Oduu: Bineensonni paarkii biyyaaleessaa Booranaa hongeetiin garmalee hubaman godaansaa fi adamsa seeraa alaatiif saaxilamaa jiru

Bineensota paarkii biyyaaleessaa Booranaa keessatti argaman keessaa muraasa (Guchii fi Harree diidaa)

Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Ebla 29/2023 – Bineensonni paarkii biyyaaleessaa Booranaa keessatti argaman rakkoo hammaataa hongeetiin walqabatee mudatanii fi adamsa seeraan alaatiif saaaxilamuu bulchiinsi paarkichaa ibseera.

Itti gaafatamaan paarkii biyyaaleessaa Booranaa Nugusee Waataa Addis Standard’itti akka himetti, bineensonni gosa adda addaa paarkicha keessatti argaman kan rakkoolee hongeetiin walqabatee muudataniif saaxilaman lakkoofsaan hedduu ta’an beelaan du’aa, godaanaa fi adamsoo seeraan alaatiif saaxilamaa jiraachuu ibseera. Bineensota paarkichatti argaman hedduu keessaa harree diidaa, goljaa fi jaldeessi bineensota garmalee hubamanii dha.

“Bokkaan yeroo dheeraaf hin roobin tureef hiddi margaa lafa keessatti gogeera. Dhadhachi soorata bineensota kanaaf baay’inaan oolu goguun bineensonni hedduu soorata dhaban du’aa fi godaanaa jiru,” Nugusuutu jedhe. Bineesonni kunneen margaa fi soorata barbaachaaf godaansa biyya keessaa gochaa turaniiru. 

Erga dhiyenya kan bokkaan roobee asitti jijjiiramni gaarii kan jiru ta’uu ibsuun bineensonnii garmalee hubaman ammas dandamachuuf tattaafachaa jiru. Isaan tokko tokko kan bokkaa dandamachuu dadhabuun du’aa jiranis jirus; kan godaananimmoo gara paarkichaatti deebi’aa jiraachuu Nugusuun himeera.

Jiraattonni naannawa paarkichaa kan sababa hongeetiin loon jalaa dhuman bineensota kana karaa seeraa alaatiin adamsaa kan jiran ta’uus dabalee himeera.  Akkasumas, bineesonni hongeedhaan dadhaban tokko tokko yeroo bishaan dhuguu laga bu’an raaree keessaa bahuun dadhaban warabessaa fi bineensota adamsan birootiin nyaatamu. Kan biroommoo erga bokkaan deebi’ee as rooba dandamachuu dadhabanii kan duaniis baay’eedha jedheera.

Allaattii dabalatee bineensonni gosa adda addaa kan lakkoofsaan hedduu ta’an miidhamanis ammaaf lakkoofsaan hammanatu du’e jechuuf qorannoo adeemsisuun kan barbaachisu ta’uu eeruun harreen diidaa bineensots lakkoofsaan hedduu du’an keessaa isa jalqabaa ta’uu addeessaniiru.

Leenca, qeerransa, hamaaqexa, sattawwaa, yeeyyii, saalaa, guchii, harree diidaa gosa lamaa fi kanneen biroo lakkoofsaan hedduu of keessaa ni qaba. Gosa simbirrootaa 286 of keessaa qaba. Arbaa fi gafarsi Keeniyaatii darbee darbee godaananii gara godina Booranaa kan dhufan ta’uu himeera.

Rakkoo soorataa ture furuuf bulchiinsi goodinichaa, bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa fi dhaabbilee feederaalaa adda addaa tumsa taasisaniin marga marga konkolaataadhaan dhiyeesseera.

Paarkiin biyyaalessaa Booranaa qabeenya uumamaatiin kan badhaaadhe fi hawwata tuurizmii cimaa ta’uu kan danda’uu waan ta’eef mootummaan misooma paarkichaaf xiyyeeffannaa akka itti kennus gaafataniiiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.