Oduu: Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti taasifamu Taanzaaniyaatti eegaleera

Finfinnee, Ebla 26/2023 – Waldhabdee fi rakkoo nageenyaa waggoota shanan darbaniif Oromiyaa raasaa jiru furuuf yaadamee mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamu biyya Taanzaaniyaatti eegale jira.

Dubbi himaan barreessaa olaanaa IGAD kan ta’e Nuur Mohaamud Sheekh kaleessa galgala Addis Standarditti akka himetti, ”marii kanaaf qophiin taasifamaa jira,” jedhe ture

Itti dabaluun, “Barreessaan olaanaa IGAD Dr Warqinah Gabayyoo yeroo hunda waajjirri isaanii garee lamaaniifuu banaa akka ta’e fi itti fayyadamuu akka danda’an itti himeera. Akkasumas qaamolee lamaan kanaaf milkaa’ina hawweera,” jedhe. 

Addis Standard akka odeeffateetti mootummoota biyyaa Norweey, Keeniyaa, fi dhaabbata miti mootummaa IGAD marii kanaaf haala mijeessaa akka jiran maddoota amanamoo isaa irraa hubateera. Hanga yeroo ammaatti qaamoleen marii taasisan lamaan dhimmoota itti mari’atan ilaalchisee ibsa hin baasne.

Dilbata Ebla 23 Mummicha Ministira Abiy Ahimad, Waraana Bilisummaa Oromoo Caamsaa 2021 mootummaan Itoophiyaa shororkeessaa jechuun paarlamaa biyyattiin raggaase waliin mariin araaraa taasifamu Kibxata Taanzaaniyaatti akka eegalu ibse ture.

Ibsa MM Abiy booda Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) ibsa baaseen ibsa MM Abiy Ahmad kenneef beekamtii akka kennu ibsuun, “mootumman Itoophiyaa haal dureewwan keenyaa fudhachuu isaa mirkaneessina,” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.