Oduu: MM Abiy Ahmad waldhabdeen Sudaan haala furamu danda’u irratti hoggantoota waraanaa wal-dhabdeerra jiran waliin mari’ate

Finfinnee, Ebla 28/2023 – Muummichi Ministeera Itoophiyaa Abiy Ahmad bilbilaan ajajoota waraanaa waldhabdee Sudaan keessatti qooda qaban waliin rakkoon uumame haala karaa nagaan hiikamuu danda’amu irratti mari’ateera. 

MM Abiy barreeffama marsaa Twiitara isaa irratti maxxanseen ajajaa waraana Sudaan Janaraal Abdal Fattaah Al-Burhaan fi ajajaa Humna Deeggarsa Saffisaa (RSF) Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaloo waliin haala janaraalonni lamaan garaagarummaa isaanii karaa nagaan furuu danda’anii fi Sudaan keessatti tasgabbii fiduun danda’amu irratti bilbilaan marii taasisuu ibseera.

Ajajaa Humna Deeggarsa Saffisaa (RSF) Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaloo, gama isaatiin Muummicha Ministira Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin rakkoon nageenyaa Sudaan keessatti uumame karaa itti xumuramu qabu irratti mari’achuu mirkaneesseera. Janaraal Dagaaloon, “waldhabdeen Sudaan keessatti adeemsifamaa jiru haala akkamiin akka furamuu danda’amuu irratti yaada wal jijjiirreerra,” jedhe. 

Akka Janaraalichi jedhutti, MM Abiy Ahmad rakkoo nageenyaa Sudaanif furmaata barbaaduun barbaachisaa ta’uu isaa dhaameera. Itti dabaluun, Itoophiyaan deeggersa baraabachisu Sudaaniif akka gootu, akkasumas Sudaan rakkoo amma keessa jirtu irraa akka baatuuf gargaarsa godhuuf qophii ta’uu isaa nuuf ibseera jedhe.

Humni Deeggarsa Saffisaa (RSF), Sudaan keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota sadiif dheeressuuf walii galuu ibseera. Waraanni Sudaan gama isaatiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu sa’aatii 72 dabalataaf dheeressuuf waliigaluu isaa ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.