajaajilli inteerneetii broodbaandii hojjachaa kan jiru ta’us tajaajilli interneetii moobayiliitiin kennamu magaalota naannoolee lamaanii hedduu keessatti uggurameera jedhe.

Ummanni Tigraay erga waraanni Sadaasa 2020 eegalee hamma yoonaatti tajaajila hin argatin jiraachuu ibseera. Hokkoraa fi hiriira mormii dhiyeenya naannoo naannoo Amaaraa keessatti uumameen walqabatee inteerneetiin cufamuu xalayichi eereera.

Bara 2016 eegalee Itoophiyaa keessatti intarneetiin si’a 24 cufameera jedhe. Intarneetiin kan cufamu saboota hokkorra siyaasaa, hiriira mormii fi waraanaa ta’uu ifoomseera. Intarneetii cufuun tamsa’iina odeeffannoo addaan kutuun sarbama mirga namoomaa hordofsiisa jedheera.

Battaluma Itoophiyaan uggura interneetiitiin hamatamaa jirtutti waltajjii bulchiinsa intarneetii 17ffaa kan Dhaabbanni mootummoota Gamtoomaniitiin qophaa’u Finfinneetti Sadaasa 28 hamma Mudde 02’tti keessummeessitee ture.    

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.