Oduu: Humni nageenyaa waloo “humnoota finxaaleeyyii” naannoo Amaaraa irratti “tarkaanfii murteessaa” fudhadha jedhe

Finfinnee Ebla 29,2023 – Humni nageenyaa fi sakkatta’iinsa Itoophiyaa “humnoota finxaaleeyyii” adeemsa heeraa naannoo Amaaraa keessa jiru cabsuun humnaan aangoo mootummaa naannichaa dhuunfachuuf” yaaluun yakkerratti “tarkaanfii murteessaa” kan fudhatu ta’uu ibsa kaleessa galgala baaseen addeesseera.

Humni waloo kan tajaajila sakatta’iinsaa fi nageenyaa biyyaalessaa, humna raayyaa ittisa biyyaa, koomishinii poolisii feederaalaa fi dhaabbanni tika nageenya hidha odeeffannoo ibsa gama miidiyaa mootummaatiin baaseen, “humnoonni “ummata Amaaraatiif qabsoofna” jedhan “biyya keessaa fi alaatii qindaa’anii garee dhoksaa uumuun” jiraattota naannichaa “nyaachaa” jiru jedheera.   

Ibsi humna waloo kuni kan bahe, hogganaan biiroo paartii badhaadhina naannoo Amaaraa Girmaa Yashixlaa  “humnoota finxaaleeyyii” ta’aniin rasaasaan ajjeefamuutti aaneeti. Kana malees, Girmaan itti aanaa pireezidaantii naannoo Amaaraa fi miseensa koree giddugaleessa paartichaati.

“Humnoonni finxaaleyyii kunneen badii sukanneessaa isaanii kaleessa agarsiisaniiru,” jechuun “… ajjeechaan sukaneessaan Girmaa Yashixlaarratti raawwatame” eenyummaasaanii ummataaf ifa taasiseera,” dabalee jedheera. Ibsichi kuni Girmaan “ilma naannichaati” jedheera.

Ajjeefamuu qondaala paartichaa yeroo xiqqoo booda ibsa muummichi ministeeraa Abiy Ahmad baaseen, namoonni gochaa kana raawwatan garee “finxaaleessummaa daangaa malee” hordofan kan namoota yaada isaaniitiin morman rasaasaan amansiisuu barbaadan gochaa “saalfachiisaa fi rifaasisaa” kana raawwataniiru jedheera.

Ajjeechaan kun mootummoota naannolee fi miseensota seera baastoota biyyaalessaa dabalatee balaaleffannaa bal’aa argateera. Mootummaan naannoo Amaaraa mataan isaa “dinagdee fi gocha shororkeessummaa humnoonni gara jabeeyyii kunneen naannicha keessatti raawwataa jiran ittisuuf mootummaan naannichaa tarkaanfii seera to’achuu fi kabachiisuu ni fudhata,” jechuun dhaadateerra, hojiin “tumsitoota haleellaa kana keessatti hirmaatan hunda gara seeraatti fiduu” itti fufa jechuun naannichi dabaluun ibseera.

Humni waloo kunis gareewwan maqaan isaanii hin ibsamne “gocha seeraan alaa seelota gurmaa’anii fi qindoominaan itti fufan ofirraa dhoorkuun fi maqaa araaraatiin yookaan akka araara fudhatan fakkeessuni itti fufaniru” jechuun komateera.

Bal’ina “tarkaanfiiwwan murteessoo” jedhaman fudhatamaa jiran ifatti hin ibsine, garuu “hojiin tarkaanfii fudhatamaa jiru ummata beeksisuu…itti fufa” jedheera.

Humni waloo kun “miseensonni garee kanaa hojii seeraan alaa hojjetaniin to’annoo jala oolan hedduun akka jiran” fi dhimmi isaanii qoratamaa akka jiru ifa godheera.

“Olaantummaa seeraa biyyattii akkasumas naannichaa mirkaneessuuf mootummaan itti gaafatamummaa waan qabuuf”, humna waloon “gareewwan, qaamolee fi namoota dhuunfaa maallaqaa fi ilaalchaan garee kana deeggaran kanneen seeraan alaa kana irratti tarkaanfii murteessaa fudhachaa jira.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.