Oduu: Humni nageenyaa waloo namoota 47 “gochaa shorokeessummaan” yakke too’annoo jala oolche

Finfinnee, Caamsaa01, 2023 – Humni nageenya waloo naannoo Amaaraatti namoota “gochaa shororkeessummaa” raawwachaa argamuu mirkaneesseera jedhe 47 qawwee dhuunfaa fi garee, boombii fi fanjii, akkasumas saatalaayitii fi laaptooppii odeeffannoo garaagaraa qaban wajjiin too’annoo jala oolchuu beeksise.

Ibsi humni waloo baase akka jedhutti, namoonni kunneen qondaalota oolaanoo naannoo Amaaraarratti aggaammii ajjeechaa raawwachuunii fi heera biyyattii humnaan diiguun caasaa mootummaa naannichaa too’achuun aangoo mootummaa feederaalaa dhuunfachuuf biyya keessaa fi alaa gurmaa’uun badiif socho’aa otuu jiranii qabaman jedheera. Kana raawwachuuf namoota 450 aanaalee 130 keessaa filanii qacaruun aanga’oota mootummaa sadarkaa garaagaraatti hogganaman humnaan dhabamsiisuun hoggantoota mataasaaniitiin bakka buusuuf hojjachaa turan.

“Gareen finxaaleyyii” kuni caasaa siyaasaa, waraanaa, intalijansiii, miidiyaa fi faaayinaansii ijaaruun socho’aa jiiru. Caasaa siyaasaa, waraanaa, intalijansii, Faayinaansii fi miidiyaa kan hogganu nama maqaansaa Wandwasan Asaffaa (PhD) nama jedhamu yoo ta’u gareen kuni Itoophiyaanota biyyaa ala jiraatan 16 wajjiin hariiroo uumuun naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota leenjisaa, hidhachiisaa fi bobbaasuun sadarkaa feederalaa fi naannootti hokkoraa fi ajjeechaa akka raawwatan ergama kennaa turuu addeesseera.

Masfin Waldamaariyaam (PhD), Giruum Laaqaw (PhD) fi kanneen biroo biyyaa ala jiraatan caasaa siyaasaa hoggananii fi Antanah Birhaan fi Warquu Guwaaddee biyya keessa ta’uun qarshii alaa ergamu baasuun garee kanneeniif kan dhiyeessan ta’uu sakatta’iinsi godhamee mul’iseera jedhe. Teewoodros Asaffaa namni jedhamus kan harka keesssaa qabus too’atameera. Gaazexeessituu Maskaram Abarraa kan dhiyeenya kana too’annoo jala godhamtee jirtu damee miidiyaa kan hoggantuu damee miidiyaati jedhe.  

Biyya keessa Daawiit Abaraa jedhamummoo gaazexeesssitotta miidiyaa ethio 360 fi marrajaa miidiyaa Haabtaamuu Ayyaaloo, minaalaachaw Simaachaw, Biruuk Yibaas fi Iyyaruusaaleem Taklatsaadiq wajjiin ta’uun, akkasumas Zamadkuun Baqqalaafi Lidatuu Ayyaalee gochaa kana keessaa harka qabachuu sakkatta’iinsi adeemsisee mirkaneesseera kan jedhe koree waloo kanadha. Gareen kunneen namoota amantaa fi sabaan walitti buusuun hokkora guddaa kaasuuf hojjachaa turan jedheera. Hirmaattota gochaa kanaa karaa poolisii idiladdunyaa (interpole) jedhamuun too’atamuun Itoophiyaatiif akka dhiyaatan mootummoota biyyasaanii wajjiin hojjachaa jiraachuu ibseera.

Ajjeechaa sukaneessaan tibbana itti gaafatamaa paartii badhaadhinaa damee naannoo Amaaraa obbo Girmaaa Yashixlaa irratti raawwatame gochaa gareen kanaa ifatti ka mul’isuu ta’uu eereera. Haata’u malee, obbo Girmaan miseensota garee kanaatiin ajjeefaman jedhe ifatti hin ibsine.

Obbo Girmaa Yashixlaa hojii mootummaa fi dhaabichaa raawwatee magaala Mahaal Meedaatii gara Dabra Birhaan imalaa otuu jiranii iddoo Manz Guwaasaa jedhamutti torban darbe haleellaa rasaasaa garee hidhattootaa maqaansaanii hin eeraminiin irratti banameen ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.