Oduu: Weerara busaa Oromiyaatti mudateen lubbuu namoota 18 darbe; weerara Koleeraa, hongee fi balaan lolaa rakkoo fayyaa Oromiyaa daran hammeessaa jira

Gaaddisa buqqaatota godina Booranaa aanaa Dubulluq keessatti argamu. Suuraa: Addis Standard

Finfinnee, Ebla 26/2023 – Erga Koleeraan si’a duraatiif Hagayya 2022 keessa mul’atee eegalee hamma Ebla 22, 2023 naannoo Oromiyaa keessatti namoonni 3,860 ta’an dhibee koleeraatiin qabamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeesssaan Gargaarsa Namoomaa (OCHA) beeksiseera. Weerarri koleeraa dhibeewwan Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf turan keessaa isa tokkoodha jedheera.

Akka gabasichaatti, Ebla 15 hanga 22’tti namoonni 217 godinoota Booranaa fi Gujii keessatti qofa Koleeraatiin qabamaniiru.

Aanaalee 18 godina Baalee, Baalee Bahaa, Gujii, Arsii Lixaa, fi Booranaa keessatti argaman dhukkubichaan garmalee hubamaniiru. Akka gabaasichaatti dhukkubichaa gara naannoo saba, sablammootaa fi ummatoota kibbaa dabalatee gara naannolee birootti saffisaan babal’achaa jira.

Kana malees, dhibeen koleeraa aanaa Taltalleetti akka haaraatti mul’achaa jira.

Akkasumas, jalqaba 2023 irraa eegalee naannoo Oromiyaa gandoota 149 keessatti namoonni 1,274 ta’an dhibee busaatiin qabamuu fi 18 dhukkuba busaatiin du’uu ibsameera. Kan dhibichaan qabaman keessaa harki caalaan daa’imman umrii shanii gadii ta’uus ibseera.

Tamsa’ina dhibee kanaa hir’isuuf hirmaannaa qindaa’aa gochuun barbaachsaadha kan jedhu OCHAn qaamoleen fayyaa koleeraadhaaf xiyyeeffannaa akka kennan gaafateera.

Akka gabaasa OCHA’tti, sababbiin tamsa’inni dhukkubootaa saffisaan dabalaa jiruuf dhabamuu tasgabbiitiin walqabatee talaalliin dhukkubootaaf kennanmu iddoo tokko tokkotti addaan citee turuusaati.

Namoonni Harargee Lixaatti maatiileen 72,000 ol ta’an beelaaf saaxilamuu fi maatiileen 19,000 ta’animmoo lolaadhaan miidhaman gargaarsa hatattamaa lubbuu baraaruu kan barbaadan ta’uu gabaasichi eereera.

Gandoota 41 aanaalee afur goodina Baalee fi aanaalee naannoo Somaalee lama keessatti namoonni 491 Kooleeran qabamanii 20 du’aniiru. Kana malees namoonnii 555,000 ta’an immoo weerarichaaf kan saaxilaman ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeesssaan gargaarsa namoomaa (OCHA) ibsa Sadaasa 23, 2022 baaseen beeksisee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.