Oduu: Mariin mootummaa Itoophiyaa, WBO gidduutti adeemsifamaa jiru haala “abdii namatti horuun” guyyaa afraffaarra gahe

Bitaa irraa: Redwaan Huseen, Prof. Mohaammad Hasan, Dr. Gediyoon Ximootiwoos, Xahaa Abdii

Finfinnee, Ebla 28/2023 – Mariin bakka bu’oota mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti gaggeeffamaa jiru erga eegale har’a guyyaa arfaffaa isaatti kan seene yoo ta’u, dhimmoota haala fi seera adeemsaa dabalatee mata-dureewwan sadarkaa duraa marii bal’aa gaggeessuuf karaa saaquuf gargaaran irratti mariiwwan bal’aa taasifamuu maddeen dhimmichaaf dhiyeenya qaban Addis Standarditti himaniiru.

Maddi odeeffannoo tokko haalli guyyoota afran darbanii keessa ture “kan abdii namatti horuu” akka taʼe ibseera.

Maddeen hayyama waan hin qabneef maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan kunneen, mariin hanga ammaatti taasifamees dhimmoota qabatamaa qaamolee lamaan ittiin mari’chuuf karoorfatan irratti akka hin taane ibsaniiru.

Jalqaba torbee kanaa dubbi himaan barreessaa olaanaa IGAD Nuur Mohaamud Sheekh adeemsa kana “kan Itoophiyaan durfamu fi hogganamu” jechuun ibseera.

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru kun Kibxata Ebla 25 Taanzaaniyaatti eegale jira.

Addis Standard maddeen amanamoo irraa akka odeeffateetti mootummoota biyyaa Norweey, Keeniyaa, fi dhaabbata miti mootummaa IGAD marii kanaaf haala mijeessaa akka jiran maddoota amanamoo isaa irraa hubateera. Hanga yeroo ammaatti qaamoleen marii taasisan lamaan dhimmoota itti mari’atan ilaalchisee ibsa hin baasne.

Dilbata darbe, Ebla 23 Mummicha Ministira Abiy Ahimad, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mariin araaraa taasifamu Kibxata Taanzaaniyaatti akka eegalu ibse ture.

Ibsa MM Abiy booda Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) ibsa baaseen ibsa MM Abiy Ahmad kenneef beekamtii akka kennu ibsuun, “mootumman Itoophiyaa haal dureewwan keenyaa fudhachuu isaa mirkaneessina,” jedheera.

Gorsaa Nageenya Biyyooleessaa MM Abiy Ahmad kan ta’e Redwaan Huseeniin kan durfamu fi Ministira Haqaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos of keessatti hammate gareen marii mootummaa federaalaa, yeroo ammaa kana biyya Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti bakka bu’oota WBO waliin marii taasisaa jiraachuu Addis Standard mirkaneesseera. 

Kana malees, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti itti aanaa itti gaafatamaa basaasa waraanaa kan ta’e Meejar Janaraal Damissoo Amanuu, Boonsaa Iwunatuu [Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa (NISS) irraa], Taanzaaniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’e Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo fi Sadarkaa Pirezdaantii Itti aanaatti Hogganaa Kilaastara Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaa Kafyaalaw Tafarraa marii kana irratti hirmaachaa jiru.

Gama Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa ammoo hayyuu seenaa beekamaa Piroofesar Mohaammad Haasan, Xahaa Abdii, Dr. Bantii Ujuluu fi Ejersoo Urgeessaa irratti argmu. Kana malees, Addis Standard bakka bu’oonni WBO baay’ee bakka sanatti akka argaman hubateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.