Oduu: Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa murtee fi ibsa Mana Maree Gamtaa Awurooppaa irraa kenname haala gaariin akka ilaalu beeksise

Finfinnee, Ebla 27/2023 – Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa murtee Manni Maree Gamtaa Awurooppaa Itoophiyaa ilaalchisuun dabarse irratti ibsa baaseera. Ministeerichi ibsa kenneen murtee mana marichaa kana haala gaariin akka ilaalu beeksiseera. 

Itoophiyaan tumsa gamticha waliin qabdu haaromsuuf cimtee hojjechaa akka jirtu kan ibse Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa yoo ta’u, itti dabaluun immoo murteen manni maree gamtichaa dabarse tumsa kana daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu isaa ibseera.

Manni Maree Gamtaa Awurooppaa ibsa Ebla 24 baase keessatti sagantaa deeggarsa dameelee hedduu waggaa waggaadhaan gaggeeffamu deebisee jalqabuuf qophii ta’uu isaa, dhaabbileen faayinaansii idil-addunyaa ajandaa tasgabbii fi haaromsa dinagdee biyyattii daran akka jajjabeessan akka gaafataman, akkasumas biyyoonni liqii kennan liqaa Itoophiyaa wabii taasisuun hatattamaan akka xumuramu adeemsi marii akka gaafatan ibseera.

Manni marichi hariiroo Itoophiyaa waliin qabu guutummaatti deebisuuf akka kaayyaffate fi biyyattiitti nagaa waaraa buusuuf gumaacha gochuuf qophii ta’uu isaa beeksiseera. 

Itoophiyaan nagaa eegsisuuf, haaromsa diinagdee fi lammiilee ishee waraana kanaan miidhaman deebiste dhaabuuf sadarkaa carraaqqii guddaa taasisaa jirtutti, biyyoonni michoota ta’an hariiroo isaanii cimsuuf hojjechaa akka jiran ibsi mootummaan Itoophiyaa irraa kenname ni adeessa. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.