Oduu: MM Abiy mariin WBO fi mootummaa gidduutti taasifamu Kibxata Taanzaaniyaatti akka eegalu beeksise; WBOn marii kanaaf beekamtii kennuu ibseera

Ministira Muummee Abiy Ahmadii fi Ajajaa WBO Kumsaa Dirribaa (Jaal Marroo)

Finfinnee, Ebla 24/2023 – Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) ibsa Ministira Muummee Abiy Ahmad Dilbata kenneen Kibxata dhufu mootummaa fi WBO gidduu Taanzaaniyaa keessatti marii akka gaggeeffamu dubbate ilaalchisee ibsa baaseen “beekamtii kan kennu ta’uu” beeksiseera. “Mootummaan Itoophiyaa haal-dureewwan keenya fudhachuu mirkaneessina,” jedheera.

Sagantaa Dilbata waaree booda Finfinneetti qooda fudhattoota waraana mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduu waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuruuf gahee taphataniif beekamtii kennuuf qophaa’e irratti haasaa tamsaasa kallattiin taasiseen MM Abiy “marii ABO/Shanee waliin gaggeeffamu iftaan Taanzaaniyaatti ni jalqaba,” jedheera.

Haata’u malee, WBOn, mootummaan jaarmiyaa waggoota shanan darbaniif humnoota mootummaa Oromiyaa keessatti socho’an waliin waraana keessa ture kana maqaa “Shanee” jedhuun waamu isaa cimsee akka mormu ibseera.  

“Maqaan jaarmiyaa keenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’u, moggaasni biraa kamuu sirrii kan hin taane fi eenyummaa fi kaayyoo keenya dogoggoraan ibsuuf kan yaalamuudha. Sirnichi odeeffannoo sobaa akkanaa tamsaasuu akka dhaabu gaafanna,” jechuun gareen kun mootummaan “ABO/Shanee” jedhee waamuun isaa mormeera.

WBOn mariin kun “hirmaannaa giddu-galeessa qaama sadaffaa walaba ta’ee fi adeemsa kana hunda keessatti iftoomina eeguuf waadaa galuu” kan hammate ta’uu ibsuun, kunis “nageenya waaraa naannicha keessatti uumuuf tarkaanfii murteessaa fi gaarii ta’edha” jedheera.

Garuu mootummaanis ta’e WBOn mariisistoota kana ilaalchisee bal’inaan hin ibsine.

Ibsi qaamolee lamaan irraa kenname kun, waggoota shanan darban keessatti lola naannicha keessatti lubbuu namoota heddu balleessee akka xumuramuuf miseensota Caffee naannoo Oromiyaa bakka bu’an dabalatee qaamolee adda addaan waamicha nagaa yeroo guddachaa jirutti as bahe.

MM Abiy haasaa isaa keessatti mootummaa fi ummanni “marii kana baay’ee barbaada,” jechuun “qaamni hundi” akka fakkeenyaatti “har’a akka yaadu” fi “faayidaan tokkollee” waraana keessaa akka hin baane akka ilaalan waamicha dhiyeesseera. Uummatni Wallaggaaf “boqonnaa” isaaf malu dhiyeessuuf, qaamni hundi nagaa cimsuuf gahee bahachuu akka qabanis dubbateera.

WBOn gama isaatiin “marii irratti hirmaachuu fi furmaata karaa nagaa hawwii ummata Oromoo ilaalu irratti hojjechuuf kutannoo isaa kan hin raafamne” ta’uu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.