Ajjeechaa hogganaa waajjira paartii Badhaadhinaa damee Amaaraa ilaalchisee hanga ammaa maal beekna?

Girmaa Yashixilaa,hogganaa waajjira paartiii Badhaadhinaa damee Amaaraa kan ture

Finfinnee, Ebla 28/2023 – Hogganaa waajjira paartiii Badhaadhinaa damee Amaaraa, Girmaa Yashixlaa, kaleessa Ebla 27 godina Shawaa Kaabaatti iddoo Manz Guwaasaa jedhamutti haleellaa irratti raawwatameen ajjeefame.

Ajjeechaa aanga’aa kana ilaalchisee mootummaa naannoo Amaaraa ibsa baase akka jedhutti, obbo Girmaan kan ajjeefame hojii mootummaa fi dhaabichaa raawwatee magaala Mahaal Meedaatii gara Dabra Birhaan imalaa otuu jiranii iddoo Manz Guwaasaa jedhamutti haleellaa rasaasaa garee hidhattootaa maqaansaanii hin eeraminiin irratti banameeni.

Ajjeefamuun qondaalichaatiin walqabatee mootummoonni naannolee, dhaabbilee fi aanga’oonni biroo ibsa gadaa baasaniiru. Muummichi ministeera Abiy Ahmad ibsa baaseen, hogganaan kun “finxaaleeyyii jeequmsaa kan inni [Girmaan] yaada keenya irraa adda ta’e qabaachuu hin qabu” jedhanii amananiin ajjeefame jedheera.

Akkasumas, Paartii Badhaadhinaa gadda itti dhagahame ibsuun uumata Amaaraa, miseensotaa fi deeggartoota paartii badhaadhinaatiif jajjabina hawweera. Akka ibsichaati, ajjeechaa gameessa siyaasaa kanarrati raawwatame qaamoleen kunneen olaantummaa yaadaa hin fudhannee fi injifatamoo ta’uu mul’isa. “Paartiin keenya namoota obbo Girmaa Yashixlaa ajjeesan hatattamaan hordofee seeratti akka dhiyeessuun murtii haqaatiin dhiiga isaa haaloo akka bahu mirkaneessuu barbaanna,”jedheera.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa ibsa baaseen gadda itti dhagahame erga ibsee booda ajjeechaa qondaala paartii badhaadhinaa kanarratti raawwatame cichee kan falmu ta’uu ibseera. Biiroon sab-qunnamtii mootummaa Itoophiyaa ibsa baaseen, “shororkeessitoota idil addunyaa” gochaa hammeenyaa kana raawwatan seeraaf ni dhiyaatu jedheera.

PBMNO obbo Shimallis Abdiisa ibsa baaseen, ajjeechaan kuni finxaaleyyiin moo’atamuu kan mul’isu yoo ta’u biyya olaantummaan yaadaa itti mirkanaa’ee fi yaadni itti kabajamu ijaaruurraa ka isaan hin dhaabne ta’uu ibse. Yashixlaan “hogganaa cimaa olaantummaa yaadaatti amanuufi kana mirkaneessuuf qabsaa’aa nama tureedha” jedheera. Mootummaa naannoo Sidaamaa, Somaalii, Dirree Dawaa fi kanneen biroos ibsuma wal fakkaatu baasaniiru.

Obbo Girmaan murtee falmisiisaa mootummaan humna addaa naannichaa diiguun waraana biyyoolessaa, federaalaa fi poolisii idileetti makuuf dabarseen walqabtee hiriira mormii ka’eerratti yaada kenneen bulchiinsa mootummaa naannichaa qeeqee ture. Mormiin naannoo Amaaraatti ka’e kun kan uumame sababa qaamni dhimmi ilaallatu ibsa gahaa ummata naannichaatiif hin laatiniif ka’e jedhee ture.

Sirni awwaalchaa haala itti gaafatamummaa isaanii wajjin walsimuun kan gaggeeffamu ta’uu fi sagantaa awwaalchaa booda kan beeksisan ta’uu mootummaa naannoo Amaaraatti koreen sirna awwaalchaa ibseera. AS

 .

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.