As-Jabaa: “Ijoollummaa koo irraa kaasee maatiin koo yeroo walitti qabaman walaloo ofii barreesse nan dubbisaafi ture’ – Abboomaa Margaa

Abboomaa Margaa fi kitaaba walaloo inni barreesse, ‘Araada’

Finfinnee, Ebla 28/2023 – Abboomaa Margaan naannoo Oromiyaa, godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa jalqabaas achuma magaalaa Naqamteetti eegale. Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Beetel keessatti baratee, sanaa booda gara magaalaa Finfinneetti kan deeme yoo ta’u, achiis mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’ina (9-12) mana barumsaa Maajiik Kaarpeet jedhamu keessatti hordofe.

Abboomaan barnoota sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda gara Yunivarsiitii Finfinnee galuun mana barumsaa aartii Tiyaatiraa seenee yeroo ammaa kanatti mana barumsaa kana keessatti barnoota aartii fi tiyaatiraan digirii jalqabaa isaa hordofaa jira, dhuma bara kanaattis ni eebbifama.

Abboomaan dhiheenya kana kitaaba isaa jalqabaa Araada jedhamu maxxansisiise gabaaf dhiyeesera. Kitaabni isaa Araada jedhamu kun tuulaa walaloo of keessaa qaba. Kitaaba haaraa kanaa fi muuxannoo jireenya isaa ilaalchisee tibbana af-gaaffii Addis Standard waliin taasiseen walaloo barreessuu kan eegale yeroo barataa kutaa torbaffaa ture irraa jalqabe akka ta’e himeera. Yeroo ijoollummaa isaa keessatti walaloo hedduu barreessee halkan halkan maatii isaatiif akka dubbisaa ture hima. “Maatiin koo hundi mana keessatti yeroo walitti qabamanitti walaloo ani barreesse nan dubbisaafi ture.”

Abboomaan dhimma falaasamoota walaloo ofiisaa maqaa itti moggaase, muuxannoo isaa fi kitaaba tibbana barreesse ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasiseera. Af-gaaffii Abboomaan tibbana gaazexeessaa Addis Standard Abdii Biyyansaa waliin taasise guutummaa isaa haala armaan gaditti dhiyaateen dubbisaa.

Addis Standard (AS): Dandeettii walaloo barreessuu akkamitti guddifatte, jalqabde?

Abboomaa Margaa: Maatii koo, obboloonni koo barreessitoota turan, walaloo erga barreessanii booda nuuf dubbisu turan, garuu kitaaba hin maxxansine. Walaloo akkan barreessuuf kan na kakaasan fi na utubaan isaani. Sababa maatii koo fi haala kana keessatti dandeettii walaloo barreessuu kanan guddifadhe. Yeroo jalqabaaf walaloo barreessuu kanan jalqabe yeroon barataa kutaa torbaaffaa turetti dha. Yeroon gara Finfinnee deemu carraa walaloo maatii kootiin ala, waltajjiiwwan gurguddoo irratti dubbisuu argadhe. Yeroo jalqabaaf eebba tiyaatira Singiggoo jedhamu irratti kanan carraa walaloo dubbisu argadhe. Sirna baniinsaa eebbaa tiyaatira Tiyaatira Biyyaalessaatti qophaa’e irratti ture carraa koo isa jalqabaa kan argadhe.

AS: Kitaabota meeqa barreessitetta?

Abboomaa: Araada maxxansuu koon dura kitaabota lama, jechuunis kitaaba Riirmaa fi Ormaa jedhuu katabeen ture, Kitaaba laman kanaa kanan barreesse yeroo barataa kutaa sagal ture. Kitaaba koo isaa lammaffaa immoo Sabbata Kush jedhuu kan barreesse yeroo kutaa kudha tokko baradhu ture. Haata’u malee, kitaabonni lamaan kun kan hin maxxanfamne sababa of shakkuu, qulqullinaa fi humna walaloo sanaa gaaffii keessa galchuu irraa kan ka’eeni. Garuu barruulee kan akka Gullallee Post, Aagaa, Biiftuu fi Gaazexaa akka ‘Ethiopian Herald’ irratti walaloo barreessaan ture. Barruulee kana irratti akkasumas waltajjii irrattis walaloo Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitiin barreessa ture. Walaloon koo waltajjiiwwan adda addaa irratti walaloo dubbisuu fi barreessuu bira darbee dhaggeeffattootaaf bifa sagaleetiin tamsa’aa ture.

AS: Kitaaba ‘Araada’ barreessite xumuruuf yeroo meeqa sitti fudhate? Kitaaba kee kana maaliif Araada jettee moggaaste?

