Oduu: Chaayinaan gargaarsa Itoophiyaan lammiishee Sudaanii baasuuf goote galateeffatte

Finfinnee, Ebla 29, 2023 – Lammiilee Chaayinaa biyya Sudaan kan hokkora keessa jirtu keessaa baasuuf gargaarsi Itoophiyaan goote olaanaa ta’uu Itoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Zhiwo Zhiyuwaan ibse.

Ambaasaaddarichi ibsa fuula tiwiitaraarratti baaseen, gargaarsa Itoophiyaan gooteen lammiileen Chaayinaa lakkoofsaan hedduu ta’an nagaan Sudaanii bahanii gara biyyasaanii imaluu addeesseera. Ambaasaaddarichi dinqisiifannaa fi kabaja mootummaa fi ummata Itoophiyaatiif kenneera.

Oduu walfakkaatuun, torban darbe mootummaan Ameerikaa dabalatee biyyoonni garaagaraa lammiilee isaa karaa Itoophiyaatiin Sudaan keessaa baasaniiru.  Kanaaf immoo tumsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Sa’udii Arabiyaa godhaniif galateeffateera. Keeniyaanis lammileeshii karaa Itoophiyaatiin kan baafte yoo ta’u Naayjeeriyaanis qophiirra turuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama.

Ameerikaa dabalatee qaamoleen nageenyaaf hojjatan adda addaa irra deddeebiin waliigaltee waraana dhaabuu akka raawwatan qaamolee waraanatti jiraniif waamicha taasisaniiru. Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad bilbilaan ajajoota waraanaa waldhabdee Sudaan keessatti qooda qaban waliin rakkoon uumame haala karaa nagaan hiikamuu danda’amu irratti mari’ateera

Qaamolee Sudaan waraanatti jiran lamaan marii nageenyaaf eeyyamamoo ta’uunsaaniis gabaafamaa jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.