Oduu: Jiraattota Oromiyaa rakkoo faalama albuuda Warqeen miidhamaniif beenyaa barbaachisu raawwatamuufi qaba: HRW

Finfinnee, Ebla 26/2023 -Warshaaleen godina Gujii keessatti hojii albuuda warqee baasan garee misoomaa Midroc fi warshaan qulqulleessituu Swiizarlaand Argoor-Heerawuus jedhaman rakkoo faalama naannoo hir’isuuf tarkaanfii tokkollee otuu hin fudhatin omisha itti fufuu dhaabbanni mirga namaaf falmu ‘Human Rights Watch’ (HRW) ibseera.

HRW ibsa Ebla 26 baaseen, warshaaleen albuudaa kunneen waggoota dheeraaf rakkoo fayyaa hammaataa jiraattota naannichaarratti qaqqabsiisaa kan jiran ta’uu qorannoon dhaabbilee garaagaraa wajjiin ta’uun adeemsise mul’iseera jedhe.

Faalama qilleensaa fi rakkoo fayyaa jiraattotarra gahaa jiruun walqabatee mormii jiraattonni kaasanii turan hordofuun mootummaan Itoophiyaa Caamsaa 2018 keessa eeyyama warshaa albuuda warqee Laga Dambii addaan kutee ture. Mootummaan Itoophiyaa hanga rakkoo faalama qilleensaa kana furuuf tarkaanfii kan fudhatan yoo ta’e malee dhaabbilee kanaaf eeyyama hin kennu kan jedhee ture ta’uus dhaabbileen kunneen Bitootessa 2021 eegalee omishuu itti fufanii kan jiran ta’uu ibsichi addeesseera.

Mootummaan rakkoo faalama qilleensaa kan rakkoo fayyaa hammaataa jiraattota naanichaa irraan gahaa jiru kana otuu hin furin omisha eegalsiisuun sirrii miti jechuun omisha kana hatattamaan akka addaan kutu HRW waamicha taasiseera. Dhaabbileen omisha albuuda hojjatan kunneen jiraattota naannichaatiif beenyaa raawwachuu qabus jedheera.

Kana malees, dhaabbileen kun rakkoo uumame kana akka sirreessan hubachiiseera. 

Jiraattoonni naannoo Oromiyaa godina Gujii magaala Shaakkisoo knan warshaa albuuda kanatti dhiyootti jiraatan  keessumaa daa’imman reefu dhalatan irratti rakkoo fayyaa fi qaama miidhamummaan mul’achaa jiraachuu komii dhiyeessaa turuu ibsichi yaadachiiseera.

Biyyoo naannoo sanaa keessatti Nikeelii, Kiroomiyemii fi Arseenikiin hedduminaan kan argaman yoo ta’u bishaan keessattimmoo arseeniikiin baay’inaan jiraachuu qorannoon Yuuunivarsitiin Finfinnee bara 2018 adeemsise mul’iseera.  Hawaasni naannawa sana jiraatan summiidhaaf kan saaxilaman ta’uu qorannoon dhaabbanni fayyaa hawaasaa Itoophiyaas mul’iseera.

Ministeerri albuudaa Itoophiyaa eeyyama warshaa  warqee Midroc haaromsuu hordofuun hiriirri mormii nagaalota Adoolaa fi Shaakkisoo keessatti godhamee ture. Mormii kana hordofuun torban lama booda eeyyama warshichaa kan addaan kute ta’uu ministeerichi ibsee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.