Abboomaa: Sirumayyuu kitaabni Araada kitaaba koo maxxanfame isa jalqabaati. Kun kitaaba asoosamaa miti, walaloodha. Walaloon tokko barreessuuf guyyaa tokko ykn ji’a tokko sitti fudhachuu danda’a. Tuullaa walaloon kun walaloo waggoota afran darban keessatti barreeffame irraa kan fudhatamedha. Kitaaba tuullaa walaloo kana keessatti walaloo Araada jedhamutu jira. Egaa, maqaan kitaaba kanaa tuullaa walaloo kanarraa kan fudhatamedha.

Araada kan jedhameef immoo humna inni qabu yookaan jabeenya isaa agarsiisuufi. Walaloon kitaaba, Araada keessatti argamu kun mata dureewwan sadii irratti kan naanna’u yoo ta’u, isaanis Abdii, Jaalalaa fi Amantii dha. Wantoonni sadan kun jiraachuu dhala namaatiif bayyee barbaachisoo fi murteessoodha. Waan kanaa anii baantiiwwaan sadii jedheen waama. Akkasumas walaloo kitaabicha keessatti argaaman kun mata dureewwan sadan kanaa irratti kan hunda’eedha.

AS: Kitaaba walaloo kana keessa waan/yaada haaraa maaltu jira?

Abboomaa: Kitaaba walaloo kana keessatti tooftaalee barreessuu lama fayyadameera. Kana ibsuufis jecha lama uumeera, jechuun Toodii fi Toomaa jedheen moggaaseera. Toodiin tooftaa walaloo sarara sadii fayyadamu yoo ta’u, Toomaan ammoo sarara walaloo lama fayyadamu dha. Sababni jechoota kana itti uumeef halluu fi guddina walaloo gosa kanaa og-barruu keenya keessatti akka dagaaguufi.

Tooftaan ykn bifa walaloo barreessuu gosa kanaa biyyaa Jaappaan keessatti Haayikuu jedhamuun kan baay’ee beekammudha. Itoophiyaa keessatti Obbo Solomoon Dheeressaa walaloo isaa Afaan Amaaraa keessatti tooftaa walaloo kana fayyadamuudhaan kan beekamuudha. Og-barruu Oromoo keessatti barreessitoonni kan akka Yaazoo Kabbadaa fi Nimoonaa Kabbadaa, fi kanneen biroo tooftaa akkanatti fayyadamaniiru garuu jecha kana hin moggaasine ture. Akkasumas kitaaba kana keessatti walaloo gosa adda addaa, walaloo qoosaa, seenessa fi dhiimaa jiraachuu (existentialism) uwwisuuf yaaleera.

Walaloo gosa adda addaa akkasumas kan ilaalcha addunyaa adda addaa ykn ilaalcha addunyaa hundee qabu, fi hubannoo addunyaa kanaa wal faalleessu, ilaalcha kan akka jajjaboo (rigid) fi jijjiiramaa (flexible), cimaa (strong) fi hiyyeessa (poor) of keessaa qabu dha . Kitaabni kun immoo tooftaa walaloo isaatiin alatti, guddina ogbarruu Oromootiif gumaacha kan godhe natti fakkaata. Akkuma argituu qulqullinni waraqaa fi kitaabichaa sadarkaa isaa kan eeggateedha. Akkasumas, kitaabni kun walaloo dubbisan waliin walqabatee dubbisaan akka kaartaa sammuu keessatti (visualize) akka godhuuf yookaan akka mul’isuuf kan isaa gargaaru fakkii kan of keessatti qabatedha. Walumaagalatti kitaabni walaloo kun walitti qabamiinsa yaadotaa fi tooftaalee garaagaraati.

AS: Falaasamni kitaaba kee duuba jiru maali?

Abboomaa: Kitaabni kun falaasama jaalalaa, amantii, dhimma jiraachuu (Existentialism) fi abdii kan of keessaa qabudha. Tokkoffaa Jaalalli wiirtuu sadan kan akka amantii, jiraachuu fi abdii of keessatti qabatudha. Hawaasa kamiyyuu keessatti bakki jaalalaa guddaadha, jaalala malee waliin jiraachuun rakkisaadha. Hawaasni sosocha’uu hariiroo jabaa qabu kamiyyuu jaalalaaf iddoo guddaa kenna, jaalalli fakkeenya walqunnamtii hawaasummaati.

Lammaffaa, Amantiin kutaa jaalalaati, amantiin kamiyyuu keessumma Kiristaanummaa, Islaamummaa, Budiizmii, Hinduummaa, Waaqeffannaa, fi kan kana fakkaatan jaalala fi jaalala walii lallabu. Amantiin jaalalaan walqabatee akkaataa jireenyaa lafa kaa’a, Amantiin seera naamusaa fi haala jireenyaa ollaa keenya, fi naannoo keenya waliin qabu qabnu ni muurteesa.

Sadaffaa,waa’ee jiraachu (existentialism) mana barumsaa yaada hiika jireenya, kaayyoo fi gatii jiraachuu dhala namaa irratti xiyyeeffatudha. Waa’een jiraachuu kun kutaa walaloo kitaabichaa keessatti barreffame jira, jiraachuun maal akka ta’ees ni akeeka. Walaloon tokko tokkoo waa’ee jiraachuu, hiikaa jireenya fi gatii jireenyaa wajjin wal’aansoo kan wal qabudha. Maalummaan wal faallessuu fi waa’ee jiraachuu walaloo kitaabicha keessatti argamaniin qoratameera.

Falaasamni afraffaan kitaabicha keessatti hammatame Abdii dha. Maalummaa abdii, abdii kutannaa wajjin walqabatee jira. Abdiin jiraachuuf abdii kutannaan baay’ee barbaachisaa akka ta’ee ni hubachiisa,wantoonii laman kun jiraachuun isaanii kan wal irratti hunda’ee dha. Hawaasni fi namni dhuunfaa kamiyyuu geengoo abdii fi abdii kutannaa keessa jiraata. Tuullaa walaloo kunis wantoota fi hariiroo laman keessaa jiraan qorata.

AS: Walaloo kitaaba kee keessaa tokko nuuf qooduu dandeessaa? Yaadni walaloo kana duuba jiru maali?

Abboomaa: Tole, walaloo Shiishii jedhamu siniif qoodeera.

Walaloo shiishii

…garuu mukoota muraasaaf

     yeroo guyyaan dhufu,

               bubbee ofii waamaniin,                                                   raafamanii kufu.

Shiishii jechuun sagalee yeroo bubbeen baala raasu dhaga’amu dha. Hireen kamuu calaqqisiisa mataa isaa qaba, calaqqisni kuniis waan hafuu fi waan hin oolledha. Hireen bakka hundatti, bakka kamittuu waan jiruuf akkasummas nama kamiyyuu irratti mudachuu ni danda’a. Hireen ilaalcha wantootni akka isaan ta’anitti waan ta’aniif, waan dirqama ta’eef ta’uu akkasummas maal iyyuu yoo ta’uu danda’uu. Hireen fuula lama qaba, gaarii fi hamaa, lamaan kanaa immoo walqixa fudhachuu fi ilaaluu gaarii dha yaada jedhu of duuba qaba.

AS: Kitaaba dubbistoota fi hordoftoota kee bira akkamitti bira ga’uuf karoorfattee jirta?

Abboomaa: Dhiheenya kana sirna eebba kitaabaa Finfinneetti qopheessine ture, nuufis milkaa’eera. Amma kitaabonni kun manneen kitaabaa, kaffee, fi magaalota Oromiyaa fi Itoophiyaa adda addaatti raabsamaa jiru. Akkasumas kitaabni kun kutaalee addunyaa adda addaatti guutamee jira.

AS: Warra barreessuu fi dandeettii Walaloo barreessuu horachuu barbaadaniif gorsi kee maali?

Abboomaa: Akka ani yaadutti ogummaan walaloo barreessuu kun dhalootaan kan argamu osoo hin taane, walaloo adda addaa dubbisuun kan horatamudha. Warri walaloo barreessuu barbaadan filannoo tokko qofa qaba, innis walaloo shaakaluu fi dubbisuudha. Warra walaleessa ta’uu barbaadaniif dubbisuun murteessaadha. Walaloo addunyaa guutuutti argaman fi walaloo gosa adda addaa hedduu jiran dubbisuun baay’ee murteessadha. Warri walaloo barreessuun qaroo ta’uu barbaadan walaloo Afaan Oromoo, Amaariffaa, fi Ingiliffaan barreeffaman, fi walaloo Afaan Arabaatiin barreeffamee gara Afaan Oromootti hiikame dubbisuu irratti yeroo isaanii dabrsuu qabu. Akkasumas walaloota Looreet Tsaggaayee Gabramadin, Zalaalam Abarraa, Ronaald Chaapmaan, Ruumiii, fi kanneen birootiin barreeffaman waliin wal baruun sadarkaa barreeffama walaloo jabaa fi ergaa guddaa qabu barreessu ni danda’u.

Kana malees namni barreessaa walaloo ta’uu barbaadu sirboota aadaa dhaggeeffachuu fi eenyummaa, gatii fi beekumsa aadaa barachuun dandeettii walaloo isaa gabbisuu fi humna ergaa walaloo isaa jabaa ta’ee gochu danda’a. Akkasumas, kanaan walqabatee seenaa dubbisuun murteessaadha. Sana booda walaloo barreessuu shaakaluu fi shaakaluun ogeessa walaloo ta’uuf utubaa dha. Ogummaa walaloo barreessun adeemsa suuta suutaan guddatudha. Walaloo barreessuu shaakaluun barreessitoota walaloof sababa barreessa ta’uutti (raison d’etre) dha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.